Surah An-Nazi'at in Oromo: translation and audio
Surah 79 · النازعات · Those who drag forth · 46 verses
Surah An-Nazi'at verse by verse: the Arabic with a recitation you can repeat, the transliteration, and the Oromo translation by Ghali Apapur Apaghuna. For the meaning of every word, see Surah An-Nazi'at word by word in English.
Verse 1
وَٱلنَّـٰزِعَـٰتِ غَرْقًا
Transliteration wal-nāziʿāti gharqan
Oromo [Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha).
Verse 2
وَٱلنَّـٰشِطَـٰتِ نَشْطًا
Transliteration wal-nāshiṭāti nashṭan
Oromo [Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis.
Verse 3
وَٱلسَّـٰبِحَـٰتِ سَبْحًا
Transliteration wal-sābiḥāti sabḥan
Oromo [Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis.
Verse 4
فَٱلسَّـٰبِقَـٰتِ سَبْقًا
Transliteration fal-sābiqāti sabqan
Oromo Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis
Verse 5
فَٱلْمُدَبِّرَٰتِ أَمْرًا
Transliteration fal-mudabirāti amran
Oromo (Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha
Verse 6
يَوْمَ تَرْجُفُ ٱلرَّاجِفَةُ
Transliteration yawma tarjufu l-rājifatu
Oromo Guyyaa sochootuun [afuuffiin xurumbaa nama] sochooftu;
Verse 7
تَتْبَعُهَا ٱلرَّادِفَةُ
Transliteration tatbaʿuhā l-rādifatu
Oromo Hordoftuutu (afuuffii biraatu) ishee hordofa.
Verse 8
قُلُوبٌ يَوْمَئِذٍ وَاجِفَةٌ
Transliteration qulūbun yawma-idhin wājifatun
Oromo Onneen gariin guyyaa san rifattuudha.
Verse 9
أَبْصَـٰرُهَا خَـٰشِعَةٌ
Transliteration abṣāruhā khāshiʿatun
Oromo Ijji ishee salphattuudha.
Verse 10
يَقُولُونَ أَءِنَّا لَمَرْدُودُونَ فِى ٱلْحَافِرَةِ
Transliteration yaqūlūna a-innā lamardūdūna fī l-ḥāfirati
Oromo Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa?
Verse 11
أَءِذَا كُنَّا عِظَـٰمًا نَّخِرَةً
Transliteration a-idhā kunnā ʿiẓāman nakhiratan
Oromo Sila erga lafee dhumte taanee moo?
Verse 12
قَالُوا۟ تِلْكَ إِذًا كَرَّةٌ خَاسِرَةٌ
Transliteration qālū til'ka idhan karratun khāsiratun
Oromo Yoo akkas ta'e sun deebii hoongooti" jedhan.
Verse 13
فَإِنَّمَا هِىَ زَجْرَةٌ وَٰحِدَةٌ
Transliteration fa-innamā hiya zajratun wāḥidatun
Oromo Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa.
Verse 14
فَإِذَا هُم بِٱلسَّاهِرَةِ
Transliteration fa-idhā hum bil-sāhirati
Oromo Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta'u
Verse 15
هَلْ أَتَىٰكَ حَدِيثُ مُوسَىٰٓ
Transliteration hal atāka ḥadīthu mūsā
Oromo Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee?
Verse 16
إِذْ نَادَىٰهُ رَبُّهُۥ بِٱلْوَادِ ٱلْمُقَدَّسِ طُوًى
Transliteration idh nādāhu rabbuhu bil-wādi l-muqadasi ṭuwan
Oromo Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe.
Verse 17
ٱذْهَبْ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ إِنَّهُۥ طَغَىٰ
Transliteration idh'hab ilā fir'ʿawna innahu ṭaghā
Oromo Gara Fir'awn deemi; inni daangaa darbee jira.
Verse 18
فَقُلْ هَل لَّكَ إِلَىٰٓ أَن تَزَكَّىٰ
Transliteration faqul hal laka ilā an tazakkā
Oromo Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa?
Verse 19
وَأَهْدِيَكَ إِلَىٰ رَبِّكَ فَتَخْشَىٰ
Transliteration wa-ahdiyaka ilā rabbika fatakhshā
Oromo Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa)."
Verse 20
فَأَرَىٰهُ ٱلْـَٔايَةَ ٱلْكُبْرَىٰ
Transliteration fa-arāhu l-āyata l-kub'rā
Oromo [Muusan] mallattoo guddaa isa (Fir'awniin) agarsiise.
Verse 21
فَكَذَّبَ وَعَصَىٰ
Transliteration fakadhaba waʿaṣā
Oromo Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse.
Verse 22
ثُمَّ أَدْبَرَ يَسْعَىٰ
Transliteration thumma adbara yasʿā
Oromo Ergasii ariifataa gara gale.
Verse 23
فَحَشَرَ فَنَادَىٰ
Transliteration faḥashara fanādā
Oromo Sana booda walitti qabee lallabe:
Verse 24
فَقَالَ أَنَا۠ رَبُّكُمُ ٱلْأَعْلَىٰ
Transliteration faqāla anā rabbukumu l-aʿlā
Oromo “Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe.
Verse 25
فَأَخَذَهُ ٱللَّهُ نَكَالَ ٱلْـَٔاخِرَةِ وَٱلْأُولَىٰٓ
Transliteration fa-akhadhahu l-lahu nakāla l-ākhirati wal-ūlā
Oromo Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe.
Verse 26
إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَعِبْرَةً لِّمَن يَخْشَىٰٓ
Transliteration inna fī dhālika laʿib'ratan liman yakhshā
Oromo Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira.
