MyDugsiStart learning

Surah Maryam in Oromo: translation and audio

Surah 19 · مريم · Mary · 98 verses

Surah Maryam verse by verse: the Arabic with a recitation you can repeat, the transliteration, and the Oromo translation by Ghali Apapur Apaghuna. For the meaning of every word, see Surah Maryam word by word in English.

Verse 1

كٓهيعٓصٓ

Transliteration kaf-ha-ya-ain-sad

Oromo Kaaf Haa Yaa Ayn Saade

Verse 2

ذِكْرُ رَحْمَتِ رَبِّكَ عَبْدَهُۥ زَكَرِيَّآ

Transliteration dhik'ru raḥmati rabbika ʿabdahu zakariyyā

Oromo (Kun) rahmata gooftaan kee Gabricha Isaa Zakariyyaaf (godhe) dubbachuudha.

Verse 3

إِذْ نَادَىٰ رَبَّهُۥ نِدَآءً خَفِيًّا

Transliteration idh nādā rabbahu nidāan khafiyyan

Oromo Yeroo inni Rabbii Isaa waamicha dhoksaa waame (dubbadhu)

Verse 4

قَالَ رَبِّ إِنِّى وَهَنَ ٱلْعَظْمُ مِنِّى وَٱشْتَعَلَ ٱلرَّأْسُ شَيْبًا وَلَمْ أَكُنۢ بِدُعَآئِكَ رَبِّ شَقِيًّا

Transliteration qāla rabbi innī wahana l-ʿaẓmu minnī wa-ish'taʿala l-rasu shayban walam akun biduʿāika rabbi shaqiyyan

Oromo “Rabbii kiyya! Ani lafeen kiyya laafte; mataan kiyyas Arrii makatee; Rabbii kiyya ani kadhaa keetiin hoonga’aa hin taane” jedhe.

Verse 5

وَإِنِّى خِفْتُ ٱلْمَوَٰلِىَ مِن وَرَآءِى وَكَانَتِ ٱمْرَأَتِى عَاقِرًا فَهَبْ لِى مِن لَّدُنكَ وَلِيًّا

Transliteration wa-innī khif'tu l-mawāliya min warāī wakānati im'ra-atī ʿāqiran fahab lī min ladunka waliyyan

Oromo “Ani booda kootii firoota kiyya sodaadheen jiraNiitiin kiyyas maseentuudhaSuma biraa ilma naaf kenni.

Verse 6

يَرِثُنِى وَيَرِثُ مِنْ ءَالِ يَعْقُوبَ ۖ وَٱجْعَلْهُ رَبِّ رَضِيًّا

Transliteration yarithunī wayarithu min āli yaʿqūba wa-ij'ʿalhu rabbi raḍiyyan

Oromo “Kan ana (amantii kiyya) dhaaluufi kan sanyii Ya’aquub irraas dhaaluYaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaas isa taasisi.”

Verse 7

يَـٰزَكَرِيَّآ إِنَّا نُبَشِّرُكَ بِغُلَـٰمٍ ٱسْمُهُۥ يَحْيَىٰ لَمْ نَجْعَل لَّهُۥ مِن قَبْلُ سَمِيًّا

Transliteration yāzakariyyā innā nubashiruka bighulāmin us'muhu yaḥyā lam najʿal lahu min qablu samiyyan

Oromo (Rabbiin ni jedhe): “Yaa Zakariyyaa! Dhugumatti, Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’e, kan kana dura maqaa isaa eenyuufillee hin taasisiniin si gammachiifna.”

Verse 8

قَالَ رَبِّ أَنَّىٰ يَكُونُ لِى غُلَـٰمٌ وَكَانَتِ ٱمْرَأَتِى عَاقِرًا وَقَدْ بَلَغْتُ مِنَ ٱلْكِبَرِ عِتِيًّا

Transliteration qāla rabbi annā yakūnu lī ghulāmun wakānati im'ra-atī ʿāqiran waqad balaghtu mina l-kibari ʿitiyyan

Oromo (Zakariyyaan) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Odoo haati manaa koo maseena taatee jirtuu, anis dulluma irraa hoonga ga’ee jiruu akkamitti ilmi naaf ta’uu danda?”

