Surah Ash-Shu'ara in Oromo: translation and audio
Surah 26 · الشعراء · The Poets · 227 verses
Surah Ash-Shu'ara verse by verse: the Arabic with a recitation you can repeat, the transliteration, and the Oromo translation by Ghali Apapur Apaghuna. For the meaning of every word, see Surah Ash-Shu'ara word by word in English.
Verse 1
طسٓمٓ
Transliteration tta-seen-meem
Oromo Xaa Siin Miim.
Verse 2
تِلْكَ ءَايَـٰتُ ٱلْكِتَـٰبِ ٱلْمُبِينِ
Transliteration til'ka āyātu l-kitābi l-mubīni
Oromo Kun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti
Verse 3
لَعَلَّكَ بَـٰخِعٌ نَّفْسَكَ أَلَّا يَكُونُوا۟ مُؤْمِنِينَ
Transliteration laʿallaka bākhiʿun nafsaka allā yakūnū mu'minīna
Oromo (Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama
Verse 4
إِن نَّشَأْ نُنَزِّلْ عَلَيْهِم مِّنَ ٱلسَّمَآءِ ءَايَةً فَظَلَّتْ أَعْنَـٰقُهُمْ لَهَا خَـٰضِعِينَ
Transliteration in nasha nunazzil ʿalayhim mina l-samāi āyatan faẓallat aʿnāquhum lahā khāḍiʿīna
Oromo Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormi isaanii isheedhaaf gadi jedhaa taati ture
Verse 5
وَمَا يَأْتِيهِم مِّن ذِكْرٍ مِّنَ ٱلرَّحْمَـٰنِ مُحْدَثٍ إِلَّا كَانُوا۟ عَنْهُ مُعْرِضِينَ
Transliteration wamā yatīhim min dhik'rin mina l-raḥmāni muḥ'dathin illā kānū ʿanhu muʿ'riḍīna
Oromo Isaan kan sobsiisan ta’anii malee gorsi (kitaabni) haaraan Rahmaan irraa isaaniif kan dhufu hin taane.
Verse 6
فَقَدْ كَذَّبُوا۟ فَسَيَأْتِيهِمْ أَنۢبَـٰٓؤُا۟ مَا كَانُوا۟ بِهِۦ يَسْتَهْزِءُونَ
Transliteration faqad kadhabū fasayatīhim anbāu mā kānū bihi yastahziūna
Oromo Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiruOduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira
Verse 7
أَوَلَمْ يَرَوْا۟ إِلَى ٱلْأَرْضِ كَمْ أَنۢبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍ كَرِيمٍ
Transliteration awalam yaraw ilā l-arḍi kam anbatnā fīhā min kulli zawjin karīmin
Oromo Sila gara Dachii akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine isaan hin ilaallee?
Verse 8
إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ
Transliteration inna fī dhālika laāyatan wamā kāna aktharuhum mu'minīna
Oromo Dhugumatti, sana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis kan amanan hin taane
Verse 9
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Transliteration wa-inna rabbaka lahuwa l-ʿazīzu l-raḥīmu
Oromo Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Verse 10
وَإِذْ نَادَىٰ رَبُّكَ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱئْتِ ٱلْقَوْمَ ٱلظَّـٰلِمِينَ
Transliteration wa-idh nādā rabbuka mūsā ani i'ti l-qawma l-ẓālimīna
Oromo Yeroo Gooftaan kee “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” [jedhee] Muusaa waame [yaadadhu]
Verse 11
قَوْمَ فِرْعَوْنَ ۚ أَلَا يَتَّقُونَ
Transliteration qawma fir'ʿawna alā yattaqūna
Oromo “Gara ummata Fir’awn [dhaqi]Sila Rabbiin hin sodaatanii? [jedhiin].”
Verse 12
قَالَ رَبِّ إِنِّىٓ أَخَافُ أَن يُكَذِّبُونِ
Transliteration qāla rabbi innī akhāfu an yukadhibūni
Oromo [Muusaanis] ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha.
Verse 13
وَيَضِيقُ صَدْرِى وَلَا يَنطَلِقُ لِسَانِى فَأَرْسِلْ إِلَىٰ هَـٰرُونَ
Transliteration wayaḍīqu ṣadrī walā yanṭaliqu lisānī fa-arsil ilā hārūna
Oromo [Yoo na sobsiisan] qomti kiyyas ni dhiphataArrabni kiyyas hin diriiruKanaafuu gara Haaruunitti ergi
Verse 14
وَلَهُمْ عَلَىَّ ذَنۢبٌ فَأَخَافُ أَن يَقْتُلُونِ
Transliteration walahum ʿalayya dhanbun fa-akhāfu an yaqtulūni
Oromo Isaaniifis yakka [dhiigaatu] narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”
Verse 15
قَالَ كَلَّا ۖ فَٱذْهَبَا بِـَٔايَـٰتِنَآ ۖ إِنَّا مَعَكُم مُّسْتَمِعُونَ
Transliteration qāla kallā fa-idh'habā biāyātinā innā maʿakum mus'tamiʿūna
Oromo [Rabbiinis] ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesanu)Isin lamaan mallattoolee keenyaan deemaaDhugumatti, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”
Verse 16
فَأْتِيَا فِرْعَوْنَ فَقُولَآ إِنَّا رَسُولُ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration fatiyā fir'ʿawna faqūlā innā rasūlu rabbi l-ʿālamīna
Oromo “Fir’awnitti dhaqaatii ‘Nuti ergamaa Gooftaa aalama hundaati’ jedhaa.
Verse 17
أَنْ أَرْسِلْ مَعَنَا بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ
Transliteration an arsil maʿanā banī is'rāīla
Oromo “Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan [ergamne jedhaa]
Verse 18
قَالَ أَلَمْ نُرَبِّكَ فِينَا وَلِيدًا وَلَبِثْتَ فِينَا مِنْ عُمُرِكَ سِنِينَ
Transliteration qāla alam nurabbika fīnā walīdan walabith'ta fīnā min ʿumurika sinīna
Oromo [Fir’awnis] ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee of biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?
Verse 19
وَفَعَلْتَ فَعْلَتَكَ ٱلَّتِى فَعَلْتَ وَأَنتَ مِنَ ٱلْكَـٰفِرِينَ
Transliteration wafaʿalta faʿlataka allatī faʿalta wa-anta mina l-kāfirīna
Oromo Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) sanas hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” [jedhe].
Verse 20
قَالَ فَعَلْتُهَآ إِذًا وَأَنَا۠ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ
Transliteration qāla faʿaltuhā idhan wa-anā mina l-ḍālīna
Oromo [Muusaanis] ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe.
Verse 21
فَفَرَرْتُ مِنكُمْ لَمَّا خِفْتُكُمْ فَوَهَبَ لِى رَبِّى حُكْمًا وَجَعَلَنِى مِنَ ٱلْمُرْسَلِينَ
Transliteration fafarartu minkum lammā khif'tukum fawahaba lī rabbī ḥuk'man wajaʿalanī mina l-mur'salīna
Oromo Yeroman isin sodaadhun isin irraa dheesse; Gooftaan kiyyas beekumsa naaf kennee ergamtoota irraa na godhe.
Verse 22
وَتِلْكَ نِعْمَةٌ تَمُنُّهَا عَلَىَّ أَنْ عَبَّدتَّ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ
Transliteration watil'ka niʿ'matun tamunnuhā ʿalayya an ʿabbadtta banī is'rāīla
Oromo Sunis Ilmaan Israa’iil gabra godhachuu keetiin tola ati narratti himattuudha.”
Verse 23
قَالَ فِرْعَوْنُ وَمَا رَبُّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration qāla fir'ʿawnu wamā rabbu l-ʿālamīna
Oromo Fir’awn “gooftaan aalama hundaa maali?” jedhe.
Verse 24
قَالَ رَبُّ ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَآ ۖ إِن كُنتُم مُّوقِنِينَ
Transliteration qāla rabbu l-samāwāti wal-arḍi wamā baynahumā in kuntum mūqinīna
Oromo [Muusaanis]: “gooftaa Samii, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan [itti amanaa]” jedheen.
