MyDugsiStart learning

Surah Al-Furqan in Oromo: translation and audio

Surah 25 · الفرقان · The Criterion · 77 verses

Surah Al-Furqan verse by verse: the Arabic with a recitation you can repeat, the transliteration, and the Oromo translation by Ghali Apapur Apaghuna. For the meaning of every word, see Surah Al-Furqan word by word in English.

Verse 1

تَبَارَكَ ٱلَّذِى نَزَّلَ ٱلْفُرْقَانَ عَلَىٰ عَبْدِهِۦ لِيَكُونَ لِلْعَـٰلَمِينَ نَذِيرًا

Transliteration tabāraka alladhī nazzala l-fur'qāna ʿalā ʿabdihi liyakūna lil'ʿālamīna nadhīran

Oromo Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte.

Verse 2

ٱلَّذِى لَهُۥ مُلْكُ ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَلَمْ يَتَّخِذْ وَلَدًا وَلَمْ يَكُن لَّهُۥ شَرِيكٌ فِى ٱلْمُلْكِ وَخَلَقَ كُلَّ شَىْءٍ فَقَدَّرَهُۥ تَقْدِيرًا

Transliteration alladhī lahu mul'ku l-samāwāti wal-arḍi walam yattakhidh waladan walam yakun lahu sharīkun fī l-mul'ki wakhalaqa kulla shayin faqaddarahu taqdīran

Oromo [Inni] Isa mootummaan samiifi dachii Isaaf ta’e; ilmas kan hin godhatin; kan mootummaa [isaa] keessattis hiriyaan Isaaf hin jirreefi waan hundaa uumee akka isaaniin maluun sirreesse

Verse 3

وَٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِهِۦٓ ءَالِهَةً لَّا يَخْلُقُونَ شَيْـًٔا وَهُمْ يُخْلَقُونَ وَلَا يَمْلِكُونَ لِأَنفُسِهِمْ ضَرًّا وَلَا نَفْعًا وَلَا يَمْلِكُونَ مَوْتًا وَلَا حَيَوٰةً وَلَا نُشُورًا

Transliteration wa-ittakhadhū min dūnihi ālihatan lā yakhluqūna shayan wahum yukh'laqūna walā yamlikūna li-anfusihim ḍarran walā nafʿan walā yamlikūna mawtan walā ḥayatan walā nushūran

Oromo Isaa gaditti gooftolee homaa hin uumne kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuu ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuufi du’a irraa kaasuus hin dandeenye [gabbaramoo] godhatan.

Verse 4

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓا۟ إِنْ هَـٰذَآ إِلَّآ إِفْكٌ ٱفْتَرَىٰهُ وَأَعَانَهُۥ عَلَيْهِ قَوْمٌ ءَاخَرُونَ ۖ فَقَدْ جَآءُو ظُلْمًا وَزُورًا

Transliteration waqāla alladhīna kafarū in hādhā illā if'kun if'tarāhu wa-aʿānahu ʿalayhi qawmun ākharūna faqad jāū ẓul'man wazūran

Oromo Warri kafaran “kun soba inni (Muhammad) of irraa uumeefi namoonni biraa irratti isa gargaaran malee waan biraatii miti” jedhanDhugumatti isaan miidhaafi cubbuu rawwatanii jiru

Verse 5

وَقَالُوٓا۟ أَسَـٰطِيرُ ٱلْأَوَّلِينَ ٱكْتَتَبَهَا فَهِىَ تُمْلَىٰ عَلَيْهِ بُكْرَةً وَأَصِيلًا

Transliteration waqālū asāṭīru l-awalīna ik'tatabahā fahiya tum'lā ʿalayhi buk'ratan wa-aṣīlan

Oromo “(Kun) hogbarruu warra durii ishee barreessisee isheenis ganamaafi galgala isa irratti dubbifamtuudha” jedhan

Verse 6

قُلْ أَنزَلَهُ ٱلَّذِى يَعْلَمُ ٱلسِّرَّ فِى ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ ۚ إِنَّهُۥ كَانَ غَفُورًا رَّحِيمًا

Transliteration qul anzalahu alladhī yaʿlamu l-sira fī l-samāwāti wal-arḍi innahu kāna ghafūran raḥīman

Oromo ”Isa samiifi dachii keessatti iccitii [hunda] beekutu isa buuse” jedhiDhugumatti, Inni akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta’eera

Verse 7

وَقَالُوا۟ مَالِ هَـٰذَا ٱلرَّسُولِ يَأْكُلُ ٱلطَّعَامَ وَيَمْشِى فِى ٱلْأَسْوَاقِ ۙ لَوْلَآ أُنزِلَ إِلَيْهِ مَلَكٌ فَيَكُونَ مَعَهُۥ نَذِيرًا

Transliteration waqālū māli hādhā l-rasūli yakulu l-ṭaʿāma wayamshī fī l-aswāqi lawlā unzila ilayhi malakun fayakūna maʿahu nadhīran

Oromo Isaanis “kan nyaata nyaatuufi magaalota keessa adeemu kun ergamaa akkamiiti? Sila maaliif maleykaan gara isaa buufamanii isaa wajjin dinniinaa hin taane” jedhan.

Verse 8

أَوْ يُلْقَىٰٓ إِلَيْهِ كَنزٌ أَوْ تَكُونُ لَهُۥ جَنَّةٌ يَأْكُلُ مِنْهَا ۚ وَقَالَ ٱلظَّـٰلِمُونَ إِن تَتَّبِعُونَ إِلَّا رَجُلًا مَّسْحُورًا

Transliteration aw yul'qā ilayhi kanzun aw takūnu lahu jannatun yakulu min'hā waqāla l-ẓālimūna in tattabiʿūna illā rajulan masḥūran

Oromo ”Yookiin immoo maaliif qabeenyi guddaan wahii gara isaatti hin darbamne? Yookiin ashaakiltii ishee irraa nyaatu maaliif isaaf hin taane?” (jedhu)Miidhaa hojjatoonnis “isin nama falfalli itti hojjatame malee [nama fayyaa] hordafaa hin jirtan” jedhan.