Verse 9

قَالَ كَذَٰلِكَ قَالَ رَبُّكَ هُوَ عَلَىَّ هَيِّنٌ وَقَدْ خَلَقْتُكَ مِن قَبْلُ وَلَمْ تَكُ شَيْـًٔا

Transliteration qāla kadhālika qāla rabbuka huwa ʿalayya hayyinun waqad khalaqtuka min qablu walam taku shayan

Oromo Ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kanaRabbiin kee ‘Kun anaaf laafaadhaDhugumatti, ani kana dura si’ii homaa hin turin si uumeen jira’ jedhe.”

Verse 10

قَالَ رَبِّ ٱجْعَل لِّىٓ ءَايَةً ۚ قَالَ ءَايَتُكَ أَلَّا تُكَلِّمَ ٱلنَّاسَ ثَلَـٰثَ لَيَالٍ سَوِيًّا

Transliteration qāla rabbi ij'ʿal lī āyatan qāla āyatuka allā tukallima l-nāsa thalātha layālin sawiyyan

Oromo (Zakariyyaanis) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Mallattoo wahii naaf godhi.” (Rabbiinis) ni jedhe: “Mallattoon kee halkan sadihiif odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dhabuudha.”

Verse 11

فَخَرَجَ عَلَىٰ قَوْمِهِۦ مِنَ ٱلْمِحْرَابِ فَأَوْحَىٰٓ إِلَيْهِمْ أَن سَبِّحُوا۟ بُكْرَةً وَعَشِيًّا

Transliteration fakharaja ʿalā qawmihi mina l-miḥ'rābi fa-awḥā ilayhim an sabbiḥū buk'ratan waʿashiyyan

Oromo Ergasii iddoo sagadaa keessaa ummata isaa irratti gadi ba’ee, ganamaafi galgala Rabbiin qulqulleessuu mallattoon itti beeksise

Verse 12

يَـٰيَحْيَىٰ خُذِ ٱلْكِتَـٰبَ بِقُوَّةٍ ۖ وَءَاتَيْنَـٰهُ ٱلْحُكْمَ صَبِيًّا

Transliteration yāyaḥyā khudhi l-kitāba biquwwatin waātaynāhu l-ḥuk'ma ṣabiyyan

Oromo “Yaa Yahyaa! Kitaabicha ciminaan qabadhu” (jenneen)Beekumsas ijoollummaan isaaf kennine.

Verse 13

وَحَنَانًا مِّن لَّدُنَّا وَزَكَوٰةً ۖ وَكَانَ تَقِيًّا

Transliteration waḥanānan min ladunnā wazakatan wakāna taqiyyan

Oromo Mararfannaa Nu biraa ta’eefi qulqullinas (isaaf kenninee jirra)Innis (Rabbiin) sodaataa ta’eera.

Verse 14

وَبَرًّۢا بِوَٰلِدَيْهِ وَلَمْ يَكُن جَبَّارًا عَصِيًّا

Transliteration wabarran biwālidayhi walam yakun jabbāran ʿaṣiyyan

Oromo Haadhaafi abbaa isaatiifis tola oolaa ta’eeraOf tuulaa, didaas hin taane

Verse 15

وَسَلَـٰمٌ عَلَيْهِ يَوْمَ وُلِدَ وَيَوْمَ يَمُوتُ وَيَوْمَ يُبْعَثُ حَيًّا

Transliteration wasalāmun ʿalayhi yawma wulida wayawma yamūtu wayawma yub'ʿathu ḥayyan

Oromo Nageenyis guyyaa inni dhalate, guyyaa inni du’uufi guyyaa inni lubbuun kaafamus isa irra haa jiraatu.

Verse 16

وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَـٰبِ مَرْيَمَ إِذِ ٱنتَبَذَتْ مِنْ أَهْلِهَا مَكَانًا شَرْقِيًّا

Transliteration wa-udh'kur fī l-kitābi maryama idhi intabadhat min ahlihā makānan sharqiyyan

Oromo Kitaabicha (Qur’aana) keessatti Maryamiinis yeroo maatii ishee irraa iddoo gara bahaatti achi baate dubbadhu

Verse 17

فَٱتَّخَذَتْ مِن دُونِهِمْ حِجَابًا فَأَرْسَلْنَآ إِلَيْهَا رُوحَنَا فَتَمَثَّلَ لَهَا بَشَرًا سَوِيًّا

Transliteration fa-ittakhadhat min dūnihim ḥijāban fa-arsalnā ilayhā rūḥanā fatamathala lahā basharan sawiyyan

Oromo Isaan irraa haguuggaa godhattee, ergamaa keenya (Jibriiliin) gara isiitti eregineInnis namuma (uumaan isaa) guutuu isiitti fakkaate.