Verse 25
قَالَ لِمَنْ حَوْلَهُۥٓ أَلَا تَسْتَمِعُونَ
Transliteration qāla liman ḥawlahu alā tastamiʿūna
Oromo [Fir’awnis] namoota maddii isaa jiraniin “Sila [waan inni jedhu] hin dhageessanuu?” jedhe.
Verse 26
قَالَ رَبُّكُمْ وَرَبُّ ءَابَآئِكُمُ ٱلْأَوَّلِينَ
Transliteration qāla rabbukum warabbu ābāikumu l-awalīna
Oromo [Muusaan] “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan kan jalqabaati” jedhe.
Verse 27
قَالَ إِنَّ رَسُولَكُمُ ٱلَّذِىٓ أُرْسِلَ إِلَيْكُمْ لَمَجْنُونٌ
Transliteration qāla inna rasūlakumu alladhī ur'sila ilaykum lamajnūnun
Oromo [Fir’awn] “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe.
Verse 28
قَالَ رَبُّ ٱلْمَشْرِقِ وَٱلْمَغْرِبِ وَمَا بَيْنَهُمَآ ۖ إِن كُنتُمْ تَعْقِلُونَ
Transliteration qāla rabbu l-mashriqi wal-maghribi wamā baynahumā in kuntum taʿqilūna
Oromo [Muusaan] “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif [itti amanaa]” jedhe.
Verse 29
قَالَ لَئِنِ ٱتَّخَذْتَ إِلَـٰهًا غَيْرِى لَأَجْعَلَنَّكَ مِنَ ٱلْمَسْجُونِينَ
Transliteration qāla la-ini ittakhadhta ilāhan ghayrī la-ajʿalannaka mina l-masjūnīna
Oromo [Fir’awn] “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.
Verse 30
قَالَ أَوَلَوْ جِئْتُكَ بِشَىْءٍ مُّبِينٍ
Transliteration qāla awalaw ji'tuka bishayin mubīnin
Oromo [Muusaan] “sila odoo waan (ragaa) ifa ta’een sitti dhufeellee moo?” jedhe.
Verse 31
قَالَ فَأْتِ بِهِۦٓ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّـٰدِقِينَ
Transliteration qāla fati bihi in kunta mina l-ṣādiqīna
Oromo [Fir’awn] “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe.
Verse 32
فَأَلْقَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِىَ ثُعْبَانٌ مُّبِينٌ
Transliteration fa-alqā ʿaṣāhu fa-idhā hiya thuʿ'bānun mubīnun
Oromo [Muusaan] ulee isaa ni darbateYeroma san isheen jawwee ifa galaa taate.
Verse 33
وَنَزَعَ يَدَهُۥ فَإِذَا هِىَ بَيْضَآءُ لِلنَّـٰظِرِينَ
Transliteration wanazaʿa yadahu fa-idhā hiya bayḍāu lilnnāẓirīna
Oromo Harka isaas [bobaa isaa jalaa] ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.
Verse 34
قَالَ لِلْمَلَإِ حَوْلَهُۥٓ إِنَّ هَـٰذَا لَسَـٰحِرٌ عَلِيمٌ
Transliteration qāla lil'mala-i ḥawlahu inna hādhā lasāḥirun ʿalīmun
Oromo [Fir’awn] qondaaltota naanna’a isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe
Verse 35
يُرِيدُ أَن يُخْرِجَكُم مِّنْ أَرْضِكُم بِسِحْرِهِۦ فَمَاذَا تَأْمُرُونَ
Transliteration yurīdu an yukh'rijakum min arḍikum bisiḥ'rihi famādhā tamurūna
Oromo “Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe).
Verse 36
قَالُوٓا۟ أَرْجِهْ وَأَخَاهُ وَٱبْعَثْ فِى ٱلْمَدَآئِنِ حَـٰشِرِينَ
Transliteration qālū arjih wa-akhāhu wa-ib'ʿath fī l-madāini ḥāshirīna
Oromo [Isaanis] ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisiMagaalota keessattis walitti qabdoota ergi;
Verse 37
يَأْتُوكَ بِكُلِّ سَحَّارٍ عَلِيمٍ
Transliteration yatūka bikulli saḥḥārin ʿalīmin
Oromo Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanu.”
Verse 38
فَجُمِعَ ٱلسَّحَرَةُ لِمِيقَـٰتِ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ
Transliteration fajumiʿa l-saḥaratu limīqāti yawmin maʿlūmin
Oromo Saahiroonnis beellama guyyaa beekamaatiif walitti qabaman.
Verse 39
وَقِيلَ لِلنَّاسِ هَلْ أَنتُم مُّجْتَمِعُونَ
Transliteration waqīla lilnnāsi hal antum muj'tamiʿūna
Oromo Namootaanis ni jedhame: “Isin sila walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);
Verse 40
لَعَلَّنَا نَتَّبِعُ ٱلسَّحَرَةَ إِن كَانُوا۟ هُمُ ٱلْغَـٰلِبِينَ
Transliteration laʿallanā nattabiʿu l-saḥarata in kānū humu l-ghālibīna
Oromo Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”
Verse 41
فَلَمَّا جَآءَ ٱلسَّحَرَةُ قَالُوا۟ لِفِرْعَوْنَ أَئِنَّ لَنَا لَأَجْرًا إِن كُنَّا نَحْنُ ٱلْغَـٰلِبِينَ
Transliteration falammā jāa l-saḥaratu qālū lifir'ʿawna a-inna lanā la-ajran in kunnā naḥnu l-ghālibīna
Oromo Falfaltoonni yeroma dhufan, Fir’awniin “Sila dhugumatti yoo nuti mo’attoota taaneef mindaan nuuf jiraa? ” jedhan.
Verse 42
قَالَ نَعَمْ وَإِنَّكُمْ إِذًا لَّمِنَ ٱلْمُقَرَّبِينَ
Transliteration qāla naʿam wa-innakum idhan lamina l-muqarabīna
Oromo [Fir’awnis] “Eeyyeen; isin yoosan [natti] dhihaattota irraa taatu” jedhe
Verse 43
قَالَ لَهُم مُّوسَىٰٓ أَلْقُوا۟ مَآ أَنتُم مُّلْقُونَ
Transliteration qāla lahum mūsā alqū mā antum mul'qūna
Oromo Muusaanis “Isin waan darbuu feetan darbaa” isaanin jedhe.
Verse 44
فَأَلْقَوْا۟ حِبَالَهُمْ وَعِصِيَّهُمْ وَقَالُوا۟ بِعِزَّةِ فِرْعَوْنَ إِنَّا لَنَحْنُ ٱلْغَـٰلِبُونَ
Transliteration fa-alqaw ḥibālahum waʿiṣiyyahum waqālū biʿizzati fir'ʿawna innā lanaḥnu l-ghālibūna
Oromo Haadaafi uleewwan isaanii ni darban; “Jabeenya Fir’awniin! Nuti dhugumatti nutu injifattoota” jedhan.
Verse 45
فَأَلْقَىٰ مُوسَىٰ عَصَاهُ فَإِذَا هِىَ تَلْقَفُ مَا يَأْفِكُونَ
Transliteration fa-alqā mūsā ʿaṣāhu fa-idhā hiya talqafu mā yafikūna
Oromo Muusaanis ulee isaa ni darbateYeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan hunda liqimsite.
Verse 46
فَأُلْقِىَ ٱلسَّحَرَةُ سَـٰجِدِينَ
Transliteration fa-ul'qiya l-saḥaratu sājidīna
Oromo Falfaltoonnis [yeroma kana argan] sujuuda bu’aa ta’anii gadi kufan
Verse 47
قَالُوٓا۟ ءَامَنَّا بِرَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration qālū āmannā birabbi l-ʿālamīna
Oromo Ni jedhanis: “Gooftaa aalama hundaatti amanne;
Verse 48
رَبِّ مُوسَىٰ وَهَـٰرُونَ
Transliteration rabbi mūsā wahārūna
Oromo Gooftaa Muusaafi Haaruunitti.”