Verse 9

ٱنظُرْ كَيْفَ ضَرَبُوا۟ لَكَ ٱلْأَمْثَـٰلَ فَضَلُّوا۟ فَلَا يَسْتَطِيعُونَ سَبِيلًا

Transliteration unẓur kayfa ḍarabū laka l-amthāla faḍallū falā yastaṭīʿūna sabīlan

Oromo Akka isaan fakkeenya siif godhanii jallatanii karaa sirrii [argachuu] hin dandeenye ilaali (xiinxali).

Verse 10

تَبَارَكَ ٱلَّذِىٓ إِن شَآءَ جَعَلَ لَكَ خَيْرًا مِّن ذَٰلِكَ جَنَّـٰتٍ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَـٰرُ وَيَجْعَل لَّكَ قُصُورًۢا

Transliteration tabāraka alladhī in shāa jaʿala laka khayran min dhālika jannātin tajrī min taḥtihā l-anhāru wayajʿal laka quṣūran

Oromo Inni (Rabbiin) yoo fedhe waan san irra caalu, Jannata jala ishee laggeen yaatu siif godhee gamoowwanis siif godhu toltuun isaa baay’ate.

Verse 11

بَلْ كَذَّبُوا۟ بِٱلسَّاعَةِ ۖ وَأَعْتَدْنَا لِمَن كَذَّبَ بِٱلسَّاعَةِ سَعِيرًا

Transliteration bal kadhabū bil-sāʿati wa-aʿtadnā liman kadhaba bil-sāʿati saʿīran

Oromo Dhugumatti isaan Qiyaamaa ni sobsiisanNama Qiyaamaa sobsiiseefis ibidda boba’aa qopheessinee jirra.

Verse 12

إِذَا رَأَتْهُم مِّن مَّكَانٍۭ بَعِيدٍ سَمِعُوا۟ لَهَا تَغَيُّظًا وَزَفِيرًا

Transliteration idhā ra-athum min makānin baʿīdin samiʿū lahā taghayyuẓan wazafīran

Oromo Yeroo iddoo fagoo irraa isaan argite dallansuufi halaaka (iyya akka harree) isheef ni dhagahu.

Verse 13

وَإِذَآ أُلْقُوا۟ مِنْهَا مَكَانًا ضَيِّقًا مُّقَرَّنِينَ دَعَوْا۟ هُنَالِكَ ثُبُورًا

Transliteration wa-idhā ul'qū min'hā makānan ḍayyiqan muqarranīna daʿaw hunālika thubūran

Oromo Yeroo takaalamanii (harki isaanii morma isaaniitti hidhamee) ishee irraa iddoo dhiphootti darbamanis achitti badii waammatan.

Verse 14

لَّا تَدْعُوا۟ ٱلْيَوْمَ ثُبُورًا وَٰحِدًا وَٱدْعُوا۟ ثُبُورًا كَثِيرًا

Transliteration lā tadʿū l-yawma thubūran wāḥidan wa-id'ʿū thubūran kathīran

Oromo “Har’a badii tokko qofa hin waaminaatii badii hedduu waamaa” [hin argattanu isaaniin jedhama].

Verse 15

قُلْ أَذَٰلِكَ خَيْرٌ أَمْ جَنَّةُ ٱلْخُلْدِ ٱلَّتِى وُعِدَ ٱلْمُتَّقُونَ ۚ كَانَتْ لَهُمْ جَزَآءً وَمَصِيرًا

Transliteration qul adhālika khayrun am jannatu l-khul'di allatī wuʿida l-mutaqūna kānat lahum jazāan wamaṣīran

Oromo ”Sila kanatu caalamoo Jannata yeroo hundaa ishee warri Rabbiin sodaatan baallamamantu caala?” jedhiinIsheen isaaniif mindaafi itti gala taateetti

Verse 16

لَّهُمْ فِيهَا مَا يَشَآءُونَ خَـٰلِدِينَ ۚ كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ وَعْدًا مَّسْـُٔولًا

Transliteration lahum fīhā mā yashāūna khālidīna kāna ʿalā rabbika waʿdan masūlan

Oromo Kan keessatti hafan ta’anii ishee keessatti wanta fedhan hundatu isaaniif jira; [Kunis] gooftaa kee irratti waadaa kadhatamaa (kan mu’uminoonni duraan Rabbiin kadhatan) ta’eera.

Verse 17

وَيَوْمَ يَحْشُرُهُمْ وَمَا يَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ فَيَقُولُ ءَأَنتُمْ أَضْلَلْتُمْ عِبَادِى هَـٰٓؤُلَآءِ أَمْ هُمْ ضَلُّوا۟ ٱلسَّبِيلَ

Transliteration wayawma yaḥshuruhum wamā yaʿbudūna min dūni l-lahi fayaqūlu a-antum aḍlaltum ʿibādī hāulāi am hum ḍallū l-sabīla

Oromo Guyyaa Rabbiin isaaniifi wantoota isaan Rabbii gaditti gabbaran walitti qabee “sila gabroota kiyya kanneen isintu jallisemoo isaanumatu karaa bade?” jedhu san [yaadadhu].

Verse 18

قَالُوا۟ سُبْحَـٰنَكَ مَا كَانَ يَنۢبَغِى لَنَآ أَن نَّتَّخِذَ مِن دُونِكَ مِنْ أَوْلِيَآءَ وَلَـٰكِن مَّتَّعْتَهُمْ وَءَابَآءَهُمْ حَتَّىٰ نَسُوا۟ ٱلذِّكْرَ وَكَانُوا۟ قَوْمًۢا بُورًا

Transliteration qālū sub'ḥānaka mā kāna yanbaghī lanā an nattakhidha min dūnika min awliyāa walākin mattaʿtahum waābāahum ḥattā nasū l-dhik'ra wakānū qawman būran

Oromo [Isaanis] “[yaa Rabbi!] Ati qulqulloofte! Sii gaditti gargaartota (jaalalleewwan) godhachuun kan nuuf malu hin taane; Garuu hanga gorsa [kee] dagatanii ummata bade ta’anitti Ati isaaniifi abbootii isaaniis qanansiifte” jedhan.