Verse 18

قَالَتْ إِنِّىٓ أَعُوذُ بِٱلرَّحْمَـٰنِ مِنكَ إِن كُنتَ تَقِيًّا

Transliteration qālat innī aʿūdhu bil-raḥmāni minka in kunta taqiyyan

Oromo Ni jette: “Yoo kan (Rabbiin) sodaattu taateef dhugumatti, ani Rahmaaniinin si irraa tikfama.”

Verse 19

قَالَ إِنَّمَآ أَنَا۠ رَسُولُ رَبِّكِ لِأَهَبَ لَكِ غُلَـٰمًا زَكِيًّا

Transliteration qāla innamā anā rasūlu rabbiki li-ahaba laki ghulāman zakiyyan

Oromo (Jibriilis): “Ani ergamaa Rabbii keetiiti; akkan ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbiin na erge)” jedheen

Verse 20

قَالَتْ أَنَّىٰ يَكُونُ لِى غُلَـٰمٌ وَلَمْ يَمْسَسْنِى بَشَرٌ وَلَمْ أَكُ بَغِيًّا

Transliteration qālat annā yakūnu lī ghulāmun walam yamsasnī basharun walam aku baghiyyan

Oromo Ni jette: “Odoo namni tokko ana hin tuqin; sagaagaltuus odoon hin ta’in akkamitti ilmi naaf ta’uu danda’a?”

Verse 21

قَالَ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِ هُوَ عَلَىَّ هَيِّنٌ ۖ وَلِنَجْعَلَهُۥٓ ءَايَةً لِّلنَّاسِ وَرَحْمَةً مِّنَّا ۚ وَكَانَ أَمْرًا مَّقْضِيًّا

Transliteration qāla kadhāliki qāla rabbuki huwa ʿalayya hayyinun walinajʿalahu āyatan lilnnāsi waraḥmatan minnā wakāna amran maqḍiyyan

Oromo Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kanaGooftaan keetis ‘kuni natti laafaadha; Namootaafis raajiifi rahmata Nu irraa ta’es akka isa taasifnuufi” jedhe(Kun) dhimma dura murtaa’e ta’eera

Verse 22

۞ فَحَمَلَتْهُ فَٱنتَبَذَتْ بِهِۦ مَكَانًا قَصِيًّا

Transliteration faḥamalathu fa-intabadhat bihi makānan qaṣiyyan

Oromo Yoosuu isa ulfoofte; kophaa ishee gara bakka fagoo isaan deemte.

Verse 23

فَأَجَآءَهَا ٱلْمَخَاضُ إِلَىٰ جِذْعِ ٱلنَّخْلَةِ قَالَتْ يَـٰلَيْتَنِى مِتُّ قَبْلَ هَـٰذَا وَكُنتُ نَسْيًا مَّنسِيًّا

Transliteration fa-ajāahā l-makhāḍu ilā jidh'ʿi l-nakhlati qālat yālaytanī mittu qabla hādhā wakuntu nasyan mansiyyan

Oromo Ciniinsuun gara gufuu timiraa ishee maqseNi jette: “Yaa badii kiyya! Odoo kana dura du’ee, wan dagatamaa ta’ee maal qaba!”

Verse 24

فَنَادَىٰهَا مِن تَحْتِهَآ أَلَّا تَحْزَنِى قَدْ جَعَلَ رَبُّكِ تَحْتَكِ سَرِيًّا

Transliteration fanādāhā min taḥtihā allā taḥzanī qad jaʿala rabbuki taḥtaki sariyyan

Oromo “Hin gaddin; dhugumatti, Gooftaan kee jala keetti laga xiqqoo taasiseera” jechuun ishee jalaa isheetti lallabe.