Verse 49
قَالَ ءَامَنتُمْ لَهُۥ قَبْلَ أَنْ ءَاذَنَ لَكُمْ ۖ إِنَّهُۥ لَكَبِيرُكُمُ ٱلَّذِى عَلَّمَكُمُ ٱلسِّحْرَ فَلَسَوْفَ تَعْلَمُونَ ۚ لَأُقَطِّعَنَّ أَيْدِيَكُمْ وَأَرْجُلَكُم مِّنْ خِلَـٰفٍ وَلَأُصَلِّبَنَّكُمْ أَجْمَعِينَ
Transliteration qāla āmantum lahu qabla an ādhana lakum innahu lakabīrukumu alladhī ʿallamakumu l-siḥ'ra falasawfa taʿlamūna la-uqaṭṭiʿanna aydiyakum wa-arjulakum min khilāfin wala-uṣallibannakum ajmaʿīna
Oromo [Fir’awnis] ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin eeyyamin isatti amantanii? Dhugumatti, inni hayyuu keessan kan sihrii isin barsiiseedhaFuuldurattis [waan ta’u] beekuuf jirtuDhugumatti, ani Harka keessaniifi Luka keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummuraDhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”
Verse 50
قَالُوا۟ لَا ضَيْرَ ۖ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا مُنقَلِبُونَ
Transliteration qālū lā ḍayra innā ilā rabbinā munqalibūna
Oromo Ni jedhan: “Miidhaan [nurra] hin jiru! Dhugumatti, nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha.
Verse 51
إِنَّا نَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لَنَا رَبُّنَا خَطَـٰيَـٰنَآ أَن كُنَّآ أَوَّلَ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Transliteration innā naṭmaʿu an yaghfira lanā rabbunā khaṭāyānā an kunnā awwala l-mu'minīna
Oromo Dhugumatti, nuti warra jalqaba amanan ta’uudhaan Rabbiin keenya badii keenya nuuf araaramuu ni kajeella .”
Verse 52
۞ وَأَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنْ أَسْرِ بِعِبَادِىٓ إِنَّكُم مُّتَّبَعُونَ
Transliteration wa-awḥaynā ilā mūsā an asri biʿibādī innakum muttabaʿūna
Oromo Gara Muusaattis “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) dhugumatti isin [diinota keessaniin] hordofamoodha” jechuun wahyii goone.
Verse 53
فَأَرْسَلَ فِرْعَوْنُ فِى ٱلْمَدَآئِنِ حَـٰشِرِينَ
Transliteration fa-arsala fir'ʿawnu fī l-madāini ḥāshirīna
Oromo Fir’awnis magaalota keessatti walitti qabdoota ergee,
Verse 54
إِنَّ هَـٰٓؤُلَآءِ لَشِرْذِمَةٌ قَلِيلُونَ
Transliteration inna hāulāi lashir'dhimatun qalīlūna
Oromo “Dhugumatti warri kun gareewwan xiqqoodha.
Verse 55
وَإِنَّهُمْ لَنَا لَغَآئِظُونَ
Transliteration wa-innahum lanā laghāiẓūna
Oromo Isaanis dhugumatti nu dallansiisoodha.
Verse 56
وَإِنَّا لَجَمِيعٌ حَـٰذِرُونَ
Transliteration wa-innā lajamīʿun ḥādhirūna
Oromo Nutis baay’ee of eegdota” [jedhe].
Verse 57
فَأَخْرَجْنَـٰهُم مِّن جَنَّـٰتٍ وَعُيُونٍ
Transliteration fa-akhrajnāhum min jannātin waʿuyūnin
Oromo Ashaakiltiileefi burqaawwan irraas isaan baafne.
Verse 58
وَكُنُوزٍ وَمَقَامٍ كَرِيمٍ
Transliteration wakunūzin wamaqāmin karīmin
Oromo Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.
Verse 59
كَذَٰلِكَ وَأَوْرَثْنَـٰهَا بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ
Transliteration kadhālika wa-awrathnāhā banī is'rāīla
Oromo Akka kanatti Ilmaan Israa’iil ishee dhaalchifne.
Verse 60
فَأَتْبَعُوهُم مُّشْرِقِينَ
Transliteration fa-atbaʿūhum mush'riqīna
Oromo Bariifatoo ta’anii isaan hordofan.
Verse 61
فَلَمَّا تَرَٰٓءَا ٱلْجَمْعَانِ قَالَ أَصْحَـٰبُ مُوسَىٰٓ إِنَّا لَمُدْرَكُونَ
Transliteration falammā tarāā l-jamʿāni qāla aṣḥābu mūsā innā lamud'rakūna
Oromo Yeroma gareen lamaan wal argan, gareen Muusaa “nuti dhugumatti [garee Fir’awniin] dhaqqabamoodha” jedhan.
Verse 62
قَالَ كَلَّآ ۖ إِنَّ مَعِىَ رَبِّى سَيَهْدِينِ
Transliteration qāla kallā inna maʿiya rabbī sayahdīni
Oromo [Muusaan] ni jedhe: “lakkisaa! Dhugumatti, Gooftaan kiyya na wajjin jiraInni [furmaatatti] na qajeelcha.”
Verse 63
فَأَوْحَيْنَآ إِلَىٰ مُوسَىٰٓ أَنِ ٱضْرِب بِّعَصَاكَ ٱلْبَحْرَ ۖ فَٱنفَلَقَ فَكَانَ كُلُّ فِرْقٍ كَٱلطَّوْدِ ٱلْعَظِيمِ
Transliteration fa-awḥaynā ilā mūsā ani iḍ'rib biʿaṣāka l-baḥra fa-infalaqa fakāna kullu fir'qin kal-ṭawdi l-ʿaẓīmi
Oromo Gara Muusaatti “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun wahyii goone[Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e.
Verse 64
وَأَزْلَفْنَا ثَمَّ ٱلْـَٔاخَرِينَ
Transliteration wa-azlafnā thamma l-ākharīna
Oromo Bakka sanattis warra biraa dhiheessine.
Verse 65
وَأَنجَيْنَا مُوسَىٰ وَمَن مَّعَهُۥٓ أَجْمَعِينَ
Transliteration wa-anjaynā mūsā waman maʿahu ajmaʿīna
Oromo Muusaafi warra isa waliin turan hundaa ni baraarsine
Verse 66
ثُمَّ أَغْرَقْنَا ٱلْـَٔاخَرِينَ
Transliteration thumma aghraqnā l-ākharīna
Oromo Sana booda warra biroo bishaaniin dhidhimsine.
Verse 67
إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ
Transliteration inna fī dhālika laāyatan wamā kāna aktharuhum mu'minīna
Oromo Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
Verse 68
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Transliteration wa-inna rabbaka lahuwa l-ʿazīzu l-raḥīmu
Oromo Dhugumatti Rabbiin kee, Isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
Verse 69
وَٱتْلُ عَلَيْهِمْ نَبَأَ إِبْرَٰهِيمَ
Transliteration wa-ut'lu ʿalayhim naba-a ib'rāhīma
Oromo Seenaa Ibraahimis isaan irratti dubbisi.
Verse 70
إِذْ قَالَ لِأَبِيهِ وَقَوْمِهِۦ مَا تَعْبُدُونَ
Transliteration idh qāla li-abīhi waqawmihi mā taʿbudūna
Oromo Yeroo inni abbaafi ummata isaatiin “maal gabbartu?” jedhe.
Verse 71
قَالُوا۟ نَعْبُدُ أَصْنَامًا فَنَظَلُّ لَهَا عَـٰكِفِينَ
Transliteration qālū naʿbudu aṣnāman fanaẓallu lahā ʿākifīna
Oromo “Taabotawwan gabbarra; ishee [gabbaruu] irras warra turu taane” jedhan.
Verse 72
قَالَ هَلْ يَسْمَعُونَكُمْ إِذْ تَدْعُونَ
Transliteration qāla hal yasmaʿūnakum idh tadʿūna
Oromo [Ibraahiim] ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?
