MyDugsiStart learning

Surah Fussilat in Oromo: translation and audio

Surah 41 · فصلت · Explained in Detail · 54 verses

Surah Fussilat verse by verse: the Arabic with a recitation you can repeat, the transliteration, and the Oromo translation by Ghali Apapur Apaghuna. For the meaning of every word, see Surah Fussilat word by word in English.

Verse 1

حمٓ

Transliteration hha-meem

Oromo Haa Miim.

Verse 2

تَنزِيلٌ مِّنَ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلرَّحِيمِ

Transliteration tanzīlun mina l-raḥmāni l-raḥīmi

Oromo (Qur’aanni kun) Rabbii mararfataa, rahmata godhaa ta’e irraa buufamaadha

Verse 3

كِتَـٰبٌ فُصِّلَتْ ءَايَـٰتُهُۥ قُرْءَانًا عَرَبِيًّا لِّقَوْمٍ يَعْلَمُونَ

Transliteration kitābun fuṣṣilat āyātuhu qur'ānan ʿarabiyyan liqawmin yaʿlamūna

Oromo Kitaaba keeyyattoonni isaa namoota beekaniif, dubbifamaa Afaan Arabaa ta’ee, adda baafamteedha.

Verse 4

بَشِيرًا وَنَذِيرًا فَأَعْرَضَ أَكْثَرُهُمْ فَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ

Transliteration bashīran wanadhīran fa-aʿraḍa aktharuhum fahum lā yasmaʿūna

Oromo Gammachiisaafi sodaachisaa ta’ee (buufamee dha); irra hedduun isaanii irraa gara galanSaniifuu isaan hin dhagayan.

Verse 5

وَقَالُوا۟ قُلُوبُنَا فِىٓ أَكِنَّةٍ مِّمَّا تَدْعُونَآ إِلَيْهِ وَفِىٓ ءَاذَانِنَا وَقْرٌ وَمِنۢ بَيْنِنَا وَبَيْنِكَ حِجَابٌ فَٱعْمَلْ إِنَّنَا عَـٰمِلُونَ

Transliteration waqālū qulūbunā fī akinnatin mimmā tadʿūnā ilayhi wafī ādhāninā waqrun wamin bayninā wabaynika ḥijābun fa-iʿ'mal innanā ʿāmilūna

Oromo Ni jedhan: “onneen keenya waan isin itti nu waamtan irraa haguuggaa keessa jiraGurra keenya keessas duudummaatu jiraGidduu keenyaafi gidduu keetis waan haguugutu jiraKanaaf ati (waan feete) dalagi; nutis (waan feene) dalagna.

Verse 6

قُلْ إِنَّمَآ أَنَا۠ بَشَرٌ مِّثْلُكُمْ يُوحَىٰٓ إِلَىَّ أَنَّمَآ إِلَـٰهُكُمْ إِلَـٰهٌ وَٰحِدٌ فَٱسْتَقِيمُوٓا۟ إِلَيْهِ وَٱسْتَغْفِرُوهُ ۗ وَوَيْلٌ لِّلْمُشْرِكِينَ

Transliteration qul innamā anā basharun mith'lukum yūḥā ilayya annamā ilāhukum ilāhun wāḥidun fa-is'taqīmū ilayhi wa-is'taghfirūhu wawaylun lil'mush'rikīna

Oromo Jedhi: “ani namuma akka keessaniiti; ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha qofa; gara Isaa qajeelaa, araaramas Isa gaafadhaa, warra (Isatti) qindeessaniif adabatu jira’ jechuutu gara kiyyatti beeksisa godhama.”

Verse 7

ٱلَّذِينَ لَا يُؤْتُونَ ٱلزَّكَوٰةَ وَهُم بِٱلْـَٔاخِرَةِ هُمْ كَـٰفِرُونَ

Transliteration alladhīna lā yu'tūna l-zakata wahum bil-ākhirati hum kāfirūna

Oromo Isaan warra zakaa hin kennine, kan Aakhirattis kafaraniidha.

Verse 8

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّـٰلِحَـٰتِ لَهُمْ أَجْرٌ غَيْرُ مَمْنُونٍ

Transliteration inna alladhīna āmanū waʿamilū l-ṣāliḥāti lahum ajrun ghayru mamnūnin

Oromo Dhugumatti, isaan amananii, toltuu hojjatan isaaniif mindaa adda hin cinnetu jira.

Verse 9

۞ قُلْ أَئِنَّكُمْ لَتَكْفُرُونَ بِٱلَّذِى خَلَقَ ٱلْأَرْضَ فِى يَوْمَيْنِ وَتَجْعَلُونَ لَهُۥٓ أَندَادًا ۚ ذَٰلِكَ رَبُّ ٱلْعَـٰلَمِينَ

Transliteration qul a-innakum latakfurūna bi-alladhī khalaqa l-arḍa fī yawmayni watajʿalūna lahu andādan dhālika rabbu l-ʿālamīna

Oromo Jedhi: “Sila isin Isa dachii guyyaa lama keessatti uumetti kafartanii, hiriyyaa Isaaf gootuu? Sun Gooftaa aalama hundaati.