Verse 19

فَقَدْ كَذَّبُوكُم بِمَا تَقُولُونَ فَمَا تَسْتَطِيعُونَ صَرْفًا وَلَا نَصْرًا ۚ وَمَن يَظْلِم مِّنكُمْ نُذِقْهُ عَذَابًا كَبِيرًا

Transliteration faqad kadhabūkum bimā taqūlūna famā tastaṭīʿūna ṣarfan walā naṣran waman yaẓlim minkum nudhiq'hu ʿadhāban kabīran

Oromo Dhugumatti, waan isin jettan keessatti isin sobsiisaniiruKanaafuu [adabbii Rabbii] deebisuus ta’ee [warra adabbiin tuquuf] tumsuu hin dandeessanNama isin irraa miidhaa hojjates adabbii guddaa isa dhandhamsiifna.

Verse 20

وَمَآ أَرْسَلْنَا قَبْلَكَ مِنَ ٱلْمُرْسَلِينَ إِلَّآ إِنَّهُمْ لَيَأْكُلُونَ ٱلطَّعَامَ وَيَمْشُونَ فِى ٱلْأَسْوَاقِ ۗ وَجَعَلْنَا بَعْضَكُمْ لِبَعْضٍ فِتْنَةً أَتَصْبِرُونَ ۗ وَكَانَ رَبُّكَ بَصِيرًا

Transliteration wamā arsalnā qablaka mina l-mur'salīna illā innahum layakulūna l-ṭaʿāma wayamshūna fī l-aswāqi wajaʿalnā baʿḍakum libaʿḍin fit'natan ataṣbirūna wakāna rabbuka baṣīran

Oromo Siin durattis ergamoota irraa kan nyaata nyaataniifi magaalota keessa deeman taasifnee malee hin ergine; garii keessan gariidhaaf mokkoroo taasifne; ni obsituu? Gooftaan kee [waan hunda] argaadha

Verse 21

۞ وَقَالَ ٱلَّذِينَ لَا يَرْجُونَ لِقَآءَنَا لَوْلَآ أُنزِلَ عَلَيْنَا ٱلْمَلَـٰٓئِكَةُ أَوْ نَرَىٰ رَبَّنَا ۗ لَقَدِ ٱسْتَكْبَرُوا۟ فِىٓ أَنفُسِهِمْ وَعَتَوْ عُتُوًّا كَبِيرًا

Transliteration waqāla alladhīna lā yarjūna liqāanā lawlā unzila ʿalaynā l-malāikatu aw narā rabbanā laqadi is'takbarū fī anfusihim waʿataw ʿutuwwan kabīran

Oromo Warri qunnamtii keenya hin sodaanne “sila maaliif Maleykonni nutti hin buufamne? yookiin maaliif Gooftaa keenya hin argine?” jedhanDhugumatti, isaan lubbuu isaanii keessatti boonaniiru; jallina guddaas jallataniiru

Verse 22

يَوْمَ يَرَوْنَ ٱلْمَلَـٰٓئِكَةَ لَا بُشْرَىٰ يَوْمَئِذٍ لِّلْمُجْرِمِينَ وَيَقُولُونَ حِجْرًا مَّحْجُورًا

Transliteration yawma yarawna l-malāikata lā bush'rā yawma-idhin lil'muj'rimīna wayaqūlūna ḥij'ran maḥjūran

Oromo Guyyaa isaan Maleykota argan, guyyaa san jallattootaaf gammachuun hin jiru[Maleykonnis] “(gammachuun kamillee isin irratti) dhorgamiinsa dhorgamaadha[]” jedhu.

Verse 23

وَقَدِمْنَآ إِلَىٰ مَا عَمِلُوا۟ مِنْ عَمَلٍ فَجَعَلْنَـٰهُ هَبَآءً مَّنثُورًا

Transliteration waqadim'nā ilā mā ʿamilū min ʿamalin fajaʿalnāhu habāan manthūran

Oromo Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone.

Verse 24

أَصْحَـٰبُ ٱلْجَنَّةِ يَوْمَئِذٍ خَيْرٌ مُّسْتَقَرًّا وَأَحْسَنُ مَقِيلًا

Transliteration aṣḥābu l-janati yawma-idhin khayrun mus'taqarran wa-aḥsanu maqīlan

Oromo Warri Jannataa guyyaa san iddoo jireenyaa keessatti akkaan caalaa; iddoo boqonnaattis akkaan miidhagaadha

Verse 25

وَيَوْمَ تَشَقَّقُ ٱلسَّمَآءُ بِٱلْغَمَـٰمِ وَنُزِّلَ ٱلْمَلَـٰٓئِكَةُ تَنزِيلًا

Transliteration wayawma tashaqqaqu l-samāu bil-ghamāmi wanuzzila l-malāikatu tanzīlan

Oromo Guyyaa samiin duumessaan dhodhootuufi Maleykonni[] bu’iinsa buufamanis [yaadadhaa]!

Verse 26

ٱلْمُلْكُ يَوْمَئِذٍ ٱلْحَقُّ لِلرَّحْمَـٰنِ ۚ وَكَانَ يَوْمًا عَلَى ٱلْكَـٰفِرِينَ عَسِيرًا

Transliteration al-mul'ku yawma-idhin l-ḥaqu lilrraḥmāni wakāna yawman ʿalā l-kāfirīna ʿasīran

Oromo Mootummaan dhugaa guyyaa san kan RahmaaniInni guyyaa kaafiroota irratti cimaa ta’eedha.