Verse 73
أَوْ يَنفَعُونَكُمْ أَوْ يَضُرُّونَ
Transliteration aw yanfaʿūnakum aw yaḍurrūna
Oromo Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”
Verse 74
قَالُوا۟ بَلْ وَجَدْنَآ ءَابَآءَنَا كَذَٰلِكَ يَفْعَلُونَ
Transliteration qālū bal wajadnā ābāanā kadhālika yafʿalūna
Oromo [Isaanis] “Lakkisaa; abbootii keenya akkas kan dalagan agarre” jedhan.
Verse 75
قَالَ أَفَرَءَيْتُم مَّا كُنتُمْ تَعْبُدُونَ
Transliteration qāla afara-aytum mā kuntum taʿbudūna
Oromo [Ibraahiim] ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?
Verse 76
أَنتُمْ وَءَابَآؤُكُمُ ٱلْأَقْدَمُونَ
Transliteration antum waābāukumu l-aqdamūna
Oromo Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis?
Verse 77
فَإِنَّهُمْ عَدُوٌّ لِّىٓ إِلَّا رَبَّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration fa-innahum ʿaduwwun lī illā rabba l-ʿālamīna
Oromo Dhugumatti, isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalama hundaa malee (inni jaalalloo kooti).
Verse 78
ٱلَّذِى خَلَقَنِى فَهُوَ يَهْدِينِ
Transliteration alladhī khalaqanī fahuwa yahdīni
Oromo [Inni] isa na uume, isatu na qajeelcha.”
Verse 79
وَٱلَّذِى هُوَ يُطْعِمُنِى وَيَسْقِينِ
Transliteration wa-alladhī huwa yuṭ'ʿimunī wayasqīni
Oromo Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha.
Verse 80
وَإِذَا مَرِضْتُ فَهُوَ يَشْفِينِ
Transliteration wa-idhā mariḍ'tu fahuwa yashfīni
Oromo Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa.
Verse 81
وَٱلَّذِى يُمِيتُنِى ثُمَّ يُحْيِينِ
Transliteration wa-alladhī yumītunī thumma yuḥ'yīni
Oromo Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha.
Verse 82
وَٱلَّذِىٓ أَطْمَعُ أَن يَغْفِرَ لِى خَطِيٓـَٔتِى يَوْمَ ٱلدِّينِ
Transliteration wa-alladhī aṭmaʿu an yaghfira lī khaṭīatī yawma l-dīni
Oromo Isa guyyaa murtiis badii kiyya akka naaf araaramu kajeeluudha.
Verse 83
رَبِّ هَبْ لِى حُكْمًا وَأَلْحِقْنِى بِٱلصَّـٰلِحِينَ
Transliteration rabbi hab lī ḥuk'man wa-alḥiq'nī bil-ṣāliḥīna
Oromo Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenniNamoota gaggaariittis na dhaqqabsiisi.
Verse 84
وَٱجْعَل لِّى لِسَانَ صِدْقٍ فِى ٱلْـَٔاخِرِينَ
Transliteration wa-ij'ʿal lī lisāna ṣid'qin fī l-ākhirīna
Oromo Dhaloota boodaa keessattis faaruu gaarii naaf taasisi
Verse 85
وَٱجْعَلْنِى مِن وَرَثَةِ جَنَّةِ ٱلنَّعِيمِ
Transliteration wa-ij'ʿalnī min warathati jannati l-naʿīmi
Oromo Dhaaltota Jannata qananii dhaalan irraas na taasisi.
Verse 86
وَٱغْفِرْ لِأَبِىٓ إِنَّهُۥ كَانَ مِنَ ٱلضَّآلِّينَ
Transliteration wa-igh'fir li-abī innahu kāna mina l-ḍālīna
Oromo Abbaa kiyyaafis araaramiDhugumatti, inni jallattoota irraa ta’eera.
Verse 87
وَلَا تُخْزِنِى يَوْمَ يُبْعَثُونَ
Transliteration walā tukh'zinī yawma yub'ʿathūna
Oromo Guyyaa isaan (gabroonni) kaafamanis na hin xinneessin.”
Verse 88
يَوْمَ لَا يَنفَعُ مَالٌ وَلَا بَنُونَ
Transliteration yawma lā yanfaʿu mālun walā banūna
Oromo Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis homaa hin fayyadne.
Verse 89
إِلَّا مَنْ أَتَى ٱللَّهَ بِقَلْبٍ سَلِيمٍ
Transliteration illā man atā l-laha biqalbin salīmin
Oromo Nama onnee qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee.
Verse 90
وَأُزْلِفَتِ ٱلْجَنَّةُ لِلْمُتَّقِينَ
Transliteration wa-uz'lifati l-janatu lil'muttaqīna
Oromo [Guyyaa] Jannannis warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte;
Verse 91
وَبُرِّزَتِ ٱلْجَحِيمُ لِلْغَاوِينَ
Transliteration waburrizati l-jaḥīmu lil'ghāwīna
Oromo [Guyyaa] Ibiddi jahannamis jallattootaaf muldhifamte;
Verse 92
وَقِيلَ لَهُمْ أَيْنَ مَا كُنتُمْ تَعْبُدُونَ
Transliteration waqīla lahum ayna mā kuntum taʿbudūna
Oromo [Guyyaa] “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame
Verse 93
مِن دُونِ ٱللَّهِ هَلْ يَنصُرُونَكُمْ أَوْ يَنتَصِرُونَ
Transliteration min dūni l-lahi hal yanṣurūnakum aw yantaṣirūna
Oromo “Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isin tumsuu? Yookiin of ni tumsuu?”
Verse 94
فَكُبْكِبُوا۟ فِيهَا هُمْ وَٱلْغَاوُۥنَ
Transliteration fakub'kibū fīhā hum wal-ghāwūna
Oromo Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbaman
Verse 95
وَجُنُودُ إِبْلِيسَ أَجْمَعُونَ
Transliteration wajunūdu ib'līsa ajmaʿūna
Oromo Waraanni Ibliis hunduu (ni darbaman).
Verse 96
قَالُوا۟ وَهُمْ فِيهَا يَخْتَصِمُونَ
Transliteration qālū wahum fīhā yakhtaṣimūna
Oromo Isaan ishee keessatti wal falmaa ni jedhu:
Verse 97
تَٱللَّهِ إِن كُنَّا لَفِى ضَلَـٰلٍ مُّبِينٍ
Transliteration tal-lahi in kunnā lafī ḍalālin mubīnin
Oromo Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre.
Verse 98
إِذْ نُسَوِّيكُم بِرَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration idh nusawwīkum birabbi l-ʿālamīna
Oromo Yeroo Gooftaa aalama hundaatti isin qixxeessinu san.
Verse 99
وَمَآ أَضَلَّنَآ إِلَّا ٱلْمُجْرِمُونَ
Transliteration wamā aḍallanā illā l-muj'rimūna
Oromo Ficiltoota malee homtuu nu hin jallisne.
Verse 100
فَمَا لَنَا مِن شَـٰفِعِينَ
Transliteration famā lanā min shāfiʿīna
Oromo Araarsitoonni tokkollee nuuf hin jiru.
Verse 101
وَلَا صَدِيقٍ حَمِيمٍ
Transliteration walā ṣadīqin ḥamīmin
Oromo Hiriyaan garaa laafus (hin jiru)
Verse 102
فَلَوْ أَنَّ لَنَا كَرَّةً فَنَكُونَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Transliteration falaw anna lanā karratan fanakūna mina l-mu'minīna
Oromo Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre.
Verse 103
إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ
Transliteration inna fī dhālika laāyatan wamā kāna aktharuhum mu'minīna
Oromo Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
Verse 104
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Transliteration wa-inna rabbaka lahuwa l-ʿazīzu l-raḥīmu
Oromo Dhugumatti Gooftaan kee isumatu injifataa, rahmata godhaadha.
Verse 105
كَذَّبَتْ قَوْمُ نُوحٍ ٱلْمُرْسَلِينَ
Transliteration kadhabat qawmu nūḥin l-mur'salīna
Oromo Ummanni Nuuh ergamtoota sobsiiftee jirti.