Verse 10

وَجَعَلَ فِيهَا رَوَٰسِىَ مِن فَوْقِهَا وَبَـٰرَكَ فِيهَا وَقَدَّرَ فِيهَآ أَقْوَٰتَهَا فِىٓ أَرْبَعَةِ أَيَّامٍ سَوَآءً لِّلسَّآئِلِينَ

Transliteration wajaʿala fīhā rawāsiya min fawqihā wabāraka fīhā waqaddara fīhā aqwātahā fī arbaʿati ayyāmin sawāan lilssāilīna

Oromo Ishee (dachii) keessatti gaarreen lafa qabatoo ta’an; gubbaa isiitti godhee, ishee keessattis barakaa godheIshee keessatti wantoota ittiin jiraatan guyyuma afur guutuu keessatti warra itti haajamaniif murteesse.

Verse 11

ثُمَّ ٱسْتَوَىٰٓ إِلَى ٱلسَّمَآءِ وَهِىَ دُخَانٌ فَقَالَ لَهَا وَلِلْأَرْضِ ٱئْتِيَا طَوْعًا أَوْ كَرْهًا قَالَتَآ أَتَيْنَا طَآئِعِينَ

Transliteration thumma is'tawā ilā l-samāi wahiya dukhānun faqāla lahā walil'arḍi i'tiyā ṭawʿan aw karhan qālatā ataynā ṭāiʿīna

Oromo Ergasii haala isheen aara taatee jirtuun samii ol ta’e, isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedheIsaanis “jaalannee dhufne” jedhan.

Verse 12

فَقَضَىٰهُنَّ سَبْعَ سَمَـٰوَاتٍ فِى يَوْمَيْنِ وَأَوْحَىٰ فِى كُلِّ سَمَآءٍ أَمْرَهَا ۚ وَزَيَّنَّا ٱلسَّمَآءَ ٱلدُّنْيَا بِمَصَـٰبِيحَ وَحِفْظًا ۚ ذَٰلِكَ تَقْدِيرُ ٱلْعَزِيزِ ٱلْعَلِيمِ

Transliteration faqaḍāhunna sabʿa samāwātin fī yawmayni wa-awḥā fī kulli samāin amrahā wazayyannā l-samāa l-dun'yā bimaṣābīḥa waḥif'ẓan dhālika taqdīru l-ʿazīzi l-ʿalīmi

Oromo Guyyaa lama keessatti samii torba godhee xumuree, samii hunda keessatti, dhimma ishee ilaalchisee beeksisa itti godheSamii addunyaas ifaadhaan (urjiin) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine)Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati.

Verse 13

فَإِنْ أَعْرَضُوا۟ فَقُلْ أَنذَرْتُكُمْ صَـٰعِقَةً مِّثْلَ صَـٰعِقَةِ عَادٍ وَثَمُودَ

Transliteration fa-in aʿraḍū faqul andhartukum ṣāʿiqatan mith'la ṣāʿiqati ʿādin wathamūda

Oromo Yoo isaan gara galan “ani iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadiifi Samuudin isin sodaachiseera” jedhiin.

Verse 14

إِذْ جَآءَتْهُمُ ٱلرُّسُلُ مِنۢ بَيْنِ أَيْدِيهِمْ وَمِنْ خَلْفِهِمْ أَلَّا تَعْبُدُوٓا۟ إِلَّا ٱللَّهَ ۖ قَالُوا۟ لَوْ شَآءَ رَبُّنَا لَأَنزَلَ مَلَـٰٓئِكَةً فَإِنَّا بِمَآ أُرْسِلْتُم بِهِۦ كَـٰفِرُونَ

Transliteration idh jāathumu l-rusulu min bayni aydīhim wamin khalfihim allā taʿbudū illā l-laha qālū law shāa rabbunā la-anzala malāikatan fa-innā bimā ur'sil'tum bihi kāfirūna

Oromo (adabbii) yeroo ergamtoonni fuuldura isaaniitiifi duuba isaaniitiin itti dhufanii “Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” (isaaniin jennaan), “Gooftaan keenya odoo fedhee malaykota buusa ture; kanaaf nuti waan isin itti amantanitti kafarree jirra” jedhanii san (isin sodaachise).

Verse 15

فَأَمَّا عَادٌ فَٱسْتَكْبَرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ بِغَيْرِ ٱلْحَقِّ وَقَالُوا۟ مَنْ أَشَدُّ مِنَّا قُوَّةً ۖ أَوَلَمْ يَرَوْا۟ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِى خَلَقَهُمْ هُوَ أَشَدُّ مِنْهُمْ قُوَّةً ۖ وَكَانُوا۟ بِـَٔايَـٰتِنَا يَجْحَدُونَ

Transliteration fa-ammā ʿādun fa-is'takbarū fī l-arḍi bighayri l-ḥaqi waqālū man ashaddu minnā quwwatan awalam yaraw anna l-laha alladhī khalaqahum huwa ashaddu min'hum quwwatan wakānū biāyātinā yajḥadūna

Oromo Aad immoo dachii keessatti haqaan ala boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhanSila Rabbiin, Inni isaan uume sun dhugumatti, humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormitoota turan.