Verse 27

وَيَوْمَ يَعَضُّ ٱلظَّالِمُ عَلَىٰ يَدَيْهِ يَقُولُ يَـٰلَيْتَنِى ٱتَّخَذْتُ مَعَ ٱلرَّسُولِ سَبِيلًا

Transliteration wayawma yaʿaḍḍu l-ẓālimu ʿalā yadayhi yaqūlu yālaytanī ittakhadhtu maʿa l-rasūli sabīlan

Oromo Guyyaa miidhaa hojjattoonni “yaa badii koo! odoon Ergamichaa wajjiin karaa sirrii qabadhee” jedhee [gaabbiidhaan] harka isaa lamaan ciniinu [yaadadhaa].

Verse 28

يَـٰوَيْلَتَىٰ لَيْتَنِى لَمْ أَتَّخِذْ فُلَانًا خَلِيلًا

Transliteration yāwaylatā laytanī lam attakhidh fulānan khalīlan

Oromo ”Yaa badii kiyya! Odoon ebaluun jaalallee onnee taasifachuu baadhee maal qaba!

Verse 29

لَّقَدْ أَضَلَّنِى عَنِ ٱلذِّكْرِ بَعْدَ إِذْ جَآءَنِى ۗ وَكَانَ ٱلشَّيْطَـٰنُ لِلْإِنسَـٰنِ خَذُولًا

Transliteration laqad aḍallanī ʿani l-dhik'ri baʿda idh jāanī wakāna l-shayṭānu lil'insāni khadhūlan

Oromo Dhugumatti, gorsa irraa erga inni natti dhufee booda na jalliseera.” Sheyxaanni namaaf salphisaa ta’eera.

Verse 30

وَقَالَ ٱلرَّسُولُ يَـٰرَبِّ إِنَّ قَوْمِى ٱتَّخَذُوا۟ هَـٰذَا ٱلْقُرْءَانَ مَهْجُورًا

Transliteration waqāla l-rasūlu yārabbi inna qawmī ittakhadhū hādhā l-qur'āna mahjūran

Oromo Ergamichis “Yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ummanni kiyya Qur’aana kana dhiifamaa (oodamaa) taasifatan” jedhe.

Verse 31

وَكَذَٰلِكَ جَعَلْنَا لِكُلِّ نَبِىٍّ عَدُوًّا مِّنَ ٱلْمُجْرِمِينَ ۗ وَكَفَىٰ بِرَبِّكَ هَادِيًا وَنَصِيرًا

Transliteration wakadhālika jaʿalnā likulli nabiyyin ʿaduwwan mina l-muj'rimīna wakafā birabbika hādiyan wanaṣīran

Oromo Akkuma kana nabiyyii hundaafuu jallattoota irraa diina isaaniif gooneKaraa irratti qajeelchuufi [Mu’uminaaf] tumsuu irratti Rabbiin kee ga’aadha.

Verse 32

وَقَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لَوْلَا نُزِّلَ عَلَيْهِ ٱلْقُرْءَانُ جُمْلَةً وَٰحِدَةً ۚ كَذَٰلِكَ لِنُثَبِّتَ بِهِۦ فُؤَادَكَ ۖ وَرَتَّلْنَـٰهُ تَرْتِيلًا

Transliteration waqāla alladhīna kafarū lawlā nuzzila ʿalayhi l-qur'ānu jum'latan wāḥidatan kadhālika linuthabbita bihi fuādaka warattalnāhu tartīlan

Oromo Isaan kafaran ni jedhan: “Maaliif Qur’aanni hundi al tokko isarratti hin buufamin?” Akka kanatti onnee kee isaan gadi dhaabuuf jecha (adda addaan buufne)Suuta suutaan isa ibsine

Verse 33

وَلَا يَأْتُونَكَ بِمَثَلٍ إِلَّا جِئْنَـٰكَ بِٱلْحَقِّ وَأَحْسَنَ تَفْسِيرًا

Transliteration walā yatūnaka bimathalin illā ji'nāka bil-ḥaqi wa-aḥsana tafsīran

Oromo Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaarii ta’e siif kennine malee gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan

Verse 34

ٱلَّذِينَ يُحْشَرُونَ عَلَىٰ وُجُوهِهِمْ إِلَىٰ جَهَنَّمَ أُو۟لَـٰٓئِكَ شَرٌّ مَّكَانًا وَأَضَلُّ سَبِيلًا

Transliteration alladhīna yuḥ'sharūna ʿalā wujūhihim ilā jahannama ulāika sharrun makānan wa-aḍallu sabīlan

Oromo [Isaan] warra fuula isaanii irratti gara jahannam oofamaniidhaIsaan warra iddoo hamaa qubataniifi karaas jallataniidha.

Verse 35

وَلَقَدْ ءَاتَيْنَا مُوسَى ٱلْكِتَـٰبَ وَجَعَلْنَا مَعَهُۥٓ أَخَاهُ هَـٰرُونَ وَزِيرًا

Transliteration walaqad ātaynā mūsā l-kitāba wajaʿalnā maʿahu akhāhu hārūna wazīran

Oromo Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba (Tawraatiin) kenninee Obboleessa isaa Haaruuniinis isa waliin deeggaraa taasifnee jirra.

Verse 36

فَقُلْنَا ٱذْهَبَآ إِلَى ٱلْقَوْمِ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَـٰتِنَا فَدَمَّرْنَـٰهُمْ تَدْمِيرًا

Transliteration faqul'nā idh'habā ilā l-qawmi alladhīna kadhabū biāyātinā fadammarnāhum tadmīran

Oromo ”Gara warra keeyyattoota keenya sobsiisanii deemaa” isaaniin jenneAchumaan [ergamaan lamaan sobsiifnaan] balleessuu isaan balleessine.

Verse 37

وَقَوْمَ نُوحٍ لَّمَّا كَذَّبُوا۟ ٱلرُّسُلَ أَغْرَقْنَـٰهُمْ وَجَعَلْنَـٰهُمْ لِلنَّاسِ ءَايَةً ۖ وَأَعْتَدْنَا لِلظَّـٰلِمِينَ عَذَابًا أَلِيمًا

Transliteration waqawma nūḥin lammā kadhabū l-rusula aghraqnāhum wajaʿalnāhum lilnnāsi āyatan wa-aʿtadnā lilẓẓālimīna ʿadhāban alīman

Oromo Ummata Nuuhis yeroma isaan ergamoota sobsiisan isaan dhidhimsinee namootaafis mallattoo isaan taasifneMiidhaa raawwattootaafis adabbii laalessaa qopheessineerra.

