Surah Al-Qalam in Oromo: translation and audio
Surah 68 · القلم · The Pen · 52 verses
Surah Al-Qalam verse by verse: the Arabic with a recitation you can repeat, the transliteration, and the Oromo translation by Ghali Apapur Apaghuna. For the meaning of every word, see Surah Al-Qalam word by word in English.
Verse 1
نٓ ۚ وَٱلْقَلَمِ وَمَا يَسْطُرُونَ
Transliteration noon wal-qalami wamā yasṭurūna
Oromo NuunQalamaafi waan (malaykonni) barreessaniinin kakadha.
Verse 2
مَآ أَنتَ بِنِعْمَةِ رَبِّكَ بِمَجْنُونٍ
Transliteration mā anta biniʿ'mati rabbika bimajnūnin
Oromo Ati ni'imaa Gooftaa keetiitiin maraataa hin taane.
Verse 3
وَإِنَّ لَكَ لَأَجْرًا غَيْرَ مَمْنُونٍ
Transliteration wa-inna laka la-ajran ghayra mamnūnin
Oromo Dhugumatti, siif mindaa hin cinnetu jira.
Verse 4
وَإِنَّكَ لَعَلَىٰ خُلُقٍ عَظِيمٍ
Transliteration wa-innaka laʿalā khuluqin ʿaẓīmin
Oromo Dhugumatti, ati amala (naamusa) guddaa irra jirta.
Verse 5
فَسَتُبْصِرُ وَيُبْصِرُونَ
Transliteration fasatub'ṣiru wayub'ṣirūna
Oromo Fuulduratti arguuf jirta; isaanis arguuf jiru.
Verse 6
بِأَييِّكُمُ ٱلْمَفْتُونُ
Transliteration bi-ayyikumu l-maftūnu
Oromo Eenyuu keessantu Maraataa akka ta’e (arguuf jirtu).
Verse 7
إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَن ضَلَّ عَن سَبِيلِهِۦ وَهُوَ أَعْلَمُ بِٱلْمُهْتَدِينَ
Transliteration inna rabbaka huwa aʿlamu biman ḍalla ʿan sabīlihi wahuwa aʿlamu bil-muh'tadīna
Oromo Dhugumatti, Gooftaan kee Isatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beeka; namoota qajeeloos Isatu akkaan beeka.
Verse 8
فَلَا تُطِعِ ٱلْمُكَذِّبِينَ
Transliteration falā tuṭiʿi l-mukadhibīna
Oromo Kijibsiiftotaaf hin ajajamin.
Verse 9
وَدُّوا۟ لَوْ تُدْهِنُ فَيُدْهِنُونَ
Transliteration waddū law tud'hinu fayud'hinūna
Oromo Odoo ati (ejjannoo kee) laaffiftee [Isaan] laaffisanii jaalatu.
Verse 10
وَلَا تُطِعْ كُلَّ حَلَّافٍ مَّهِينٍ
Transliteration walā tuṭiʿ kulla ḥallāfin mahīnin
Oromo Akkaan kakataa salphataa hundaaf hin ajajamin.
Verse 11
هَمَّازٍ مَّشَّآءٍۭ بِنَمِيمٍ
Transliteration hammāzin mashāin binamīmin
Oromo Akkaan hamataa, walitti naqaadhaan akkaan deemaa kan ta'eef (hin ajajamin).
Verse 12
مَّنَّاعٍ لِّلْخَيْرِ مُعْتَدٍ أَثِيمٍ
Transliteration mannāʿin lil'khayri muʿ'tadin athīmin
Oromo Toltuu kan akkaan dhorgu, daangaa dabraa, dilaawaafis.
Verse 13
عُتُلٍّۭ بَعْدَ ذَٰلِكَ زَنِيمٍ
Transliteration ʿutullin baʿda dhālika zanīmin
Oromo Gara jabeessa, sana booda immoo galtuu kan ta'een (hin ajajamin).