Verse 16

فَأَرْسَلْنَا عَلَيْهِمْ رِيحًا صَرْصَرًا فِىٓ أَيَّامٍ نَّحِسَاتٍ لِّنُذِيقَهُمْ عَذَابَ ٱلْخِزْىِ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا ۖ وَلَعَذَابُ ٱلْـَٔاخِرَةِ أَخْزَىٰ ۖ وَهُمْ لَا يُنصَرُونَ

Transliteration fa-arsalnā ʿalayhim rīḥan ṣarṣaran fī ayyāmin naḥisātin linudhīqahum ʿadhāba l-khiz'yi fī l-ḥayati l-dun'yā walaʿadhābu l-ākhirati akhzā wahum lā yunṣarūna

Oromo Akka jiruu addunyaa keessatti adabbii salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha guyyoota (isaaniif) hamaa keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine(Haa ta’uu malee) adabbii Aakhiraatu irra salphisaadhaIsaan hin tumsamanu.

Verse 17

وَأَمَّا ثَمُودُ فَهَدَيْنَـٰهُمْ فَٱسْتَحَبُّوا۟ ٱلْعَمَىٰ عَلَى ٱلْهُدَىٰ فَأَخَذَتْهُمْ صَـٰعِقَةُ ٱلْعَذَابِ ٱلْهُونِ بِمَا كَانُوا۟ يَكْسِبُونَ

Transliteration wa-ammā thamūdu fahadaynāhum fa-is'taḥabbū l-ʿamā ʿalā l-hudā fa-akhadhathum ṣāʿiqatu l-ʿadhābi l-hūni bimā kānū yaksibūna

Oromo Samuudiinis isaan qajeelchineeti, qajeelloo irra jallina filatani; waan isaan hojjataa turaniif duuti adabbii salphisaa isaan qabatte

Verse 18

وَنَجَّيْنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَكَانُوا۟ يَتَّقُونَ

Transliteration wanajjaynā alladhīna āmanū wakānū yattaqūna

Oromo Isaan amananii, Rabbiin kan sodaatan turan nagaya baafne.

Verse 19

وَيَوْمَ يُحْشَرُ أَعْدَآءُ ٱللَّهِ إِلَى ٱلنَّارِ فَهُمْ يُوزَعُونَ

Transliteration wayawma yuḥ'sharu aʿdāu l-lahi ilā l-nāri fahum yūzaʿūna

Oromo Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti qabamanii ittifaman san [yaadadhu]

Verse 20

حَتَّىٰٓ إِذَا مَا جَآءُوهَا شَهِدَ عَلَيْهِمْ سَمْعُهُمْ وَأَبْصَـٰرُهُمْ وَجُلُودُهُم بِمَا كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Transliteration ḥattā idhā mā jāūhā shahida ʿalayhim samʿuhum wa-abṣāruhum wajulūduhum bimā kānū yaʿmalūna

Oromo Yeroo ishee bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuun isaanitiifi gogaan isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan irratti ba’u.

Verse 21

وَقَالُوا۟ لِجُلُودِهِمْ لِمَ شَهِدتُّمْ عَلَيْنَا ۖ قَالُوٓا۟ أَنطَقَنَا ٱللَّهُ ٱلَّذِىٓ أَنطَقَ كُلَّ شَىْءٍ وَهُوَ خَلَقَكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍ وَإِلَيْهِ تُرْجَعُونَ

Transliteration waqālū lijulūdihim lima shahidttum ʿalaynā qālū anṭaqanā l-lahu alladhī anṭaqa kulla shayin wahuwa khalaqakum awwala marratin wa-ilayhi tur'jaʿūna

Oromo Gogaa isaanitiin “Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan[Isaan] ni jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiise, kan yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti deebifamtantu nu dubbachiise.”

Verse 22

وَمَا كُنتُمْ تَسْتَتِرُونَ أَن يَشْهَدَ عَلَيْكُمْ سَمْعُكُمْ وَلَآ أَبْصَـٰرُكُمْ وَلَا جُلُودُكُمْ وَلَـٰكِن ظَنَنتُمْ أَنَّ ٱللَّهَ لَا يَعْلَمُ كَثِيرًا مِّمَّا تَعْمَلُونَ

Transliteration wamā kuntum tastatirūna an yashhada ʿalaykum samʿukum walā abṣārukum walā julūdukum walākin ẓanantum anna l-laha lā yaʿlamu kathīran mimmā taʿmalūna

Oromo Isinis dhageettiin keessan, agartuun keessaniifi gogaan keessan ragaa isin irratti ba’uu kan of dhoksitanu hin taaneHaa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin dalagdanii beekuu dhabuu yaaddan.