Verse 106
إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ نُوحٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Transliteration idh qāla lahum akhūhum nūḥun alā tattaqūna
Oromo Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii
Verse 107
إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ
Transliteration innī lakum rasūlun amīnun
Oromo Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Verse 108
فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Transliteration fa-ittaqū l-laha wa-aṭīʿūni
Oromo Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Verse 109
وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration wamā asalukum ʿalayhi min ajrin in ajriya illā ʿalā rabbi l-ʿālamīna
Oromo Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.
Verse 110
فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Transliteration fa-ittaqū l-laha wa-aṭīʿūni
Oromo Rabbiin sodaadhaaAjaja kiyyas fudhaa.”
Verse 111
۞ قَالُوٓا۟ أَنُؤْمِنُ لَكَ وَٱتَّبَعَكَ ٱلْأَرْذَلُونَ
Transliteration qālū anu'minu laka wa-ittabaʿaka l-ardhalūna
Oromo [Ummanni isaas] “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan.
Verse 112
قَالَ وَمَا عِلْمِى بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ
Transliteration qāla wamā ʿil'mī bimā kānū yaʿmalūna
Oromo [Innis] ni jedhe: “Waan isaan dalagaa turan maalittin beeka?
Verse 113
إِنْ حِسَابُهُمْ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّى ۖ لَوْ تَشْعُرُونَ
Transliteration in ḥisābuhum illā ʿalā rabbī law tashʿurūna
Oromo Odoo beektanii qormaanni isaanii Gooftaa kiyya qofa irra malee hin taane.
Verse 114
وَمَآ أَنَا۠ بِطَارِدِ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Transliteration wamā anā biṭāridi l-mu'minīna
Oromo Ani ari’aa (fageesaa) Mu’uminootaa hin taane
Verse 115
إِنْ أَنَا۠ إِلَّا نَذِيرٌ مُّبِينٌ
Transliteration in anā illā nadhīrun mubīnun
Oromo Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”
Verse 116
قَالُوا۟ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَـٰنُوحُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلْمَرْجُومِينَ
Transliteration qālū la-in lam tantahi yānūḥu latakūnanna mina l-marjūmīna
Oromo [Isaan] ni jedhan: “Yaa Nuuh! [waan jettu irraa] yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”
Verse 117
قَالَ رَبِّ إِنَّ قَوْمِى كَذَّبُونِ
Transliteration qāla rabbi inna qawmī kadhabūni
Oromo [Nuuhis] ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni koo na sobsiisaniiru.
Verse 118
فَٱفْتَحْ بَيْنِى وَبَيْنَهُمْ فَتْحًا وَنَجِّنِى وَمَن مَّعِىَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Transliteration fa-if'taḥ baynī wabaynahum fatḥan wanajjinī waman maʿiya mina l-mu'minīna
Oromo Ati gidduu kiyyaafi gidduu isaaniitti murtii [haqaa] murteessiAnaafi Mu’uminoota irraa nama na waliin ta’anis baraarsi.”
Verse 119
فَأَنجَيْنَـٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِى ٱلْفُلْكِ ٱلْمَشْحُونِ
Transliteration fa-anjaynāhu waman maʿahu fī l-ful'ki l-mashḥūni
Oromo Nutis isaafi namoota isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarsine
Verse 120
ثُمَّ أَغْرَقْنَا بَعْدُ ٱلْبَاقِينَ
Transliteration thumma aghraqnā baʿdu l-bāqīna
Oromo Ergasii booda [bilisa isaan baasuutii] warra hafan ni dhidhimsine.
Verse 121
إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ
Transliteration inna fī dhālika laāyatan wamā kāna aktharuhum mu'minīna
Oromo Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.
Verse 122
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Transliteration wa-inna rabbaka lahuwa l-ʿazīzu l-raḥīmu
Oromo Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
Verse 123
كَذَّبَتْ عَادٌ ٱلْمُرْسَلِينَ
Transliteration kadhabat ʿādun l-mur'salīna
Oromo Aad (ummanni huud) ergamtoota sobsiifte.
Verse 124
إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ هُودٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Transliteration idh qāla lahum akhūhum hūdun alā tattaqūna
Oromo Yeroo obboleessi isaanii Huud isaaniin jedhe: “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii?
Verse 125
إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ
Transliteration innī lakum rasūlun amīnun
Oromo Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Verse 126
فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Transliteration fa-ittaqū l-laha wa-aṭīʿūni
Oromo Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Verse 127
وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration wamā asalukum ʿalayhi min ajrin in ajriya illā ʿalā rabbi l-ʿālamīna
Oromo Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.
Verse 128
أَتَبْنُونَ بِكُلِّ رِيعٍ ءَايَةً تَعْبَثُونَ
Transliteration atabnūna bikulli rīʿin āyatan taʿbathūna
Oromo Sila isin kan [nama tarutti] qishintanu taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti [gamoo] mallattoo ijaartuu?
Verse 129
وَتَتَّخِذُونَ مَصَانِعَ لَعَلَّكُمْ تَخْلُدُونَ
Transliteration watattakhidhūna maṣāniʿa laʿallakum takhludūna
Oromo Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?
Verse 130
وَإِذَا بَطَشْتُم بَطَشْتُمْ جَبَّارِينَ
Transliteration wa-idhā baṭashtum baṭashtum jabbārīna
Oromo Yeroo [namoota adabbiif] qabdanis gara jabeeyyii taatanii qabdan.
Verse 131
فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Transliteration fa-ittaqū l-laha wa-aṭīʿūni
Oromo Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Verse 132
وَٱتَّقُوا۟ ٱلَّذِىٓ أَمَدَّكُم بِمَا تَعْلَمُونَ
Transliteration wa-ittaqū alladhī amaddakum bimā taʿlamūna
Oromo Isa waan [gaggaarii] isin beektan hundaan isin badhaases sodaadhaa.
Verse 133
أَمَدَّكُم بِأَنْعَـٰمٍ وَبَنِينَ
Transliteration amaddakum bi-anʿāmin wabanīna
Oromo Beyladootaafi ilmaaniinis isin badhaase.
Verse 134
وَجَنَّـٰتٍ وَعُيُونٍ
Transliteration wajannātin waʿuyūnin
Oromo Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis [isin qananiise].
Verse 135
إِنِّىٓ أَخَافُ عَلَيْكُمْ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ
Transliteration innī akhāfu ʿalaykum ʿadhāba yawmin ʿaẓīmin
Oromo Ani adabbii Guyyaa guddaan isin irratti sodaadha.”
Verse 136
قَالُوا۟ سَوَآءٌ عَلَيْنَآ أَوَعَظْتَ أَمْ لَمْ تَكُن مِّنَ ٱلْوَٰعِظِينَ
Transliteration qālū sawāon ʿalaynā awaʿaẓta am lam takun mina l-wāʿiẓīna
Oromo [Ummanni Huud] ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo warra gorsan irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa
Verse 137
إِنْ هَـٰذَآ إِلَّا خُلُقُ ٱلْأَوَّلِينَ
Transliteration in hādhā illā khuluqu l-awalīna
Oromo Kun amaluma warra duriiti malee waan biraa miti.
Verse 138
وَمَا نَحْنُ بِمُعَذَّبِينَ
Transliteration wamā naḥnu bimuʿadhabīna
Oromo Nuti kan adabamnuu miti” [jedhan].
Verse 139
فَكَذَّبُوهُ فَأَهْلَكْنَـٰهُمْ ۗ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ
Transliteration fakadhabūhu fa-ahlaknāhum inna fī dhālika laāyatan wamā kāna aktharuhum mu'minīna
Oromo Isa sobsiisanii Nutis isaan balleessineDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.
Verse 140
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Transliteration wa-inna rabbaka lahuwa l-ʿazīzu l-raḥīmu
Oromo Dhugumatti, Rabbiin kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Verse 141
كَذَّبَتْ ثَمُودُ ٱلْمُرْسَلِينَ
Transliteration kadhabat thamūdu l-mur'salīna
Oromo Samuud (ummanni Saalih) ergamtoota sobsiifte.
Verse 142
إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ صَـٰلِحٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Transliteration idh qāla lahum akhūhum ṣāliḥun alā tattaqūna
Oromo Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?