Verse 14
أَن كَانَ ذَا مَالٍ وَبَنِينَ
Transliteration an kāna dhā mālin wabanīna
Oromo Waan abbaa qabeenyaafi ilmaanii ta'eef (boonee kafare).
Verse 15
إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ ءَايَـٰتُنَا قَالَ أَسَـٰطِيرُ ٱلْأَوَّلِينَ
Transliteration idhā tut'lā ʿalayhi āyātunā qāla asāṭīru l-awalīna
Oromo Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti dubbifamtu, "(kun) ogbarruu warra duriiti" jedhe.
Verse 16
سَنَسِمُهُۥ عَلَى ٱلْخُرْطُومِ
Transliteration sanasimuhu ʿalā l-khur'ṭūmi
Oromo Funyaan irratti isa mallatteessina.
Verse 17
إِنَّا بَلَوْنَـٰهُمْ كَمَا بَلَوْنَآ أَصْحَـٰبَ ٱلْجَنَّةِ إِذْ أَقْسَمُوا۟ لَيَصْرِمُنَّهَا مُصْبِحِينَ
Transliteration innā balawnāhum kamā balawnā aṣḥāba l-janati idh aqsamū layaṣrimunnahā muṣ'biḥīna
Oromo Dhugumatti, Nuti akkuma abbootii ashaakiltii yeroo isaan bariidhaan ishee funaannachuuf kakatan qormaannetti, isaanis (mushrikoota Makkaas) qormaanneerra
Verse 18
وَلَا يَسْتَثْنُونَ
Transliteration walā yastathnūna
Oromo Siinoo hin baasanu (yoo Rabbiin fedhe hin jedhan).
Verse 19
فَطَافَ عَلَيْهَا طَآئِفٌ مِّن رَّبِّكَ وَهُمْ نَآئِمُونَ
Transliteration faṭāfa ʿalayhā ṭāifun min rabbika wahum nāimūna
Oromo Odoo isaan rafanuu, naanna'aan (adabbiin) Rabbii kee biraa ta'e ishee irra naanna'e
Verse 20
فَأَصْبَحَتْ كَٱلصَّرِيمِ
Transliteration fa-aṣbaḥat kal-ṣarīmi
Oromo Akka halkan dukkanaa (cilee) taatee bulte
Verse 21
فَتَنَادَوْا۟ مُصْبِحِينَ
Transliteration fatanādaw muṣ'biḥīna
Oromo Bariidhaan walitti lallaban.
Verse 22
أَنِ ٱغْدُوا۟ عَلَىٰ حَرْثِكُمْ إِن كُنتُمْ صَـٰرِمِينَ
Transliteration ani igh'dū ʿalā ḥarthikum in kuntum ṣārimīna
Oromo "Yoo kan funaannattan taataniif oyruu keessan irratti bariifadhaa" (waliin jedhan).
Verse 23
فَٱنطَلَقُوا۟ وَهُمْ يَتَخَـٰفَتُونَ
Transliteration fa-inṭalaqū wahum yatakhāfatūna
Oromo Walitti hasaasaa (gara oyruu) deeman.
Verse 24
أَن لَّا يَدْخُلَنَّهَا ٱلْيَوْمَ عَلَيْكُم مِّسْكِينٌ
Transliteration an lā yadkhulannahā l-yawma ʿalaykum mis'kīnun
Oromo "Har’a hiyyeessi tokkoyyuu isinirratti akka ishee hin seenne" (jechuun hasaasan).
Verse 25
وَغَدَوْا۟ عَلَىٰ حَرْدٍ قَـٰدِرِينَ
Transliteration waghadaw ʿalā ḥardin qādirīna
Oromo (Hiyyeeyyii) dhowwuu irratti danda'oo ta'anii bariisifatan.
Verse 26
فَلَمَّا رَأَوْهَا قَالُوٓا۟ إِنَّا لَضَآلُّونَ
Transliteration falammā ra-awhā qālū innā laḍāllūna
Oromo Yeroo ishee arganu ni jedhan: "nuti karaa badoodha.