Verse 23

وَذَٰلِكُمْ ظَنُّكُمُ ٱلَّذِى ظَنَنتُم بِرَبِّكُمْ أَرْدَىٰكُمْ فَأَصْبَحْتُم مِّنَ ٱلْخَـٰسِرِينَ

Transliteration wadhālikum ẓannukumu alladhī ẓanantum birabbikum ardākum fa-aṣbaḥtum mina l-khāsirīna

Oromo Sun yaada keessan, kan isin Gooftaa keessanitti yaaddaniidhaIsin balleessee, warra hoonga’an irraa taatan.

Verse 24

فَإِن يَصْبِرُوا۟ فَٱلنَّارُ مَثْوًى لَّهُمْ ۖ وَإِن يَسْتَعْتِبُوا۟ فَمَا هُم مِّنَ ٱلْمُعْتَبِينَ

Transliteration fa-in yaṣbirū fal-nāru mathwan lahum wa-in yastaʿtibū famā hum mina l-muʿ'tabīna

Oromo Yoo obsanis, ibiddi teessoo isaaniiti, yoo ceephoo buufachuu barbaadanis, isaan warra ceephefamu irraayii miti

Verse 25

۞ وَقَيَّضْنَا لَهُمْ قُرَنَآءَ فَزَيَّنُوا۟ لَهُم مَّا بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَمَا خَلْفَهُمْ وَحَقَّ عَلَيْهِمُ ٱلْقَوْلُ فِىٓ أُمَمٍ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِم مِّنَ ٱلْجِنِّ وَٱلْإِنسِ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا۟ خَـٰسِرِينَ

Transliteration waqayyaḍnā lahum quranāa fazayyanū lahum mā bayna aydīhim wamā khalfahum waḥaqqa ʿalayhimu l-qawlu fī umamin qad khalat min qablihim mina l-jini wal-insi innahum kānū khāsirīna

Oromo Nuti hiriyoota (Sheyxaanaa) isaaniif ramadneeti, wantoota fuuldura isaaniitiifi wantoota booda isaanii isaaniif bareechanJechi (adabbiin) akkuma ummatoota isaaniin duraa kan jinniifi nama irratti mirkanaa’e, isaan irrattis mirkanaa’eIsaan dhugumatti hoonga’oo ta’aniiru

Verse 26

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَا تَسْمَعُوا۟ لِهَـٰذَا ٱلْقُرْءَانِ وَٱلْغَوْا۟ فِيهِ لَعَلَّكُمْ تَغْلِبُونَ

Transliteration waqāla alladhīna kafarū lā tasmaʿū lihādhā l-qur'āni wal-ghaw fīhi laʿallakum taghlibūna

Oromo Isaan kafaran “Qur’aana kana hin dhaga’inaa; akka injifattaniif (yeroo dubbifamu) isa keessatti wacaa” jedhan

Verse 27

فَلَنُذِيقَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ عَذَابًا شَدِيدًا وَلَنَجْزِيَنَّهُمْ أَسْوَأَ ٱلَّذِى كَانُوا۟ يَعْمَلُونَ

Transliteration falanudhīqanna alladhīna kafarū ʿadhāban shadīdan walanajziyannahum aswa-a alladhī kānū yaʿmalūna

Oromo Isaan kafaran dhugumaan adabbii cimaa isaan dhandhamsiifnaDhugumatti, hamtuu isaan dalagaa turaniifis isaan mindeessina.

Verse 28

ذَٰلِكَ جَزَآءُ أَعْدَآءِ ٱللَّهِ ٱلنَّارُ ۖ لَهُمْ فِيهَا دَارُ ٱلْخُلْدِ ۖ جَزَآءًۢ بِمَا كَانُوا۟ بِـَٔايَـٰتِنَا يَجْحَدُونَ

Transliteration dhālika jazāu aʿdāi l-lahi l-nāru lahum fīhā dāru l-khul'di jazāan bimā kānū biāyātinā yajḥadūna

Oromo Sun waan mindaan diinotii Rabbii ibidda ta’eefiIsaaniif ishee keessa mana yeroo hundaatu jiraWaan keeyyattoota keenya mormaniif isaaniif mindaa ta’a.

Verse 29

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ رَبَّنَآ أَرِنَا ٱلَّذَيْنِ أَضَلَّانَا مِنَ ٱلْجِنِّ وَٱلْإِنسِ نَجْعَلْهُمَا تَحْتَ أَقْدَامِنَا لِيَكُونَا مِنَ ٱلْأَسْفَلِينَ

Transliteration waqāla alladhīna kafarū rabbanā arinā alladhayni aḍallānā mina l-jini wal-insi najʿalhumā taḥta aqdāminā liyakūnā mina l-asfalīna

Oromo Isaan kafaran “Gooftaa keenya! Isaan jinnootaafi namoota irraa nu jallisan lamaan nutti agarsiisi; akka warra jalaa keessa ta’aniif faana keenya jala isaan goona” jedhan

Verse 30

إِنَّ ٱلَّذِينَ قَالُوا۟ رَبُّنَا ٱللَّهُ ثُمَّ ٱسْتَقَـٰمُوا۟ تَتَنَزَّلُ عَلَيْهِمُ ٱلْمَلَـٰٓئِكَةُ أَلَّا تَخَافُوا۟ وَلَا تَحْزَنُوا۟ وَأَبْشِرُوا۟ بِٱلْجَنَّةِ ٱلَّتِى كُنتُمْ تُوعَدُونَ

Transliteration inna alladhīna qālū rabbunā l-lahu thumma is'taqāmū tatanazzalu ʿalayhimu l-malāikatu allā takhāfū walā taḥzanū wa-abshirū bil-janati allatī kuntum tūʿadūna

Oromo Dhugumatti, isaan “gabbaramaan keenya Allaahdha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) malaykonni isaan irratti bubu’aniiti, “hin sodaatinaa; hin gaddinaas; jannata waadaa isiniif galameen gammadaa.