Verse 143
إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ
Transliteration innī lakum rasūlun amīnun
Oromo Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Verse 144
فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Transliteration fa-ittaqū l-laha wa-aṭīʿūni
Oromo Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Verse 145
وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration wamā asalukum ʿalayhi min ajrin in ajriya illā ʿalā rabbi l-ʿālamīna
Oromo Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
Verse 146
أَتُتْرَكُونَ فِى مَا هَـٰهُنَآ ءَامِنِينَ
Transliteration atut'rakūna fī mā hāhunā āminīna
Oromo Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti nageenyaan dhiifamtuu?
Verse 147
فِى جَنَّـٰتٍ وَعُيُونٍ
Transliteration fī jannātin waʿuyūnin
Oromo Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,
Verse 148
وَزُرُوعٍ وَنَخْلٍ طَلْعُهَا هَضِيمٌ
Transliteration wazurūʿin wanakhlin ṭalʿuhā haḍīmun
Oromo Oorruuwwaniifi muka tamirii ijji ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)
Verse 149
وَتَنْحِتُونَ مِنَ ٱلْجِبَالِ بُيُوتًا فَـٰرِهِينَ
Transliteration watanḥitūna mina l-jibāli buyūtan fārihīna
Oromo Cocollee taatanii gaarreen irraas manoota bocattuu (soqattuu?)
Verse 150
فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Transliteration fa-ittaqū l-laha wa-aṭīʿūni
Oromo Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyyas fudhaa.
Verse 151
وَلَا تُطِيعُوٓا۟ أَمْرَ ٱلْمُسْرِفِينَ
Transliteration walā tuṭīʿū amra l-mus'rifīna
Oromo Ajaja warra daangaa dabranii hin fudhatinaa.
Verse 152
ٱلَّذِينَ يُفْسِدُونَ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا يُصْلِحُونَ
Transliteration alladhīna yuf'sidūna fī l-arḍi walā yuṣ'liḥūna
Oromo Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].
Verse 153
قَالُوٓا۟ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلْمُسَحَّرِينَ
Transliteration qālū innamā anta mina l-musaḥarīna
Oromo [Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
Verse 154
مَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا فَأْتِ بِـَٔايَةٍ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّـٰدِقِينَ
Transliteration mā anta illā basharun mith'lunā fati biāyatin in kunta mina l-ṣādiqīna
Oromo Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii mitiWarra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”
Verse 155
قَالَ هَـٰذِهِۦ نَاقَةٌ لَّهَا شِرْبٌ وَلَكُمْ شِرْبُ يَوْمٍ مَّعْلُومٍ
Transliteration qāla hādhihi nāqatun lahā shir'bun walakum shir'bu yawmin maʿlūmin
Oromo [Saalihis] ni jedhe: “Isheen kun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira.
Verse 156
وَلَا تَمَسُّوهَا بِسُوٓءٍ فَيَأْخُذَكُمْ عَذَابُ يَوْمٍ عَظِيمٍ
Transliteration walā tamassūhā bisūin fayakhudhakum ʿadhābu yawmin ʿaẓīmin
Oromo Hamtuun ishee hin tuqinaa[Yoo akkas gootan] adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.”
Verse 157
فَعَقَرُوهَا فَأَصْبَحُوا۟ نَـٰدِمِينَ
Transliteration faʿaqarūhā fa-aṣbaḥū nādimīna
Oromo Ishee waraananii yeroma san sheena’oota ta’an
Verse 158
فَأَخَذَهُمُ ٱلْعَذَابُ ۗ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ
Transliteration fa-akhadhahumu l-ʿadhābu inna fī dhālika laāyatan wamā kāna aktharuhum mu'minīna
Oromo Adabbichis isaan qabateDhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane
Verse 159
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Transliteration wa-inna rabbaka lahuwa l-ʿazīzu l-raḥīmu
Oromo Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Verse 160
كَذَّبَتْ قَوْمُ لُوطٍ ٱلْمُرْسَلِينَ
Transliteration kadhabat qawmu lūṭin l-mur'salīna
Oromo Ummanni Luuxis ergamoota sobsiifte
Verse 161
إِذْ قَالَ لَهُمْ أَخُوهُمْ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Transliteration idh qāla lahum akhūhum lūṭun alā tattaqūna
Oromo Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?
Verse 162
إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ
Transliteration innī lakum rasūlun amīnun
Oromo Dhugumatti, ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Verse 163
فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Transliteration fa-ittaqū l-laha wa-aṭīʿūni
Oromo Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa.
Verse 164
وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration wamā asalukum ʿalayhi min ajrin in ajriya illā ʿalā rabbi l-ʿālamīna
Oromo Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
Verse 165
أَتَأْتُونَ ٱلذُّكْرَانَ مِنَ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration atatūna l-dhuk'rāna mina l-ʿālamīna
Oromo Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftuu?
Verse 166
وَتَذَرُونَ مَا خَلَقَ لَكُمْ رَبُّكُم مِّنْ أَزْوَٰجِكُم ۚ بَلْ أَنتُمْ قَوْمٌ عَادُونَ
Transliteration watadharūna mā khalaqa lakum rabbukum min azwājikum bal antum qawmun ʿādūna
Oromo Waan Gooftaan keessan haadhotii manaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” [jedhe].
Verse 167
قَالُوا۟ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ يَـٰلُوطُ لَتَكُونَنَّ مِنَ ٱلْمُخْرَجِينَ
Transliteration qālū la-in lam tantahi yālūṭu latakūnanna mina l-mukh'rajīna
Oromo [Isaan] ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo [waan jettu irraa] hin dhorgamin, dhugumatti warra [biyyarraa] baafaman irraa taata.”
Verse 168
قَالَ إِنِّى لِعَمَلِكُم مِّنَ ٱلْقَالِينَ
Transliteration qāla innī liʿamalikum mina l-qālīna
Oromo [Luuxis] ni jedhe: “Dhugumatti, ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.
Verse 169
رَبِّ نَجِّنِى وَأَهْلِى مِمَّا يَعْمَلُونَ
Transliteration rabbi najjinī wa-ahlī mimmā yaʿmalūna
Oromo Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.”
Verse 170
فَنَجَّيْنَـٰهُ وَأَهْلَهُۥٓ أَجْمَعِينَ
Transliteration fanajjaynāhu wa-ahlahu ajmaʿīna
Oromo Isaafi maatii isaas walumaa galatti ni baraarsine.
Verse 171
إِلَّا عَجُوزًا فِى ٱلْغَـٰبِرِينَ
Transliteration illā ʿajūzan fī l-ghābirīna
Oromo Jaartii tokko kan warra [adaba keessatti] hafan irraa taate malee
Verse 172
ثُمَّ دَمَّرْنَا ٱلْـَٔاخَرِينَ
Transliteration thumma dammarnā l-ākharīna
Oromo Ergasii warra biroo ni balleessine.
Verse 173
وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِم مَّطَرًا ۖ فَسَآءَ مَطَرُ ٱلْمُنذَرِينَ
Transliteration wa-amṭarnā ʿalayhim maṭaran fasāa maṭaru l-mundharīna
Oromo Bokkaa [adabbii] isaan irratti roobsineRoobni warra akeekkachiifamanii waa fokkate.
Verse 174
إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ
Transliteration inna fī dhālika laāyatan wamā kāna aktharuhum mu'minīna
Oromo Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraIrra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.
Verse 175
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Transliteration wa-inna rabbaka lahuwa l-ʿazīzu l-raḥīmu
Oromo Dhugumatti Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha.
Verse 176
كَذَّبَ أَصْحَـٰبُ لْـَٔيْكَةِ ٱلْمُرْسَلِينَ
Transliteration kadhaba aṣḥābu al'aykati l-mur'salīna
Oromo .Jiraattonni Aykah (bosonaa) ergamoota sobsiifte.
Verse 177
إِذْ قَالَ لَهُمْ شُعَيْبٌ أَلَا تَتَّقُونَ
Transliteration idh qāla lahum shuʿaybun alā tattaqūna
Oromo Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?