Verse 25

وَهُزِّىٓ إِلَيْكِ بِجِذْعِ ٱلنَّخْلَةِ تُسَـٰقِطْ عَلَيْكِ رُطَبًا جَنِيًّا

Transliteration wahuzzī ilayki bijidh'ʿi l-nakhlati tusāqiṭ ʿalayki ruṭaban janiyyan

Oromo “Gufuu timiraa gara keetti hurgufi; asheeta timira bilchaataa ta’e sirratti harcaafti

Verse 26

فَكُلِى وَٱشْرَبِى وَقَرِّى عَيْنًا ۖ فَإِمَّا تَرَيِنَّ مِنَ ٱلْبَشَرِ أَحَدًا فَقُولِىٓ إِنِّى نَذَرْتُ لِلرَّحْمَـٰنِ صَوْمًا فَلَنْ أُكَلِّمَ ٱلْيَوْمَ إِنسِيًّا

Transliteration fakulī wa-ish'rabī waqarrī ʿaynan fa-immā tarayinna mina l-bashari aḥadan faqūlī innī nadhartu lilrraḥmāni ṣawman falan ukallima l-yawma insiyyan

Oromo Nyaadhu, dhugii; ijaanis itti gammadiYoo nama tokko argites ‘Dhugumatti, ani Rahmaaniif eenyullee dubbisuu dhabuu qodhaa (nazrii) galeen jiraKanaaf hardha nama tokkos hin dubbisu” jedhi.

Verse 27

فَأَتَتْ بِهِۦ قَوْمَهَا تَحْمِلُهُۥ ۖ قَالُوا۟ يَـٰمَرْيَمُ لَقَدْ جِئْتِ شَيْـًٔا فَرِيًّا

Transliteration fa-atat bihi qawmahā taḥmiluhu qālū yāmaryamu laqad ji'ti shayan fariyyan

Oromo Ergasii isa baadhattee gara ummata ishee dhufte[Isaan] ni jedhan: “Yaa Maryam! Dhugumatti ati waan akkaan jabaatu fidde.

Verse 28

يَـٰٓأُخْتَ هَـٰرُونَ مَا كَانَ أَبُوكِ ٱمْرَأَ سَوْءٍ وَمَا كَانَتْ أُمُّكِ بَغِيًّا

Transliteration yāukh'ta hārūna mā kāna abūki im'ra-a sawin wamā kānat ummuki baghiyyan

Oromo Yaa obboleettii Haaruun! Abbaan kee nama badaa hin turre; haati keetis sagaagaltuu hin turre.”

Verse 29

فَأَشَارَتْ إِلَيْهِ ۖ قَالُوا۟ كَيْفَ نُكَلِّمُ مَن كَانَ فِى ٱلْمَهْدِ صَبِيًّا

Transliteration fa-ashārat ilayhi qālū kayfa nukallimu man kāna fī l-mahdi ṣabiyyan

Oromo (Isiinis) gara isaatti akeekte[Isaan]: “Akkamitti daa’ima siree daa’imummaa keessa jiru dubbifna?” jedhan.

Verse 30

قَالَ إِنِّى عَبْدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِىَ ٱلْكِتَـٰبَ وَجَعَلَنِى نَبِيًّا

Transliteration qāla innī ʿabdu l-lahi ātāniya l-kitāba wajaʿalanī nabiyyan

Oromo Innis (daa’imichis) ni jedhe: “Dhugumatti, ani gabricha RabbiitiInni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.

Verse 31

وَجَعَلَنِى مُبَارَكًا أَيْنَ مَا كُنتُ وَأَوْصَـٰنِى بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ مَا دُمْتُ حَيًّا

Transliteration wajaʿalanī mubārakan ayna mā kuntu wa-awṣānī bil-ṣalati wal-zakati mā dum'tu ḥayyan

Oromo Iddoo ani jiru hundattis barakeeffamaa na taasisee jira; salaataafi zakaas hangan lubbuun jiru naaf dhaamee jira.

Verse 32

وَبَرًّۢا بِوَٰلِدَتِى وَلَمْ يَجْعَلْنِى جَبَّارًا شَقِيًّا

Transliteration wabarran biwālidatī walam yajʿalnī jabbāran shaqiyyan

Oromo Haadha kiyyaafis tola oolaa (na godhe); of tuulaa hoonga’aas, ana hin taasifne.