Verse 31

نَحْنُ أَوْلِيَآؤُكُمْ فِى ٱلْحَيَوٰةِ ٱلدُّنْيَا وَفِى ٱلْـَٔاخِرَةِ ۖ وَلَكُمْ فِيهَا مَا تَشْتَهِىٓ أَنفُسُكُمْ وَلَكُمْ فِيهَا مَا تَدَّعُونَ

Transliteration naḥnu awliyāukum fī l-ḥayati l-dun'yā wafī l-ākhirati walakum fīhā mā tashtahī anfusukum walakum fīhā mā taddaʿūna

Oromo Nuti jiruu addunyaa keessatti jaalalloo keessan turre; Aakhirattis akkasumaIsiniif ishee (jannata) keessa waan lubbuun keessan feetutu jiraIsiniif ishee keessa waan barbaaddantu jira.

Verse 32

نُزُلًا مِّنْ غَفُورٍ رَّحِيمٍ

Transliteration nuzulan min ghafūrin raḥīmin

Oromo Afeerraa (Rabbii) araaramaa, rahmata godhaa irraa ta’eedha” (isaaniin jedhu).

Verse 33

وَمَنْ أَحْسَنُ قَوْلًا مِّمَّن دَعَآ إِلَى ٱللَّهِ وَعَمِلَ صَـٰلِحًا وَقَالَ إِنَّنِى مِنَ ٱلْمُسْلِمِينَ

Transliteration waman aḥsanu qawlan mimman daʿā ilā l-lahi waʿamila ṣāliḥan waqāla innanī mina l-mus'limīna

Oromo Nama gara Rabbiitti waameefi hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe caalaa namni jecha bareedu eenyu?

Verse 34

وَلَا تَسْتَوِى ٱلْحَسَنَةُ وَلَا ٱلسَّيِّئَةُ ۚ ٱدْفَعْ بِٱلَّتِى هِىَ أَحْسَنُ فَإِذَا ٱلَّذِى بَيْنَكَ وَبَيْنَهُۥ عَدَٰوَةٌ كَأَنَّهُۥ وَلِىٌّ حَمِيمٌ

Transliteration walā tastawī l-ḥasanatu walā l-sayi-atu id'faʿ bi-allatī hiya aḥsanu fa-idhā alladhī baynaka wabaynahu ʿadāwatun ka-annahu waliyyun ḥamīmun

Oromo (Hojiin) gaariiniifi hamtuun wal hin qixxaa’anIshee toltuu taateen deebisiYoos inni gidduu keetiifi gidduu isaa diinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu (agarta).

Verse 35

وَمَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ٱلَّذِينَ صَبَرُوا۟ وَمَا يُلَقَّىٰهَآ إِلَّا ذُو حَظٍّ عَظِيمٍ

Transliteration wamā yulaqqāhā illā alladhīna ṣabarū wamā yulaqqāhā illā dhū ḥaẓẓin ʿaẓīmin

Oromo Warra obsan malee eenyulleen ishee hin argatuAbbaa qooda guddaa qabu malee eenyulleen ishee hin argatu

Verse 36

وَإِمَّا يَنزَغَنَّكَ مِنَ ٱلشَّيْطَـٰنِ نَزْغٌ فَٱسْتَعِذْ بِٱللَّهِ ۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلْعَلِيمُ

Transliteration wa-immā yanzaghannaka mina l-shayṭāni nazghun fa-is'taʿidh bil-lahi innahu huwa l-samīʿu l-ʿalīmu

Oromo Yoo waswaasaan shayxaana irraa ta’e si jallise, Rabbitti maganfadhuDhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, beekaadha.

Verse 37

وَمِنْ ءَايَـٰتِهِ ٱلَّيْلُ وَٱلنَّهَارُ وَٱلشَّمْسُ وَٱلْقَمَرُ ۚ لَا تَسْجُدُوا۟ لِلشَّمْسِ وَلَا لِلْقَمَرِ وَٱسْجُدُوا۟ لِلَّهِ ٱلَّذِى خَلَقَهُنَّ إِن كُنتُمْ إِيَّاهُ تَعْبُدُونَ

Transliteration wamin āyātihi al-laylu wal-nahāru wal-shamsu wal-qamaru lā tasjudū lilshamsi walā lil'qamari wa-us'judū lillahi alladhī khalaqahunna in kuntum iyyāhu taʿbudūna