Verse 27
بَلْ نَحْنُ مَحْرُومُونَ
Transliteration bal naḥnu maḥrūmūna
Oromo Inumaayyuu nuti hoongeffamoodha."
Verse 28
قَالَ أَوْسَطُهُمْ أَلَمْ أَقُل لَّكُمْ لَوْلَا تُسَبِّحُونَ
Transliteration qāla awsaṭuhum alam aqul lakum lawlā tusabbiḥūna
Oromo Irra filatamaan isaanii "sila maaliif siinoo hin baafne (yoo Rabbiin fedhe hin jenne) isiniin jedhee hin turree?" jedhe.
Verse 29
قَالُوا۟ سُبْحَـٰنَ رَبِّنَآ إِنَّا كُنَّا ظَـٰلِمِينَ
Transliteration qālū sub'ḥāna rabbinā innā kunnā ẓālimīna
Oromo "Gooftaan keenya qulqullaa'e; dhugumatti, nuti miidhaa hojjattoota taaneerra" jedhan.
Verse 30
فَأَقْبَلَ بَعْضُهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ يَتَلَـٰوَمُونَ
Transliteration fa-aqbala baʿḍuhum ʿalā baʿḍin yatalāwamūna
Oromo Kan wal komatan ta’anii gariin isaanii garii irratti garagale.
Verse 31
قَالُوا۟ يَـٰوَيْلَنَآ إِنَّا كُنَّا طَـٰغِينَ
Transliteration qālū yāwaylanā innā kunnā ṭāghīna
Oromo Ni jedhan: "yaa badii keenya! Nuti dhugumatti, daangaa dabritoota.
Verse 32
عَسَىٰ رَبُّنَآ أَن يُبْدِلَنَا خَيْرًا مِّنْهَآ إِنَّآ إِلَىٰ رَبِّنَا رَٰغِبُونَ
Transliteration ʿasā rabbunā an yub'dilanā khayran min'hā innā ilā rabbinā rāghibūna
Oromo Gooftaan keenya kan ishee caaltu bakka nuuf buusuu kajeellaNuti dhugumatti, gara Gooftaa keenyaa kajeeloodha” (jedhan).
Verse 33
كَذَٰلِكَ ٱلْعَذَابُ ۖ وَلَعَذَابُ ٱلْـَٔاخِرَةِ أَكْبَرُ ۚ لَوْ كَانُوا۟ يَعْلَمُونَ
Transliteration kadhālika l-ʿadhābu walaʿadhābu l-ākhirati akbaru law kānū yaʿlamūna
Oromo Adabni (addunyaa) akkanuma; adabbii Aakhiraatu irra guddaadhaOdoo beekanii (irraa of tiksu turan).
Verse 34
إِنَّ لِلْمُتَّقِينَ عِندَ رَبِّهِمْ جَنَّـٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Transliteration inna lil'muttaqīna ʿinda rabbihim jannāti l-naʿīmi
Oromo Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira Jannata qananiitu jira.
Verse 35
أَفَنَجْعَلُ ٱلْمُسْلِمِينَ كَٱلْمُجْرِمِينَ
Transliteration afanajʿalu l-mus'limīna kal-muj'rimīna
Oromo Sila Nuti muslimoota akka yakkamtootaa ni goonaa?
Verse 36
مَا لَكُمْ كَيْفَ تَحْكُمُونَ
Transliteration mā lakum kayfa taḥkumūna
Oromo Maalumatu isiniif jira? Akkamitti murteessitu!
Verse 37
أَمْ لَكُمْ كِتَـٰبٌ فِيهِ تَدْرُسُونَ
Transliteration am lakum kitābun fīhi tadrusūna
Oromo Dhugumatti, kitaaba (samii bu'e) kan isa keessaa dubbiftantu isiniif jiraa?
Verse 38
إِنَّ لَكُمْ فِيهِ لَمَا تَخَيَّرُونَ
Transliteration inna lakum fīhi lamā takhayyarūna
Oromo Kan dhugumatti, isa keessa wanti isin filattan jiru (qabduu)?