Verse 178
إِنِّى لَكُمْ رَسُولٌ أَمِينٌ
Transliteration innī lakum rasūlun amīnun
Oromo Ani isiniif ergamaa amanamaadha.
Verse 179
فَٱتَّقُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ
Transliteration fa-ittaqū l-laha wa-aṭīʿūni
Oromo Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa.
Verse 180
وَمَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ ۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَىٰ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration wamā asalukum ʿalayhi min ajrin in ajriya illā ʿalā rabbi l-ʿālamīna
Oromo Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhuMindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.
Verse 181
۞ أَوْفُوا۟ ٱلْكَيْلَ وَلَا تَكُونُوا۟ مِنَ ٱلْمُخْسِرِينَ
Transliteration awfū l-kayla walā takūnū mina l-mukh'sirīna
Oromo Safara guutaa; [haqa namaa] hir’iftoota irraa hin ta’inaa.
Verse 182
وَزِنُوا۟ بِٱلْقِسْطَاسِ ٱلْمُسْتَقِيمِ
Transliteration wazinū bil-qis'ṭāsi l-mus'taqīmi
Oromo Madaala sirrii ta’een madaalaa.
Verse 183
وَلَا تَبْخَسُوا۟ ٱلنَّاسَ أَشْيَآءَهُمْ وَلَا تَعْثَوْا۟ فِى ٱلْأَرْضِ مُفْسِدِينَ
Transliteration walā tabkhasū l-nāsa ashyāahum walā taʿthaw fī l-arḍi muf'sidīna
Oromo Namoota wantoota isaanii irraa hin hir’isinaa; badii hojjattoota taataniis dechii keessa badiin hin deeminaa.
Verse 184
وَٱتَّقُوا۟ ٱلَّذِى خَلَقَكُمْ وَٱلْجِبِلَّةَ ٱلْأَوَّلِينَ
Transliteration wa-ittaqū alladhī khalaqakum wal-jibilata l-awalīna
Oromo Isa isiniifi dhaloota duraanii uume sodaadhaa.”
Verse 185
قَالُوٓا۟ إِنَّمَآ أَنتَ مِنَ ٱلْمُسَحَّرِينَ
Transliteration qālū innamā anta mina l-musaḥarīna
Oromo [Isaan] ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.
Verse 186
وَمَآ أَنتَ إِلَّا بَشَرٌ مِّثْلُنَا وَإِن نَّظُنُّكَ لَمِنَ ٱلْكَـٰذِبِينَ
Transliteration wamā anta illā basharun mith'lunā wa-in naẓunnuka lamina l-kādhibīna
Oromo Ati nama fakkii keenyaa malee (uumaa biroo) hin taane; nutis sobdoota irraa ta’uu si yaadna.
Verse 187
فَأَسْقِطْ عَلَيْنَا كِسَفًا مِّنَ ٱلسَّمَآءِ إِن كُنتَ مِنَ ٱلصَّـٰدِقِينَ
Transliteration fa-asqiṭ ʿalaynā kisafan mina l-samāi in kunta mina l-ṣādiqīna
Oromo Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate samii irraa cittuu wahii nurratti kuffisi” [jedhaniin].
Verse 188
قَالَ رَبِّىٓ أَعْلَمُ بِمَا تَعْمَلُونَ
Transliteration qāla rabbī aʿlamu bimā taʿmalūna
Oromo [Inni] ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”
Verse 189
فَكَذَّبُوهُ فَأَخَذَهُمْ عَذَابُ يَوْمِ ٱلظُّلَّةِ ۚ إِنَّهُۥ كَانَ عَذَابَ يَوْمٍ عَظِيمٍ
Transliteration fakadhabūhu fa-akhadhahum ʿadhābu yawmi l-ẓulati innahu kāna ʿadhāba yawmin ʿaẓīmin
Oromo Isa sobsiisanAdabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabateDhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera.
Verse 190
إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَةً ۖ وَمَا كَانَ أَكْثَرُهُم مُّؤْمِنِينَ
Transliteration inna fī dhālika laāyatan wamā kāna aktharuhum mu'minīna
Oromo Dhugumatti, kana keessa mallattootu jiraGaruu irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.
Verse 191
وَإِنَّ رَبَّكَ لَهُوَ ٱلْعَزِيزُ ٱلرَّحِيمُ
Transliteration wa-inna rabbaka lahuwa l-ʿazīzu l-raḥīmu
Oromo Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu injifataa, rahmata godhaadha
Verse 192
وَإِنَّهُۥ لَتَنزِيلُ رَبِّ ٱلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration wa-innahu latanzīlu rabbi l-ʿālamīna
Oromo Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati
Verse 193
نَزَلَ بِهِ ٱلرُّوحُ ٱلْأَمِينُ
Transliteration nazala bihi l-rūḥu l-amīnu
Oromo Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e
Verse 194
عَلَىٰ قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ ٱلْمُنذِرِينَ
Transliteration ʿalā qalbika litakūna mina l-mundhirīna
Oromo Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse].
Verse 195
بِلِسَانٍ عَرَبِىٍّ مُّبِينٍ
Transliteration bilisānin ʿarabiyyin mubīnin
Oromo Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een.
Verse 196
وَإِنَّهُۥ لَفِى زُبُرِ ٱلْأَوَّلِينَ
Transliteration wa-innahu lafī zuburi l-awalīna
Oromo Dhugumatti, inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.
Verse 197
أَوَلَمْ يَكُن لَّهُمْ ءَايَةً أَن يَعْلَمَهُۥ عُلَمَـٰٓؤُا۟ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ
Transliteration awalam yakun lahum āyatan an yaʿlamahu ʿulamāu banī is'rāīla
Oromo Sila beektonni Ilmaan Israa’iil isa beekuun mallattoo isaaniif (warra Makkaatiif) hin ta’uu?
Verse 198
وَلَوْ نَزَّلْنَـٰهُ عَلَىٰ بَعْضِ ٱلْأَعْجَمِينَ
Transliteration walaw nazzalnāhu ʿalā baʿḍi l-aʿjamīna
Oromo Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,
Verse 199
فَقَرَأَهُۥ عَلَيْهِم مَّا كَانُوا۟ بِهِۦ مُؤْمِنِينَ
Transliteration faqara-ahu ʿalayhim mā kānū bihi mu'minīna
Oromo Innis isaan irratti dubbisee, isaan kan isatti amanan hin taane.
Verse 200
كَذَٰلِكَ سَلَكْنَـٰهُ فِى قُلُوبِ ٱلْمُجْرِمِينَ
Transliteration kadhālika salaknāhu fī qulūbi l-muj'rimīna
Oromo Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onnee badi raawwattootaa keessa seensifne
Verse 201
لَا يُؤْمِنُونَ بِهِۦ حَتَّىٰ يَرَوُا۟ ٱلْعَذَابَ ٱلْأَلِيمَ
Transliteration lā yu'minūna bihi ḥattā yarawū l-ʿadhāba l-alīma
Oromo Hanga adabbii laalessaa ta’e arganitti isatti hin amananu
Verse 202
فَيَأْتِيَهُم بَغْتَةً وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ
Transliteration fayatiyahum baghtatan wahum lā yashʿurūna
Oromo Inni (adabbichi) odoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa
Verse 203
فَيَقُولُوا۟ هَلْ نَحْنُ مُنظَرُونَ
Transliteration fayaqūlū hal naḥnu munẓarūna
Oromo [Akka amannuuf] “yeroon nuuf kennamuu danda’aa?” jedhu
Verse 204
أَفَبِعَذَابِنَا يَسْتَعْجِلُونَ
Transliteration afabiʿadhābinā yastaʿjilūna
Oromo Sila adabbii keenya ariifachiifatuu?
Verse 205
أَفَرَءَيْتَ إِن مَّتَّعْنَـٰهُمْ سِنِينَ
Transliteration afara-ayta in mattaʿnāhum sinīna
Oromo Mee naaf himi! Odoo waggoota hedduuf isaan qanansiifnee,
Verse 206
ثُمَّ جَآءَهُم مَّا كَانُوا۟ يُوعَدُونَ
Transliteration thumma jāahum mā kānū yūʿadūna
Oromo Sana booda wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan isaanitti dhufee,
Verse 207
مَآ أَغْنَىٰ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يُمَتَّعُونَ
Transliteration mā aghnā ʿanhum mā kānū yumattaʿūna
Oromo Wanti isaan ittiin qanani’aa turan [adaba Rabbii irraa] maal isaan irraa deebisa?