Verse 38

وَعَادًا وَثَمُودَا۟ وَأَصْحَـٰبَ ٱلرَّسِّ وَقُرُونًۢا بَيْنَ ذَٰلِكَ كَثِيرًا

Transliteration waʿādan wathamūdā wa-aṣḥāba l-rasi waqurūnan bayna dhālika kathīran

Oromo [Ummata] Aad, Samuud, warra Eelaa[]fi jaarrota baay’ee jidduu sana jiranis (balleesinee jira)

Verse 39

وَكُلًّا ضَرَبْنَا لَهُ ٱلْأَمْثَـٰلَ ۖ وَكُلًّا تَبَّرْنَا تَتْبِيرًا

Transliteration wakullan ḍarabnā lahu l-amthāla wakullan tabbarnā tatbīran

Oromo Hunda isaanitiif fakkeenyota taasifnee jirraHunda isaaniis barbadeessuu barbadeessinee jirra

Verse 40

وَلَقَدْ أَتَوْا۟ عَلَى ٱلْقَرْيَةِ ٱلَّتِىٓ أُمْطِرَتْ مَطَرَ ٱلسَّوْءِ ۚ أَفَلَمْ يَكُونُوا۟ يَرَوْنَهَا ۚ بَلْ كَانُوا۟ لَا يَرْجُونَ نُشُورًا

Transliteration walaqad ataw ʿalā l-qaryati allatī um'ṭirat maṭara l-sawi afalam yakūnū yarawnahā bal kānū lā yarjūna nushūran

Oromo Dhugumatti, isaan Magaalattii Roobni hamaan itti roobe irra qaxxaamuraa turaniiruSila isaan kan ishee argan hin taanee [maaliif hin gorfamne]? Dhugaatti kaafama [Qiyaamaa] kan sodaatan hin taane.

Verse 41

وَإِذَا رَأَوْكَ إِن يَتَّخِذُونَكَ إِلَّا هُزُوًا أَهَـٰذَا ٱلَّذِى بَعَثَ ٱللَّهُ رَسُولًا

Transliteration wa-idhā ra-awka in yattakhidhūnaka illā huzuwan ahādhā alladhī baʿatha l-lahu rasūlan

Oromo Yeroo si arganis “Isa kanaa inni Rabbiin ergamaa taasisee erge” jechuun qishnaa malee waan biraa si hin taasifatanu

Verse 42

إِن كَادَ لَيُضِلُّنَا عَنْ ءَالِهَتِنَا لَوْلَآ أَن صَبَرْنَا عَلَيْهَا ۚ وَسَوْفَ يَعْلَمُونَ حِينَ يَرَوْنَ ٱلْعَذَابَ مَنْ أَضَلُّ سَبِيلًا

Transliteration in kāda layuḍillunā ʿan ālihatinā lawlā an ṣabarnā ʿalayhā wasawfa yaʿlamūna ḥīna yarawna l-ʿadhāba man aḍallu sabīlan

Oromo ”Odoo nuti isaan [gabbaruu] irratti obsuu baannee, silaa (Muhammad) gabbaramtoota keenya irraa nu jallisuutti dhihaatee ture” (jedhu)Fuulduratti yeroo adabbii argan immoo namni karaa bade eenyuun akka ta’e beekuuf jiru

Verse 43

أَرَءَيْتَ مَنِ ٱتَّخَذَ إِلَـٰهَهُۥ هَوَىٰهُ أَفَأَنتَ تَكُونُ عَلَيْهِ وَكِيلًا

Transliteration ara-ayta mani ittakhadha ilāhahu hawāhu afa-anta takūnu ʿalayhi wakīlan

Oromo Sila nama gabbaramaa isaa fedhuma lubbuu isaa taasifate hin arginee? Sila ati isa irratti tiksaa (eegaa) taataa?

Verse 44

أَمْ تَحْسَبُ أَنَّ أَكْثَرَهُمْ يَسْمَعُونَ أَوْ يَعْقِلُونَ ۚ إِنْ هُمْ إِلَّا كَٱلْأَنْعَـٰمِ ۖ بَلْ هُمْ أَضَلُّ سَبِيلًا

Transliteration am taḥsabu anna aktharahum yasmaʿūna aw yaʿqilūna in hum illā kal-anʿāmi bal hum aḍallu sabīlan

Oromo Sila ati irra baay’een isaanii ni dhaga’u yookiin (waan itti himame) ni hubatu jettee yaaddaa? Isaan akka beyladaa malee waan biraa hin taaneInumaa isaan (horii) irra karaa jallatoodha

Verse 45

أَلَمْ تَرَ إِلَىٰ رَبِّكَ كَيْفَ مَدَّ ٱلظِّلَّ وَلَوْ شَآءَ لَجَعَلَهُۥ سَاكِنًا ثُمَّ جَعَلْنَا ٱلشَّمْسَ عَلَيْهِ دَلِيلًا

Transliteration alam tara ilā rabbika kayfa madda l-ẓila walaw shāa lajaʿalahu sākinan thumma jaʿalnā l-shamsa ʿalayhi dalīlan

Oromo Sila gara Gooftaa keetii akkamitti Gaaddisa akka diriirse hin ilaallee?[] Odoo fedhees turaa isa taasisa tureErgasii Aduu (jiraachuu) isaa (gaaddisaa) irratti ragaa taasifne

Verse 46

ثُمَّ قَبَضْنَـٰهُ إِلَيْنَا قَبْضًا يَسِيرًا

Transliteration thumma qabaḍnāhu ilaynā qabḍan yasīran

Oromo Ergasiis qabiinsa suuta suutaa gara keenyatti isa (gaaddisa) qabne (hir’isne)