Verse 33

وَٱلسَّلَـٰمُ عَلَىَّ يَوْمَ وُلِدتُّ وَيَوْمَ أَمُوتُ وَيَوْمَ أُبْعَثُ حَيًّا

Transliteration wal-salāmu ʿalayya yawma wulidttu wayawma amūtu wayawma ub'ʿathu ḥayyan

Oromo Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uufi guyyaa ani kaafamuus nageenyi ana irra jira.”

Verse 34

ذَٰلِكَ عِيسَى ٱبْنُ مَرْيَمَ ۚ قَوْلَ ٱلْحَقِّ ٱلَّذِى فِيهِ يَمْتَرُونَ

Transliteration dhālika ʿīsā ub'nu maryama qawla l-ḥaqi alladhī fīhi yamtarūna

Oromo Inni sun Iisaa ilma Maryami; inni jecha dhugaa kan isaan isa keessatti shakkan saniidha.

Verse 35

مَا كَانَ لِلَّهِ أَن يَتَّخِذَ مِن وَلَدٍ ۖ سُبْحَـٰنَهُۥٓ ۚ إِذَا قَضَىٰٓ أَمْرًا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ

Transliteration mā kāna lillahi an yattakhidha min waladin sub'ḥānahu idhā qaḍā amran fa-innamā yaqūlu lahu kun fayakūnu

Oromo Rabbiif ilma taasifachuun hin maluInni qulqullaa’eYeroo dhimma tokko murteesse, wanti Inni jedhu “ta’i” jechuu qofa; innis yoosuu ta’a

Verse 36

وَإِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُ ۚ هَـٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ

Transliteration wa-inna l-laha rabbī warabbukum fa-uʿ'budūhu hādhā ṣirāṭun mus'taqīmun

Oromo (Iisaan) “Dhugumatti, Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessaniKanaaf Isa qofa gabbaraaSantu karaa qajeelaadha” jedhe.

Verse 37

فَٱخْتَلَفَ ٱلْأَحْزَابُ مِنۢ بَيْنِهِمْ ۖ فَوَيْلٌ لِّلَّذِينَ كَفَرُوا۟ مِن مَّشْهَدِ يَوْمٍ عَظِيمٍ

Transliteration fa-ikh'talafa l-aḥzābu min baynihim fawaylun lilladhīna kafarū min mashhadi yawmin ʿaẓīmin

Oromo Gareewwan (yahuudaafi nasaaraa) gidduu isaaniitti (waa’ee Iisaa irratti) wal dhaban; wal gayii guyyaa guddaa (Qiyaamaa) san keessatti warra kafaraniif adabbiin mirkanaa’eera!

Verse 38

أَسْمِعْ بِهِمْ وَأَبْصِرْ يَوْمَ يَأْتُونَنَا ۖ لَـٰكِنِ ٱلظَّـٰلِمُونَ ٱلْيَوْمَ فِى ضَلَـٰلٍ مُّبِينٍ

Transliteration asmiʿ bihim wa-abṣir yawma yatūnanā lākini l-ẓālimūna l-yawma fī ḍalālin mubīnin

Oromo (Kaafiroonni) guyyaa isaan Nutti dhufan, maaltu akkaan dhaga’oo argoo isaan taasise! Garuu hardha miidhaa raawwattoonni jallina ifaa ta’e keessa jiru.

Verse 39

وَأَنذِرْهُمْ يَوْمَ ٱلْحَسْرَةِ إِذْ قُضِىَ ٱلْأَمْرُ وَهُمْ فِى غَفْلَةٍ وَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ

Transliteration wa-andhir'hum yawma l-ḥasrati idh quḍiya l-amru wahum fī ghaflatin wahum lā yu'minūna

Oromo Haala isaan daguu keessatti ta’aniin odoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa’u, Guyyaa Gaabbii san isaan sodaachisi

Verse 40

إِنَّا نَحْنُ نَرِثُ ٱلْأَرْضَ وَمَنْ عَلَيْهَا وَإِلَيْنَا يُرْجَعُونَ

Transliteration innā naḥnu narithu l-arḍa waman ʿalayhā wa-ilaynā yur'jaʿūna

Oromo Dhugumatti, Nuti Numatu dachiifi waan ishee irra jiru dhaala; garuma keenya deebifamus.