Oromo Halkan, Guyyaan, Aduufi Baatiinis mallattoolee Isaa irraayyiYoo kan (dhugaan) Isa gabbartan taatan Aduufis ta’ee baatiif hin salaatinaaRabbii isaan uume qofaaf sagadaa

Verse 38

فَإِنِ ٱسْتَكْبَرُوا۟ فَٱلَّذِينَ عِندَ رَبِّكَ يُسَبِّحُونَ لَهُۥ بِٱلَّيْلِ وَٱلنَّهَارِ وَهُمْ لَا يَسْـَٔمُونَ ۩

Transliteration fa-ini is'takbarū fa-alladhīna ʿinda rabbika yusabbiḥūna lahu bi-al-layli wal-nahāri wahum lā yasamūna

Oromo Yoo boonanis, isaan (malaaykoonni) Rabbii kee bira jiran halkaniifi guyyaa Isa qulqullessu; isaan hin hifatanu.

Verse 39

وَمِنْ ءَايَـٰتِهِۦٓ أَنَّكَ تَرَى ٱلْأَرْضَ خَـٰشِعَةً فَإِذَآ أَنزَلْنَا عَلَيْهَا ٱلْمَآءَ ٱهْتَزَّتْ وَرَبَتْ ۚ إِنَّ ٱلَّذِىٓ أَحْيَاهَا لَمُحْىِ ٱلْمَوْتَىٰٓ ۚ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

Transliteration wamin āyātihi annaka tarā l-arḍa khāshiʿatan fa-idhā anzalnā ʿalayhā l-māa ih'tazzat warabat inna alladhī aḥyāhā lamuḥ'yī l-mawtā innahu ʿalā kulli shayin qadīrun

Oromo Ati dachii gogduu taate arguun mallattoolee Isaa irraayiErgasii yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftisDhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadhaInni waan hunda irratti danda’aadha.

Verse 40

إِنَّ ٱلَّذِينَ يُلْحِدُونَ فِىٓ ءَايَـٰتِنَا لَا يَخْفَوْنَ عَلَيْنَآ ۗ أَفَمَن يُلْقَىٰ فِى ٱلنَّارِ خَيْرٌ أَم مَّن يَأْتِىٓ ءَامِنًا يَوْمَ ٱلْقِيَـٰمَةِ ۚ ٱعْمَلُوا۟ مَا شِئْتُمْ ۖ إِنَّهُۥ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ

Transliteration inna alladhīna yul'ḥidūna fī āyātinā lā yakhfawna ʿalaynā afaman yul'qā fī l-nāri khayrun am man yatī āminan yawma l-qiyāmati iʿ'malū mā shi'tum innahu bimā taʿmalūna baṣīrun

Oromo Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya bakka irraa dabsan nu jalaa dhokachuu hin danda’anuSila Guyyaa Qiyaamaa isa ibidda keessatti darbamu moo, isa nagaa ta’ee dhufutu caala? Waan feetan dalagaa; Inni waan isin dalagdan hunda argaadha

Verse 41

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِٱلذِّكْرِ لَمَّا جَآءَهُمْ ۖ وَإِنَّهُۥ لَكِتَـٰبٌ عَزِيزٌ

Transliteration inna alladhīna kafarū bil-dhik'ri lammā jāahum wa-innahu lakitābun ʿazīzun

Oromo Dhugumatti, isaan erga inni itti dhufee booda yaadannotti (Qur’aanatti) kafaran (mindaa ni argatu)Dhugumatti, inni kitaaba injifataadha

Verse 42

لَّا يَأْتِيهِ ٱلْبَـٰطِلُ مِنۢ بَيْنِ يَدَيْهِ وَلَا مِنْ خَلْفِهِۦ ۖ تَنزِيلٌ مِّنْ حَكِيمٍ حَمِيدٍ

Transliteration lā yatīhi l-bāṭilu min bayni yadayhi walā min khalfihi tanzīlun min ḥakīmin ḥamīdin

Oromo Sobni fuuldura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu(Rabbii) ogeessa faarfamaa ta’e irraa buufame.

Verse 43

مَّا يُقَالُ لَكَ إِلَّا مَا قَدْ قِيلَ لِلرُّسُلِ مِن قَبْلِكَ ۚ إِنَّ رَبَّكَ لَذُو مَغْفِرَةٍ وَذُو عِقَابٍ أَلِيمٍ

Transliteration mā yuqālu laka illā mā qad qīla lilrrusuli min qablika inna rabbaka ladhū maghfiratin wadhū ʿiqābin alīmin

Oromo Waan ergamtoota si duraatiin jedhameen ala wanti siin jedhamu hin jiruDhugumatti, Gooftaan kee abbaa araaramaatiifi abbaa adabbii laaleessaati

Verse 44

وَلَوْ جَعَلْنَـٰهُ قُرْءَانًا أَعْجَمِيًّا لَّقَالُوا۟ لَوْلَا فُصِّلَتْ ءَايَـٰتُهُۥٓ ۖ ءَا۬عْجَمِىٌّ وَعَرَبِىٌّ ۗ قُلْ هُوَ لِلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ هُدًى وَشِفَآءٌ ۖ وَٱلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ فِىٓ ءَاذَانِهِمْ وَقْرٌ وَهُوَ عَلَيْهِمْ عَمًى ۚ أُو۟لَـٰٓئِكَ يُنَادَوْنَ مِن مَّكَانٍۭ بَعِيدٍ