Verse 47

وَهُوَ ٱلَّذِى جَعَلَ لَكُمُ ٱلَّيْلَ لِبَاسًا وَٱلنَّوْمَ سُبَاتًا وَجَعَلَ ٱلنَّهَارَ نُشُورًا

Transliteration wahuwa alladhī jaʿala lakumu al-layla libāsan wal-nawma subātan wajaʿala l-nahāra nushūran

Oromo Inni (Rabbiin) Isa halkan uffata, hirriba immoo boqonnaa isiniif taasiseefi Guyyaas yeroo olii gadi sochootan taasiseedha

Verse 48

وَهُوَ ٱلَّذِىٓ أَرْسَلَ ٱلرِّيَـٰحَ بُشْرًۢا بَيْنَ يَدَىْ رَحْمَتِهِۦ ۚ وَأَنزَلْنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءً طَهُورًا

Transliteration wahuwa alladhī arsala l-riyāḥa bush'ran bayna yaday raḥmatihi wa-anzalnā mina l-samāi māan ṭahūran

Oromo Ammas Inni Isa rahmata (bokkaa) isaa dura qilleensa gammachiisaa godhee ergeedhaSamii irraas bishaan qulqulluu buusne

Verse 49

لِّنُحْـِۧىَ بِهِۦ بَلْدَةً مَّيْتًا وَنُسْقِيَهُۥ مِمَّا خَلَقْنَآ أَنْعَـٰمًا وَأَنَاسِىَّ كَثِيرًا

Transliteration linuḥ'yiya bihi baldatan maytan wanus'qiyahu mimmā khalaqnā anʿāman wa-anāsiyya kathīran

Oromo Akka dachii duute isaan jiraachisnuufi waan uumne irraa horiifi namoota baay’ee isa obaasnuuf [Samii irraa rooba buufne]

Verse 50

وَلَقَدْ صَرَّفْنَـٰهُ بَيْنَهُمْ لِيَذَّكَّرُوا۟ فَأَبَىٰٓ أَكْثَرُ ٱلنَّاسِ إِلَّا كُفُورًا

Transliteration walaqad ṣarrafnāhu baynahum liyadhakkarū fa-abā aktharu l-nāsi illā kufūran

Oromo Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha gidduu isaaniitti isa raabsinee jirraIrra hedduun namaas kafaruu malee [amanuu] ni didan.

Verse 51

وَلَوْ شِئْنَا لَبَعَثْنَا فِى كُلِّ قَرْيَةٍ نَّذِيرًا

Transliteration walaw shi'nā labaʿathnā fī kulli qaryatin nadhīran

Oromo Odoo feenee magaalota hunda keessatti akeekkachiisaa ni ergina ture

Verse 52

فَلَا تُطِعِ ٱلْكَـٰفِرِينَ وَجَـٰهِدْهُم بِهِۦ جِهَادًا كَبِيرًا

Transliteration falā tuṭiʿi l-kāfirīna wajāhid'hum bihi jihādan kabīran

Oromo Kaafirootaaf hin ajajaminii isaan (Qur’aana kanaan) qabsoo guddaa isaan irratti qabsaa’i.

Verse 53

۞ وَهُوَ ٱلَّذِى مَرَجَ ٱلْبَحْرَيْنِ هَـٰذَا عَذْبٌ فُرَاتٌ وَهَـٰذَا مِلْحٌ أُجَاجٌ وَجَعَلَ بَيْنَهُمَا بَرْزَخًا وَحِجْرًا مَّحْجُورًا

Transliteration wahuwa alladhī maraja l-baḥrayni hādhā ʿadhbun furātun wahādhā mil'ḥun ujājun wajaʿala baynahumā barzakhan waḥij'ran maḥjūran

Oromo Inni Isa galaana lama, tokko mi’aayaa dhugaatiif mijaa’uu, kaan immoo soogiddoo kuraawaa ta’e, wal maddii qabee gadi dhiisee jidduu isaan lamaanittis dawoofi daangaa daangeffamaa taasiseedha.

Verse 54

وَهُوَ ٱلَّذِى خَلَقَ مِنَ ٱلْمَآءِ بَشَرًا فَجَعَلَهُۥ نَسَبًا وَصِهْرًا ۗ وَكَانَ رَبُّكَ قَدِيرًا

Transliteration wahuwa alladhī khalaqa mina l-māi basharan fajaʿalahu nasaban waṣih'ran wakāna rabbuka qadīran

Oromo Ammas Inni Isa bishaan irraa nama uumee ergasii fira (sanyii)fi soddaa tasiseedhaGooftaan kee danda’aa ta’e

Verse 55

وَيَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُهُمْ وَلَا يَضُرُّهُمْ ۗ وَكَانَ ٱلْكَافِرُ عَلَىٰ رَبِّهِۦ ظَهِيرًا

Transliteration wayaʿbudūna min dūni l-lahi mā lā yanfaʿuhum walā yaḍurruhum wakāna l-kāfiru ʿalā rabbihi ẓahīran

Oromo Rabbii gaditti waan isaan hin fayyadneefi hin miine gabbaruKaafirri Gooftaa isaa irratti deeggaraa [sheyxanaa] ta’eera

Verse 56

وَمَآ أَرْسَلْنَـٰكَ إِلَّا مُبَشِّرًا وَنَذِيرًا

Transliteration wamā arsalnāka illā mubashiran wanadhīran

Oromo Nutis gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine

Verse 57

قُلْ مَآ أَسْـَٔلُكُمْ عَلَيْهِ مِنْ أَجْرٍ إِلَّا مَن شَآءَ أَن يَتَّخِذَ إِلَىٰ رَبِّهِۦ سَبِيلًا

Transliteration qul mā asalukum ʿalayhi min ajrin illā man shāa an yattakhidha ilā rabbihi sabīlan

Oromo Jedhi: “Isa irratti mindaa isin hin gaafadhu; garuu namni karaa gooftaa isaa qabachuu fedhe [haa saddaqatu].”

