MyDugsiStart learning

Surah At-Takwir in Oromo: translation and audio

Surah 81 · التكوير · The Overthrowing · 29 verses

Surah At-Takwir verse by verse: the Arabic with a recitation you can repeat, the transliteration, and the Oromo translation by Ghali Apapur Apaghuna. For the meaning of every word, see Surah At-Takwir word by word in English.

Verse 1

إِذَا ٱلشَّمْسُ كُوِّرَتْ

Transliteration idhā l-shamsu kuwwirat

Oromo Yeroo aduun maramte,

Verse 2

وَإِذَا ٱلنُّجُومُ ٱنكَدَرَتْ

Transliteration wa-idhā l-nujūmu inkadarat

Oromo Yeroo urjiin harcaate,

Verse 3

وَإِذَا ٱلْجِبَالُ سُيِّرَتْ

Transliteration wa-idhā l-jibālu suyyirat

Oromo Yeroo gaarreen bakkaa oofamte,

Verse 4

وَإِذَا ٱلْعِشَارُ عُطِّلَتْ

Transliteration wa-idhā l-ʿishāru ʿuṭṭilat

Oromo Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte),

Verse 5

وَإِذَا ٱلْوُحُوشُ حُشِرَتْ

Transliteration wa-idhā l-wuḥūshu ḥushirat

Oromo Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte,

Verse 6

وَإِذَا ٱلْبِحَارُ سُجِّرَتْ

Transliteration wa-idhā l-biḥāru sujjirat

Oromo Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti boba'an),

Verse 7

وَإِذَا ٱلنُّفُوسُ زُوِّجَتْ

Transliteration wa-idhā l-nufūsu zuwwijat

Oromo Yeroo lubbuun hundi qindeeffamte

Verse 8

وَإِذَا ٱلْمَوْءُۥدَةُ سُئِلَتْ

Transliteration wa-idhā l-mawūdatu su-ilat

Oromo Yeroo durbi fayyaan awwaalamte gaafatamte,

Verse 9

بِأَىِّ ذَنۢبٍ قُتِلَتْ

Transliteration bi-ayyi dhanbin qutilat

Oromo Balleessa kamiif akka ajjeefamte;

Verse 10

وَإِذَا ٱلصُّحُفُ نُشِرَتْ

Transliteration wa-idhā l-ṣuḥufu nushirat

Oromo Yeroo galmeen (hojii) raabsamte,

Verse 11

وَإِذَا ٱلسَّمَآءُ كُشِطَتْ

Transliteration wa-idhā l-samāu kushiṭat

Oromo Yeroo samiin buqqifamtee maramte,

Verse 12

وَإِذَا ٱلْجَحِيمُ سُعِّرَتْ

Transliteration wa-idhā l-jaḥīmu suʿʿirat

Oromo Yeroo ibiddi qabsiifamte,

Verse 13

وَإِذَا ٱلْجَنَّةُ أُزْلِفَتْ

Transliteration wa-idhā l-janatu uz'lifat

Oromo Yeroo jannanni dhiheeffamte,

Verse 14

عَلِمَتْ نَفْسٌ مَّآ أَحْضَرَتْ

Transliteration ʿalimat nafsun mā aḥḍarat

Oromo Lubbuun waan dalagatte beekteetti.

Verse 15

فَلَآ أُقْسِمُ بِٱلْخُنَّسِ

Transliteration falā uq'simu bil-khunasi

Oromo (Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha.

Verse 16

ٱلْجَوَارِ ٱلْكُنَّسِ

Transliteration al-jawāri l-kunasi

Oromo (Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha).

Verse 17

وَٱلَّيْلِ إِذَا عَسْعَسَ

Transliteration wa-al-layli idhā ʿasʿasa

Oromo Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha),

Verse 18

وَٱلصُّبْحِ إِذَا تَنَفَّسَ

Transliteration wal-ṣub'ḥi idhā tanaffasa

Oromo Bariittillee yeroo inni diriiren (kakadha),

Verse 19

إِنَّهُۥ لَقَوْلُ رَسُولٍ كَرِيمٍ

Transliteration innahu laqawlu rasūlin karīmin

Oromo Dhugumatti, inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati

Verse 20

ذِى قُوَّةٍ عِندَ ذِى ٱلْعَرْشِ مَكِينٍ

Transliteration dhī quwwatin ʿinda dhī l-ʿarshi makīnin

Oromo (Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu.

Verse 21

مُّطَاعٍ ثَمَّ أَمِينٍ

Transliteration muṭāʿin thamma amīnin

Oromo Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e.

Verse 22

وَمَا صَاحِبُكُم بِمَجْنُونٍ

Transliteration wamā ṣāḥibukum bimajnūnin

Oromo Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti.

Verse 23

وَلَقَدْ رَءَاهُ بِٱلْأُفُقِ ٱلْمُبِينِ

Transliteration walaqad raāhu bil-ufuqi l-mubīni

Oromo Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira.

Verse 24

وَمَا هُوَ عَلَى ٱلْغَيْبِ بِضَنِينٍ

Transliteration wamā huwa ʿalā l-ghaybi biḍanīnin

Oromo Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don'aa miti (hin dhoksu).

Verse 25

وَمَا هُوَ بِقَوْلِ شَيْطَـٰنٍ رَّجِيمٍ

Transliteration wamā huwa biqawli shayṭānin rajīmin

Oromo Innis (Qur'aanni) jecha sheeyxaana darbamaa miti.

Verse 26

فَأَيْنَ تَذْهَبُونَ

Transliteration fa-ayna tadhhabūna

Oromo Mee eessuma deemtu?

Verse 27

إِنْ هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَـٰلَمِينَ

Transliteration in huwa illā dhik'run lil'ʿālamīna

Oromo Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti.

Verse 28

لِمَن شَآءَ مِنكُمْ أَن يَسْتَقِيمَ

Transliteration liman shāa minkum an yastaqīma

Oromo Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a).

Verse 29

وَمَا تَشَآءُونَ إِلَّآ أَن يَشَآءَ ٱللَّهُ رَبُّ ٱلْعَـٰلَمِينَ

Transliteration wamā tashāūna illā an yashāa l-lahu rabbu l-ʿālamīna

Oromo Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu

Read Surah At-Takwir in another language

All languages

All 114 surahs in Oromo: the Qur’an in Oromo.

Learn it in MyDugsi

Oromo translation: Ghali Apapur Apaghuna, from Quran.com. Transliteration: Quran.com. Recitation: Mishary Alafasy, from EveryAyah.com. MyDugsi is a learning aid, not a replacement for a qualified teacher.