Transliteration walaw jaʿalnāhu qur'ānan aʿjamiyyan laqālū lawlā fuṣṣilat āyātuhu āʿ'jamiyyun waʿarabiyyun qul huwa lilladhīna āmanū hudan washifāon wa-alladhīna lā yu'minūna fī ādhānihim waqrun wahuwa ʿalayhim ʿaman ulāika yunādawna min makānin baʿīdin

Oromo Odoo Qur’aana afaan ajamii (Arabiffaan ala) goonee, sila “maaliif keeyyattoonni isaa sirritti hin ibsamin; ergamaan Arabaa, akkamitti afaan Ajamiin bu’e?” jedhu turan(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Inni warra amananiif qajeelfamaafi qorichaIsaan hin amanin gurra isaanii keessa duudummaatu jiraInnis isaan irratti jaamummaadhaIsaan sun (akka nama) iddoo fagoo irraa waamamuuti.”

Verse 45

وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا مُوسَى ٱلْكِتَـٰبَ فَٱخْتُلِفَ فِيهِ ۗ وَلَوْلَا كَلِمَةٌ سَبَقَتْ مِن رَّبِّكَ لَقُضِىَ بَيْنَهُمْ ۚ وَإِنَّهُمْ لَفِى شَكٍّ مِّنْهُ مُرِيبٍ

Transliteration walaqad ātaynā mūsā l-kitāba fa-ukh'tulifa fīhi walawlā kalimatun sabaqat min rabbika laquḍiya baynahum wa-innahum lafī shakkin min'hu murībin

Oromo Dhugumatti, Muusaaf kitaaba kennineeti, isa keessatti wal dhabameOdoo jechi Gooftaa kee biraa dabarte jiraachuu baattee gidduu isaaniitti murtiin ni kennama tureIsaan isa irraa shakkii mamsiisaa keessa jiru.

Verse 46

مَّنْ عَمِلَ صَـٰلِحًا فَلِنَفْسِهِۦ ۖ وَمَنْ أَسَآءَ فَعَلَيْهَا ۗ وَمَا رَبُّكَ بِظَلَّـٰمٍ لِّلْعَبِيدِ

Transliteration man ʿamila ṣāliḥan falinafsihi waman asāa faʿalayhā wamā rabbuka biẓallāmin lil'ʿabīdi

Oromo Namni toltuu hojjate ofumaafiNamni hamtuu hojjates isheedhuma irrattiGooftaan kee gabroota kan miidhuu miti.

Verse 47

۞ إِلَيْهِ يُرَدُّ عِلْمُ ٱلسَّاعَةِ ۚ وَمَا تَخْرُجُ مِن ثَمَرَٰتٍ مِّنْ أَكْمَامِهَا وَمَا تَحْمِلُ مِنْ أُنثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلْمِهِۦ ۚ وَيَوْمَ يُنَادِيهِمْ أَيْنَ شُرَكَآءِى قَالُوٓا۟ ءَاذَنَّـٰكَ مَا مِنَّا مِن شَهِيدٍ

Transliteration ilayhi yuraddu ʿil'mu l-sāʿati wamā takhruju min thamarātin min akmāmihā wamā taḥmilu min unthā walā taḍaʿu illā biʿil'mihi wayawma yunādīhim ayna shurakāī qālū ādhannāka mā minnā min shahīdin

Oromo Beekumsi Qiyaamaa garuma Isaatti deebifamaBeekumsa Rabbiitiin ala firiin kamillee qola ishee keessaa hin baatu, dubartiin kamuu hin ulfooftu, hin deessusGuyyaa “shariikonni kiyya eessa jiru?” (jedhee) Inni itti lallabu ni jedhu: “(Yaa Rabbi!) nurraa kan (Ati shariika qabaachuu) ragaa ba’u dhabamuu si beeksifneerra.”

Verse 48

وَضَلَّ عَنْهُم مَّا كَانُوا۟ يَدْعُونَ مِن قَبْلُ ۖ وَظَنُّوا۟ مَا لَهُم مِّن مَّحِيصٍ

Transliteration waḍalla ʿanhum mā kānū yadʿūna min qablu waẓannū mā lahum min maḥīṣin

Oromo Wanti isaan duraan (addunyaa irratti) kadhachaa (gabbaraa) turanis isaan irraa badeKarri itti dheessan isaaniif hin jiruu ni mirkaneeffatu.

Verse 49

لَّا يَسْـَٔمُ ٱلْإِنسَـٰنُ مِن دُعَآءِ ٱلْخَيْرِ وَإِن مَّسَّهُ ٱلشَّرُّ فَيَـُٔوسٌ قَنُوطٌ

Transliteration lā yasamu l-insānu min duʿāi l-khayri wa-in massahu l-sharu fayaūsun qanūṭun

Oromo Namni qabeenya kadhachuu irraa hin hifatuYeroo hiyyummaan isa tuqe akkaan abdii murataa, rahmata Rabbii irraa garaa kutataa ta’a.