Verse 58

وَتَوَكَّلْ عَلَى ٱلْحَىِّ ٱلَّذِى لَا يَمُوتُ وَسَبِّحْ بِحَمْدِهِۦ ۚ وَكَفَىٰ بِهِۦ بِذُنُوبِ عِبَادِهِۦ خَبِيرًا

Transliteration watawakkal ʿalā l-ḥayi alladhī lā yamūtu wasabbiḥ biḥamdihi wakafā bihi bidhunūbi ʿibādihi khabīran

Oromo Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhuFaarsuu Isaa waliin Isa qulqulleessiBadii gabroota Isaa iccitii beekuu keessatti Isumatu ga’aadha.

Verse 59

ٱلَّذِى خَلَقَ ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضَ وَمَا بَيْنَهُمَا فِى سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ ٱسْتَوَىٰ عَلَى ٱلْعَرْشِ ۚ ٱلرَّحْمَـٰنُ فَسْـَٔلْ بِهِۦ خَبِيرًا

Transliteration alladhī khalaqa l-samāwāti wal-arḍa wamā baynahumā fī sittati ayyāmin thumma is'tawā ʿalā l-ʿarshi l-raḥmānu fasal bihi khabīran

Oromo Inni Samiifi Dachii, akkasumas waan isaan lamaan gidduu jiran (hunda) guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (haala isaaf maluun) ol ta’e; (Inni) RahmaaniKanaaf haala keessa beekaa ta’een isa gaafadhu.

Verse 60

وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱسْجُدُوا۟ لِلرَّحْمَـٰنِ قَالُوا۟ وَمَا ٱلرَّحْمَـٰنُ أَنَسْجُدُ لِمَا تَأْمُرُنَا وَزَادَهُمْ نُفُورًا ۩

Transliteration wa-idhā qīla lahumu us'judū lilrraḥmāni qālū wamā l-raḥmānu anasjudu limā tamurunā wazādahum nufūran

Oromo Yeroo Rahmaaniif sujuuda godhaa jedhaman “Rahmaan immoo maali? Waanuma isin nu ajajjan hundaaf sujuuda goonaa?” jedhuKunis Rabbirraa] fagaachuu isaaniif dabale.

Verse 61

تَبَارَكَ ٱلَّذِى جَعَلَ فِى ٱلسَّمَآءِ بُرُوجًا وَجَعَلَ فِيهَا سِرَٰجًا وَقَمَرًا مُّنِيرًا

Transliteration tabāraka alladhī jaʿala fī l-samāi burūjan wajaʿala fīhā sirājan waqamaran munīran

Oromo Inni Samii keessatti buruuja[] taasisee ishee keessattis (biiftuu) ifaafi ji’a ibsaa taasise khayriin Isaa baay’ate.

Verse 62

وَهُوَ ٱلَّذِى جَعَلَ ٱلَّيْلَ وَٱلنَّهَارَ خِلْفَةً لِّمَنْ أَرَادَ أَن يَذَّكَّرَ أَوْ أَرَادَ شُكُورًا

Transliteration wahuwa alladhī jaʿala al-layla wal-nahāra khil'fatan liman arāda an yadhakkara aw arāda shukūran

Oromo Inni Isa halkaniifi guyyaa namoota gorfamuu fedhaniif yookiin galata galchuu fedhaniif wal irraa bakka bu’aa taasiseedha

Verse 63

وَعِبَادُ ٱلرَّحْمَـٰنِ ٱلَّذِينَ يَمْشُونَ عَلَى ٱلْأَرْضِ هَوْنًا وَإِذَا خَاطَبَهُمُ ٱلْجَـٰهِلُونَ قَالُوا۟ سَلَـٰمًا

Transliteration waʿibādu l-raḥmāni alladhīna yamshūna ʿalā l-arḍi hawnan wa-idhā khāṭabahumu l-jāhilūna qālū salāman

Oromo Gabroonni Rahmaan isaan suutaan Dachii irra deeman; yeroo wallaaltonni isaan dubbisanis “Salaaman” (nagaa) jedhanuudha

Verse 64

وَٱلَّذِينَ يَبِيتُونَ لِرَبِّهِمْ سُجَّدًا وَقِيَـٰمًا

Transliteration wa-alladhīna yabītūna lirabbihim sujjadan waqiyāman

Oromo Isaan Gooftaa isaaniitiif sujuuda godhaa; dhaabbataa bulaniidha

Verse 65

وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا ٱصْرِفْ عَنَّا عَذَابَ جَهَنَّمَ ۖ إِنَّ عَذَابَهَا كَانَ غَرَامًا

Transliteration wa-alladhīna yaqūlūna rabbanā iṣ'rif ʿannā ʿadhāba jahannama inna ʿadhābahā kāna gharāman

Oromo Ammas warra jedhani: “(yaa) Gooftaa keenya! adabbii jahannam nurraa deebisi; dhugumatti adabbiin ishee kan nama irraa hin deemneedha.

Verse 66

إِنَّهَا سَآءَتْ مُسْتَقَرًّا وَمُقَامًا

Transliteration innahā sāat mus'taqarran wamuqāman

Oromo Dhugumatti, isheen iddoo qubannaafi jireenyaa ta’uun fokkattee jirti.”

Verse 67

وَٱلَّذِينَ إِذَآ أَنفَقُوا۟ لَمْ يُسْرِفُوا۟ وَلَمْ يَقْتُرُوا۟ وَكَانَ بَيْنَ ذَٰلِكَ قَوَامًا

Transliteration wa-alladhīna idhā anfaqū lam yus'rifū walam yaqturū wakāna bayna dhālika qawāman

Oromo Ammas (gabroonni Rabbii) isaan yeroo arjooman karaa malee hin balleessineefi hin donnoomne kan gidduu kanatti (kennaan isaanii) sirrii ta’eedha.