Verse 27
ءَأَنتُمْ أَشَدُّ خَلْقًا أَمِ ٱلسَّمَآءُ ۚ بَنَىٰهَا
Transliteration a-antum ashaddu khalqan ami l-samāu banāhā
Oromo Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare.
Verse 28
رَفَعَ سَمْكَهَا فَسَوَّىٰهَا
Transliteration rafaʿa samkahā fasawwāhā
Oromo Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse.
Verse 29
وَأَغْطَشَ لَيْلَهَا وَأَخْرَجَ ضُحَىٰهَا
Transliteration wa-aghṭasha laylahā wa-akhraja ḍuḥāhā
Oromo Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse.
Verse 30
وَٱلْأَرْضَ بَعْدَ ذَٰلِكَ دَحَىٰهَآ
Transliteration wal-arḍa baʿda dhālika daḥāhā
Oromo Dachii sana booda sirreesse.
Verse 31
أَخْرَجَ مِنْهَا مَآءَهَا وَمَرْعَىٰهَا
Transliteration akhraja min'hā māahā wamarʿāhā
Oromo Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase.
Verse 32
وَٱلْجِبَالَ أَرْسَىٰهَا
Transliteration wal-jibāla arsāhā
Oromo Gaarreenis dachii irra ni dhaabe.
Verse 33
مَتَـٰعًا لَّكُمْ وَلِأَنْعَـٰمِكُمْ
Transliteration matāʿan lakum wali-anʿāmikum
Oromo Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe].
Verse 34
فَإِذَا جَآءَتِ ٱلطَّآمَّةُ ٱلْكُبْرَىٰ
Transliteration fa-idhā jāati l-ṭāmatu l-kub'rā
Oromo Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte,
Verse 35
يَوْمَ يَتَذَكَّرُ ٱلْإِنسَـٰنُ مَا سَعَىٰ
Transliteration yawma yatadhakkaru l-insānu mā saʿā
Oromo Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu,
Verse 36
وَبُرِّزَتِ ٱلْجَحِيمُ لِمَن يَرَىٰ
Transliteration waburrizati l-jaḥīmu liman yarā
Oromo (Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mul'atte,
Verse 37
فَأَمَّا مَن طَغَىٰ
Transliteration fa-ammā man ṭaghā
Oromo Namni daangaa dabree,
Verse 38
وَءَاثَرَ ٱلْحَيَوٰةَ ٱلدُّنْيَا
Transliteration waāthara l-ḥayata l-dun'yā
Oromo Jireenya addunyaa kanaa filate,
Verse 39
فَإِنَّ ٱلْجَحِيمَ هِىَ ٱلْمَأْوَىٰ
Transliteration fa-inna l-jaḥīma hiya l-mawā
Oromo Dhugumatti, teesson isaa jahannami.
Verse 40
وَأَمَّا مَنْ خَافَ مَقَامَ رَبِّهِۦ وَنَهَى ٱلنَّفْسَ عَنِ ٱلْهَوَىٰ
Transliteration wa-ammā man khāfa maqāma rabbihi wanahā l-nafsa ʿani l-hawā
Oromo Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu irraa dhorge,
Verse 41
فَإِنَّ ٱلْجَنَّةَ هِىَ ٱلْمَأْوَىٰ
Transliteration fa-inna l-janata hiya l-mawā
Oromo Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati.
Verse 42
يَسْـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرْسَىٰهَا
Transliteration yasalūnaka ʿani l-sāʿati ayyāna mur'sāhā
Oromo [Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa, yoom argamtii ishee si gaafatu.
Verse 43
فِيمَ أَنتَ مِن ذِكْرَىٰهَآ
Transliteration fīma anta min dhik'rāhā
Oromo Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta?
Verse 44
إِلَىٰ رَبِّكَ مُنتَهَىٰهَآ
Transliteration ilā rabbika muntahāhā
Oromo Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti.
Verse 45
إِنَّمَآ أَنتَ مُنذِرُ مَن يَخْشَىٰهَا
Transliteration innamā anta mundhiru man yakhshāhā
Oromo Dhugumatti, ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti.
Verse 46
كَأَنَّهُمْ يَوْمَ يَرَوْنَهَا لَمْ يَلْبَثُوٓا۟ إِلَّا عَشِيَّةً أَوْ ضُحَىٰهَا
Transliteration ka-annahum yawma yarawnahā lam yalbathū illā ʿashiyyatan aw ḍuḥāhā
Oromo Isaan guyyaa ishee argan waan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata
Read Surah An-Nazi'at in another language
- English (word by word)
- Albanian
- Amazigh
- Amharic
- Assamese
- Azerbaijani
- Bambara
- Bangla
- Bosnian
- Bulgarian
- Chechen
- Chinese
- Czech
- Dari
- Dhivehi
- Dutch
- Finnish
- French
- German
- Gujarati
- Hausa
- Hebrew
- Hindi
- Indonesian
- Italian
- Japanese
- Kannada
- Kazakh
- Khmer
- Kinyarwanda
- Korean
- Kurdish
- Luganda
- Malay
- Malayalam
- Maranao
- Marathi
- Nepali
- Norwegian
- Pashto
- Persian
- Polish
- Portuguese
- Romanian
- Russian
- Sindhi
- Sinhala
- Somali
- Spanish
- Swahili
- Swedish
- Tagalog
- Tajik
- Tamil
- Tatar
- Telugu
- Thai
- Turkish
- Ukrainian
- Urdu
- Uyghur
- Uzbek
- Vietnamese
- Yao
- Yoruba
All 114 surahs in Oromo: the Qur’an in Oromo.
Oromo translation: Ghali Apapur Apaghuna, from Quran.com. Transliteration: Quran.com. Recitation: Mishary Alafasy, from EveryAyah.com. MyDugsi is a learning aid, not a replacement for a qualified teacher.