Verse 39
أَمْ لَكُمْ أَيْمَـٰنٌ عَلَيْنَا بَـٰلِغَةٌ إِلَىٰ يَوْمِ ٱلْقِيَـٰمَةِ ۙ إِنَّ لَكُمْ لَمَا تَحْكُمُونَ
Transliteration am lakum aymānun ʿalaynā bālighatun ilā yawmi l-qiyāmati inna lakum lamā taḥkumūna
Oromo Sila ‘wanti isin murteessitan isiniif jira’ jechuun kakuu Guyyaa Qiyaamaa keessatti bakka ga'aa ta'etu isiniif jira moo?
Verse 40
سَلْهُمْ أَيُّهُم بِذَٰلِكَ زَعِيمٌ
Transliteration salhum ayyuhum bidhālika zaʿīmun
Oromo Eenyuu isaaniitu sanaaf wabiidhaa isaan gaafadhu.
Verse 41
أَمْ لَهُمْ شُرَكَآءُ فَلْيَأْتُوا۟ بِشُرَكَآئِهِمْ إِن كَانُوا۟ صَـٰدِقِينَ
Transliteration am lahum shurakāu falyatū bishurakāihim in kānū ṣādiqīna
Oromo Sila shariikota (kan murtee isaanii dhugoomsu) qabu moo? Yoo kan dhugaa dubbatan ta'aniif shariikota isaaniitiin haa dhufanu.
Verse 42
يَوْمَ يُكْشَفُ عَن سَاقٍ وَيُدْعَوْنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ
Transliteration yawma yuk'shafu ʿan sāqin wayud'ʿawna ilā l-sujūdi falā yastaṭīʿūna
Oromo Guyyaa mogolee irraa saaqamee (munaafiqoonni) gara sujuudaa waamamanii hin dandeenye san [yaadadhu].
Verse 43
خَـٰشِعَةً أَبْصَـٰرُهُمْ تَرْهَقُهُمْ ذِلَّةٌ ۖ وَقَدْ كَانُوا۟ يُدْعَوْنَ إِلَى ٱلسُّجُودِ وَهُمْ سَـٰلِمُونَ
Transliteration khāshiʿatan abṣāruhum tarhaquhum dhillatun waqad kānū yud'ʿawna ilā l-sujūdi wahum sālimūna
Oromo Ijji isaanii sodaattuu taatee xiqqeenyis isaan haguugaDhugumatti, isaan odoo fayyaa qabanuu (addunyaa irratti) sujuudatti waamamaa turan.
Verse 44
فَذَرْنِى وَمَن يُكَذِّبُ بِهَـٰذَا ٱلْحَدِيثِ ۖ سَنَسْتَدْرِجُهُم مِّنْ حَيْثُ لَا يَعْلَمُونَ
Transliteration fadharnī waman yukadhibu bihādhā l-ḥadīthi sanastadrijuhum min ḥaythu lā yaʿlamūna
Oromo Anaafi nama haasa'a (Qur'aana) kana sobsiisu walitti nu dhiisi; Nuti suutaan karaa isaan hin beekne irraa isaan qabna.
Verse 45
وَأُمْلِى لَهُمْ ۚ إِنَّ كَيْدِى مَتِينٌ
Transliteration wa-um'lī lahum inna kaydī matīnun
Oromo Yeroon isaaniif kennaDhugumatti, tooftaan Kiyya cimaadha.
Verse 46
أَمْ تَسْـَٔلُهُمْ أَجْرًا فَهُم مِّن مَّغْرَمٍ مُّثْقَلُونَ
Transliteration am tasaluhum ajran fahum min maghramin muth'qalūna
Oromo Sila mindaa isaan gaafatteeti kaffaluuf itti ulfaatemoo (maali)?