Verse 50

وَلَئِنْ أَذَقْنَـٰهُ رَحْمَةً مِّنَّا مِنۢ بَعْدِ ضَرَّآءَ مَسَّتْهُ لَيَقُولَنَّ هَـٰذَا لِى وَمَآ أَظُنُّ ٱلسَّاعَةَ قَآئِمَةً وَلَئِن رُّجِعْتُ إِلَىٰ رَبِّىٓ إِنَّ لِى عِندَهُۥ لَلْحُسْنَىٰ ۚ فَلَنُنَبِّئَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ بِمَا عَمِلُوا۟ وَلَنُذِيقَنَّهُم مِّنْ عَذَابٍ غَلِيظٍ

Transliteration wala-in adhaqnāhu raḥmatan minnā min baʿdi ḍarrāa massathu layaqūlanna hādhā lī wamā aẓunnu l-sāʿata qāimatan wala-in rujiʿ'tu ilā rabbī inna lī ʿindahu lalḥus'nā falanunabbi-anna alladhīna kafarū bimā ʿamilū walanudhīqannahum min ʿadhābin ghalīẓin

Oromo Odoo erga rakkoon isa tuqee booda rahmata Nu irraa ta’e isa dhandhamsiifnee silaa “kun anaaf mala; ani Qiyaaman ni dhaabbatti jedhee hin yaadu; yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifames, Isa bira (carraa) gaariitu naaf jira” jedhaDhugumatti, warra kafaran waan isaan hojjachaa turan isaanitti odeessinee, adabbii ulfaataas isaan dhandamsiisuuf jirra

Verse 51

وَإِذَآ أَنْعَمْنَا عَلَى ٱلْإِنسَـٰنِ أَعْرَضَ وَنَـَٔا بِجَانِبِهِۦ وَإِذَا مَسَّهُ ٱلشَّرُّ فَذُو دُعَآءٍ عَرِيضٍ

Transliteration wa-idhā anʿamnā ʿalā l-insāni aʿraḍa wanaā bijānibihi wa-idhā massahu l-sharu fadhū duʿāin ʿarīḍin

Oromo Yeroo Nuti nama irratti tola oolle, inni gara galeeti (iimaana) irraa fagaataYeroo hamtuun isa tuqes yeruma san abbaa kadhaa hedduu ta’a

Verse 52

قُلْ أَرَءَيْتُمْ إِن كَانَ مِنْ عِندِ ٱللَّهِ ثُمَّ كَفَرْتُم بِهِۦ مَنْ أَضَلُّ مِمَّنْ هُوَ فِى شِقَاقٍۭ بَعِيدٍ

Transliteration qul ara-aytum in kāna min ʿindi l-lahi thumma kafartum bihi man aḍallu mimman huwa fī shiqāqin baʿīdin

Oromo Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo (Qur’aanni) Rabbi biraa ta’ee, ergasii isin isatti kafartan? Nama isa mormii fagoo ta’e keessa jiru irra jallaan ni jiraa?

Verse 53

سَنُرِيهِمْ ءَايَـٰتِنَا فِى ٱلْـَٔافَاقِ وَفِىٓ أَنفُسِهِمْ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَهُمْ أَنَّهُ ٱلْحَقُّ ۗ أَوَلَمْ يَكْفِ بِرَبِّكَ أَنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ

Transliteration sanurīhim āyātinā fī l-āfāqi wafī anfusihim ḥattā yatabayyana lahum annahu l-ḥaqu awalam yakfi birabbika annahu ʿalā kulli shayin shahīdun

Oromo Dhugaa ta’uun isaa (Qur’aanaa) hanga isaaniif ifa ta’utti Nuti mallattoowwan keenya moggaa (samii)fi lubbuu isaanii keessatti isaan agarsiifnaInni waan hunda irratti to’ataa ta’uun Gooftaa keetiif hin ga’uu?

Verse 54

أَلَآ إِنَّهُمْ فِى مِرْيَةٍ مِّن لِّقَآءِ رَبِّهِمْ ۗ أَلَآ إِنَّهُۥ بِكُلِّ شَىْءٍ مُّحِيطٌۢ

Transliteration alā innahum fī mir'yatin min liqāi rabbihim alā innahu bikulli shayin muḥīṭun

Oromo Mee dhagayaa! Dhugumatti, isaan (kun) Gooftaa isaanii qunnamuu irraa mamii keessa jiruDhaga’aa! Dhugumatti, Inni waan hundaan marsee jira.

Read Surah Fussilat in another language

All languages

All 114 surahs in Oromo: the Qur’an in Oromo.

Learn it in MyDugsi

Oromo translation: Ghali Apapur Apaghuna, from Quran.com. Transliteration: Quran.com. Recitation: Mishary Alafasy, from EveryAyah.com. MyDugsi is a learning aid, not a replacement for a qualified teacher.