Verse 208
وَمَآ أَهْلَكْنَا مِن قَرْيَةٍ إِلَّا لَهَا مُنذِرُونَ
Transliteration wamā ahlaknā min qaryatin illā lahā mundhirūna
Oromo Magaalaa tokkollee akeekkachiisaan isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine
Verse 209
ذِكْرَىٰ وَمَا كُنَّا ظَـٰلِمِينَ
Transliteration dhik'rā wamā kunnā ẓālimīna
Oromo [Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.
Verse 210
وَمَا تَنَزَّلَتْ بِهِ ٱلشَّيَـٰطِينُ
Transliteration wamā tanazzalat bihi l-shayāṭīnu
Oromo Sheyxaanonnis isaan [Qur’aanaan] hin buune.
Verse 211
وَمَا يَنۢبَغِى لَهُمْ وَمَا يَسْتَطِيعُونَ
Transliteration wamā yanbaghī lahum wamā yastaṭīʿūna
Oromo Isaaniifis hin malu[Isa fiduu] hin danda’anus
Verse 212
إِنَّهُمْ عَنِ ٱلسَّمْعِ لَمَعْزُولُونَ
Transliteration innahum ʿani l-samʿi lamaʿzūlūna
Oromo Dhugumatti, isaan isa dhagahuu irraa fageeffamoodha
Verse 213
فَلَا تَدْعُ مَعَ ٱللَّهِ إِلَـٰهًا ءَاخَرَ فَتَكُونَ مِنَ ٱلْمُعَذَّبِينَ
Transliteration falā tadʿu maʿa l-lahi ilāhan ākhara fatakūna mina l-muʿadhabīna
Oromo Rabbii waliin gooftaa biraa hin kadhatin[Yoo akkas goote] warra adabaman irraa taata.
Verse 214
وَأَنذِرْ عَشِيرَتَكَ ٱلْأَقْرَبِينَ
Transliteration wa-andhir ʿashīrataka l-aqrabīna
Oromo Firoota kee dhihoo ta’an akeekkachiisi.
Verse 215
وَٱخْفِضْ جَنَاحَكَ لِمَنِ ٱتَّبَعَكَ مِنَ ٱلْمُؤْمِنِينَ
Transliteration wa-ikh'fiḍ janāḥaka limani ittabaʿaka mina l-mu'minīna
Oromo Mu’uminoota irraa nama si hordofeef nyaara (kooluu) kee gadi qabi.
Verse 216
فَإِنْ عَصَوْكَ فَقُلْ إِنِّى بَرِىٓءٌ مِّمَّا تَعْمَلُونَ
Transliteration fa-in ʿaṣawka faqul innī barīon mimmā taʿmalūna
Oromo Yoo ajaja kee fudhachuu didanis “Ani waan isin hojjattan irraa qulqulluudha” jedhiin.
Verse 217
وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱلْعَزِيزِ ٱلرَّحِيمِ
Transliteration watawakkal ʿalā l-ʿazīzi l-raḥīmi
Oromo [Rabbii] injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti hirkadhu.
Verse 218
ٱلَّذِى يَرَىٰكَ حِينَ تَقُومُ
Transliteration alladhī yarāka ḥīna taqūmu
Oromo Isa yeroo ati dhaabbattu si argu [irratti hirkadhu]
Verse 219
وَتَقَلُّبَكَ فِى ٱلسَّـٰجِدِينَ
Transliteration wataqallubaka fī l-sājidīna
Oromo [Isa] sochiiwwan ati warra sagadan keessatti gootu [argu irratti hirkadhu]
Verse 220
إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ
Transliteration innahu huwa l-samīʿu l-ʿalīmu
Oromo Dhugumatti, Inni Isatu argaa, beekaadha.
Verse 221
هَلْ أُنَبِّئُكُمْ عَلَىٰ مَن تَنَزَّلُ ٱلشَّيَـٰطِينُ
Transliteration hal unabbi-ukum ʿalā man tanazzalu l-shayāṭīnu
Oromo Sheyxaanonni eenyu irratti akka bu’an isinitti himuu?
Verse 222
تَنَزَّلُ عَلَىٰ كُلِّ أَفَّاكٍ أَثِيمٍ
Transliteration tanazzalu ʿalā kulli affākin athīmin
Oromo Kijibaa, badii hojjataa hunda irratti buuti
Verse 223
يُلْقُونَ ٱلسَّمْعَ وَأَكْثَرُهُمْ كَـٰذِبُونَ
Transliteration yul'qūna l-samʿa wa-aktharuhum kādhibūna
Oromo Wanta dhagahanis [waa himtuu irratti] gadi buusuIrra baay’een isaanii immo kijibdoota
Verse 224
وَٱلشُّعَرَآءُ يَتَّبِعُهُمُ ٱلْغَاوُۥنَ
Transliteration wal-shuʿarāu yattabiʿuhumu l-ghāwūna
Oromo Walaleessitoota jallattootatu isaan hordofa.
Verse 225
أَلَمْ تَرَ أَنَّهُمْ فِى كُلِّ وَادٍ يَهِيمُونَ
Transliteration alam tara annahum fī kulli wādin yahīmūna
Oromo Isaan dhugumatti sulula (bowwaa) hunda keessa akka seenan hin agartuu?
Verse 226
وَأَنَّهُمْ يَقُولُونَ مَا لَا يَفْعَلُونَ
Transliteration wa-annahum yaqūlūna mā lā yafʿalūna
Oromo Dhugumatti isaan waan hin dalagne kan dubbatan ta’uu [hin agartuu]?
Verse 227
إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّـٰلِحَـٰتِ وَذَكَرُوا۟ ٱللَّهَ كَثِيرًا وَٱنتَصَرُوا۟ مِنۢ بَعْدِ مَا ظُلِمُوا۟ ۗ وَسَيَعْلَمُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓا۟ أَىَّ مُنقَلَبٍ يَنقَلِبُونَ
Transliteration illā alladhīna āmanū waʿamilū l-ṣāliḥāti wadhakarū l-laha kathīran wa-intaṣarū min baʿdi mā ẓulimū wasayaʿlamu alladhīna ẓalamū ayya munqalabin yanqalibūna
Oromo Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baay’inaan Rabbiin faarsan, erga miidhamanii booda [walaloodhaan] of irraa deebisan [harka kaffalatan] malee[Isaan hin komatanu]Isaan miidhaa dalaganis [eega du’anii booda] deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.
Read Surah Ash-Shu'ara in another language
- English (word by word)
- Albanian
- Amazigh
- Amharic
- Assamese
- Azerbaijani
- Bambara
- Bangla
- Bosnian
- Bulgarian
- Chechen
- Chinese
- Czech
- Dari
- Dhivehi
- Dutch
- Finnish
- French
- German
- Gujarati
- Hausa
- Hebrew
- Hindi
- Indonesian
- Italian
- Japanese
- Kannada
- Kazakh
- Khmer
- Kinyarwanda
- Korean
- Kurdish
- Luganda
- Malay
- Malayalam
- Maranao
- Marathi
- Nepali
- Norwegian
- Pashto
- Persian
- Polish
- Portuguese
- Romanian
- Russian
- Sindhi
- Sinhala
- Somali
- Spanish
- Swahili
- Swedish
- Tagalog
- Tajik
- Tamil
- Tatar
- Telugu
- Thai
- Turkish
- Ukrainian
- Urdu
- Uyghur
- Uzbek
- Vietnamese
- Yao
- Yoruba
All 114 surahs in Oromo: the Qur’an in Oromo.
Oromo translation: Ghali Apapur Apaghuna, from Quran.com. Transliteration: Quran.com. Recitation: Mishary Alafasy, from EveryAyah.com. MyDugsi is a learning aid, not a replacement for a qualified teacher.