Verse 47
أَمْ عِندَهُمُ ٱلْغَيْبُ فَهُمْ يَكْتُبُونَ
Transliteration am ʿindahumu l-ghaybu fahum yaktubūna
Oromo Sila (iccitii) fagoo kan isaan barreessantu isaan bira jira moo?
Verse 48
فَٱصْبِرْ لِحُكْمِ رَبِّكَ وَلَا تَكُن كَصَاحِبِ ٱلْحُوتِ إِذْ نَادَىٰ وَهُوَ مَكْظُومٌ
Transliteration fa-iṣ'bir liḥuk'mi rabbika walā takun kaṣāḥibi l-ḥūti idh nādā wahuwa makẓūmun
Oromo Murtii Gooftaa keetiitiif obsiAkka saahiba qurxummii kan yeroo dallansuun guutame san (Rabbitti) lallabee hin ta'in.
Verse 49
لَّوْلَآ أَن تَدَٰرَكَهُۥ نِعْمَةٌ مِّن رَّبِّهِۦ لَنُبِذَ بِٱلْعَرَآءِ وَهُوَ مَذْمُومٌ
Transliteration lawlā an tadārakahu niʿ'matun min rabbihi lanubidha bil-ʿarāi wahuwa madhmūmun
Oromo Odoo ni'imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta'eeti dirree biqiltuu hin qabne irratti darbama ture.
Verse 50
فَٱجْتَبَـٰهُ رَبُّهُۥ فَجَعَلَهُۥ مِنَ ٱلصَّـٰلِحِينَ
Transliteration fa-ij'tabāhu rabbuhu fajaʿalahu mina l-ṣāliḥīna
Oromo Gooftaan isaa isa filateeti gaggaarii irraa isa godhe.
Verse 51
وَإِن يَكَادُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَيُزْلِقُونَكَ بِأَبْصَـٰرِهِمْ لَمَّا سَمِعُوا۟ ٱلذِّكْرَ وَيَقُولُونَ إِنَّهُۥ لَمَجْنُونٌ
Transliteration wa-in yakādu alladhīna kafarū layuz'liqūnaka bi-abṣārihim lammā samiʿū l-dhik'ra wayaqūlūna innahu lamajnūnun
Oromo Isaan kafaran yeroo yaadachiisa dhaga'an ija isaaniitiin lafaan si dhahuufi "dhugumatti, inni maraataa dha" (siin) jechuutti dhihaatu.
Verse 52
وَمَا هُوَ إِلَّا ذِكْرٌ لِّلْعَـٰلَمِينَ
Transliteration wamā huwa illā dhik'run lil'ʿālamīna
Oromo Innis aalama hundaaf yaadachiisa malee hin taane.
Read Surah Al-Qalam in another language
- English (word by word)
- Albanian
- Amazigh
- Amharic
- Assamese
- Azerbaijani
- Bambara
- Bangla
- Bosnian
- Bulgarian
- Chechen
- Chinese
- Czech
- Dari
- Dhivehi
- Dutch
- Finnish
- French
- German
- Gujarati
- Hausa
- Hebrew
- Hindi
- Indonesian
- Italian
- Japanese
- Kannada
- Kazakh
- Khmer
- Kinyarwanda
- Korean
- Kurdish
- Luganda
- Malay
- Malayalam
- Maranao
- Marathi
- Nepali
- Norwegian
- Pashto
- Persian
- Polish
- Portuguese
- Romanian
- Russian
- Sindhi
- Sinhala
- Somali
- Spanish
- Swahili
- Swedish
- Tagalog
- Tajik
- Tamil
- Tatar
- Telugu
- Thai
- Turkish
- Ukrainian
- Urdu
- Uyghur
- Uzbek
- Vietnamese
- Yao
- Yoruba
All 114 surahs in Oromo: the Qur’an in Oromo.
Oromo translation: Ghali Apapur Apaghuna, from Quran.com. Transliteration: Quran.com. Recitation: Mishary Alafasy, from EveryAyah.com. MyDugsi is a learning aid, not a replacement for a qualified teacher.