Verse 68

وَٱلَّذِينَ لَا يَدْعُونَ مَعَ ٱللَّهِ إِلَـٰهًا ءَاخَرَ وَلَا يَقْتُلُونَ ٱلنَّفْسَ ٱلَّتِى حَرَّمَ ٱللَّهُ إِلَّا بِٱلْحَقِّ وَلَا يَزْنُونَ ۚ وَمَن يَفْعَلْ ذَٰلِكَ يَلْقَ أَثَامًا

Transliteration wa-alladhīna lā yadʿūna maʿa l-lahi ilāhan ākhara walā yaqtulūna l-nafsa allatī ḥarrama l-lahu illā bil-ḥaqi walā yaznūna waman yafʿal dhālika yalqa athāman

Oromo Ammas isaan Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedhaNamni (hojii gadhee) kana raawwate, adabbii qunnama

Verse 69

يُضَـٰعَفْ لَهُ ٱلْعَذَابُ يَوْمَ ٱلْقِيَـٰمَةِ وَيَخْلُدْ فِيهِۦ مُهَانًا

Transliteration yuḍāʿaf lahu l-ʿadhābu yawma l-qiyāmati wayakhlud fīhi muhānan

Oromo Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifamaIsa keessa salphifamaa ta’ee yeroo hunda jiraatas.

Verse 70

إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ عَمَلًا صَـٰلِحًا فَأُو۟لَـٰٓئِكَ يُبَدِّلُ ٱللَّهُ سَيِّـَٔاتِهِمْ حَسَنَـٰتٍ ۗ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورًا رَّحِيمًا

Transliteration illā man tāba waāmana waʿamila ʿamalan ṣāliḥan fa-ulāika yubaddilu l-lahu sayyiātihim ḥasanātin wakāna l-lahu ghafūran raḥīman

Oromo Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate maleeIsaan sun Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiiraafRabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera

Verse 71

وَمَن تَابَ وَعَمِلَ صَـٰلِحًا فَإِنَّهُۥ يَتُوبُ إِلَى ٱللَّهِ مَتَابًا

Transliteration waman tāba waʿamila ṣāliḥan fa-innahu yatūbu ilā l-lahi matāban

Oromo Namni tawbateefi gaarii hojjate, inni dhugumatti tawbaa gaarii gara Rabbiitti deebi’ee jira.

Verse 72

وَٱلَّذِينَ لَا يَشْهَدُونَ ٱلزُّورَ وَإِذَا مَرُّوا۟ بِٱللَّغْوِ مَرُّوا۟ كِرَامًا

Transliteration wa-alladhīna lā yashhadūna l-zūra wa-idhā marrū bil-laghwi marrū kirāman

Oromo Ammas (gabrooni Rabbii) isaan ragaa cubbuu hin baaneefi yeroo tapha bira qaxxaamuranis kabajaadhaan qaxxaamuraniidha.

Verse 73

وَٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِّرُوا۟ بِـَٔايَـٰتِ رَبِّهِمْ لَمْ يَخِرُّوا۟ عَلَيْهَا صُمًّا وَعُمْيَانًا

Transliteration wa-alladhīna idhā dhukkirū biāyāti rabbihim lam yakhirrū ʿalayhā ṣumman waʿum'yānan

Oromo Ammas isaan yeroo keeyyattoota Gooftaa isaanitiin yaadachiifaman [kan hubataniifi fudhatan ta’anii malee] duudaafi jaamaa ta’anii ishee irratti hin kufneedha.

Verse 74

وَٱلَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا هَبْ لَنَا مِنْ أَزْوَٰجِنَا وَذُرِّيَّـٰتِنَا قُرَّةَ أَعْيُنٍ وَٱجْعَلْنَا لِلْمُتَّقِينَ إِمَامًا

Transliteration wa-alladhīna yaqūlūna rabbanā hab lanā min azwājinā wadhurriyyātinā qurrata aʿyunin wa-ij'ʿalnā lil'muttaqīna imāman

Oromo Ammas warra “Gooftaa keenya! Niitolii keenyaafi sanyii keenyas gammachuu ijaa kan ta’an nuuf kenniWarra Rabbiin sodaataniifis imaama (dursaa) nu taasisi” jedhanuudha.

Verse 75

أُو۟لَـٰٓئِكَ يُجْزَوْنَ ٱلْغُرْفَةَ بِمَا صَبَرُوا۟ وَيُلَقَّوْنَ فِيهَا تَحِيَّةً وَسَلَـٰمًا

Transliteration ulāika yuj'zawna l-ghur'fata bimā ṣabarū wayulaqqawna fīhā taḥiyyatan wasalāman

Oromo Isaan sun waan obsaniif jecha (Jannata keessatti) iddoo ol aanaa ta’e (gamoo) mindeeffamuIshee keessattis kabajaafi nageenya qunnamu

Verse 76

خَـٰلِدِينَ فِيهَا ۚ حَسُنَتْ مُسْتَقَرًّا وَمُقَامًا

Transliteration khālidīna fīhā ḥasunat mus'taqarran wamuqāman

Oromo Ishee keessa yeroo hunda jiraatuIsheen iddoo qubannaafi jireenyaa kan akkaan miidhagdeedha

Verse 77

قُلْ مَا يَعْبَؤُا۟ بِكُمْ رَبِّى لَوْلَا دُعَآؤُكُمْ ۖ فَقَدْ كَذَّبْتُمْ فَسَوْفَ يَكُونُ لِزَامًۢا

Transliteration qul mā yaʿba-u bikum rabbī lawlā duʿāukum faqad kadhabtum fasawfa yakūnu lizāman

Oromo Jedhi: “Odoo kadhaan (Iimaanni) keessan jiraachuu baatee, silaa Gooftaan kiyya homattuu isin hin lakkaa’u tureDhugumatti isin sobsiiftanii jirtuKanaaf adabbiin (isiniif qophaa’e) kan yeroo hunda isin waliin jiraatu ta’a.”

Read Surah Al-Furqan in another language

All languages

All 114 surahs in Oromo: the Qur’an in Oromo.

Learn it in MyDugsi

Oromo translation: Ghali Apapur Apaghuna, from Quran.com. Transliteration: Quran.com. Recitation: Mishary Alafasy, from EveryAyah.com. MyDugsi is a learning aid, not a replacement for a qualified teacher.