Verse 41

وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَـٰبِ إِبْرَٰهِيمَ ۚ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقًا نَّبِيًّا

Transliteration wa-udh'kur fī l-kitābi ib'rāhīma innahu kāna ṣiddīqan nabiyyan

Oromo Kitaaba keessatti Ibraahiimis dubbadhuDhugumatti, inni nama akkaan dhugaa dubbataa, nabiyyii ture

Verse 42

إِذْ قَالَ لِأَبِيهِ يَـٰٓأَبَتِ لِمَ تَعْبُدُ مَا لَا يَسْمَعُ وَلَا يُبْصِرُ وَلَا يُغْنِى عَنكَ شَيْـًٔا

Transliteration idh qāla li-abīhi yāabati lima taʿbudu mā lā yasmaʿu walā yub'ṣiru walā yugh'nī ʿanka shayan

Oromo Yeroo inni abbaa isaatiin “Yaa abbaa kiyya! Maaliif waan hin dhageenye, hin argineefi homaa sirraa deebisuu hin dandeenye gabbarta?” jedhe (dubbadhu)

Verse 43

يَـٰٓأَبَتِ إِنِّى قَدْ جَآءَنِى مِنَ ٱلْعِلْمِ مَا لَمْ يَأْتِكَ فَٱتَّبِعْنِىٓ أَهْدِكَ صِرَٰطًا سَوِيًّا

Transliteration yāabati innī qad jāanī mina l-ʿil'mi mā lam yatika fa-ittabiʿ'nī ahdika ṣirāṭan sawiyyan

Oromo “Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani beekumsa irraa wanti sitti hin dhufin natti dhufee jiraKanaafuu na hordofi; ani karaa sirraawaan si qajeelcha

Verse 44

يَـٰٓأَبَتِ لَا تَعْبُدِ ٱلشَّيْطَـٰنَ ۖ إِنَّ ٱلشَّيْطَـٰنَ كَانَ لِلرَّحْمَـٰنِ عَصِيًّا

Transliteration yāabati lā taʿbudi l-shayṭāna inna l-shayṭāna kāna lilrraḥmāni ʿaṣiyyan

Oromo Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin; dhugumatti sheyxaanni Rahmaan didaa ta’eera

Verse 45

يَـٰٓأَبَتِ إِنِّىٓ أَخَافُ أَن يَمَسَّكَ عَذَابٌ مِّنَ ٱلرَّحْمَـٰنِ فَتَكُونَ لِلشَّيْطَـٰنِ وَلِيًّا

Transliteration yāabati innī akhāfu an yamassaka ʿadhābun mina l-raḥmāni fatakūna lilshayṭāni waliyyan

Oromo Yaa abbaa koo! Dhugumatti, ani Rahmaan irraa adabbiin si tuqee, atis sheyxaanaaf jaalallee ta’uu keen sodaadha.”

Verse 46

قَالَ أَرَاغِبٌ أَنتَ عَنْ ءَالِهَتِى يَـٰٓإِبْرَٰهِيمُ ۖ لَئِن لَّمْ تَنتَهِ لَأَرْجُمَنَّكَ ۖ وَٱهْجُرْنِى مَلِيًّا

Transliteration qāla arāghibun anta ʿan ālihatī yāib'rāhīmu la-in lam tantahi la-arjumannaka wa-uh'jur'nī maliyyan

Oromo (Abbaan isaas) “Yaa Ibraahiim! Ati gabbaramtoota kiyya jibbitaa? Yoo hin dhorgamne, dhugumatti ani dhagaaniin si tuma (si cafaqa)Yeroo dheeraaf ana irraa fagaadhu” jedhe

Verse 47

قَالَ سَلَـٰمٌ عَلَيْكَ ۖ سَأَسْتَغْفِرُ لَكَ رَبِّىٓ ۖ إِنَّهُۥ كَانَ بِى حَفِيًّا

Transliteration qāla salāmun ʿalayka sa-astaghfiru laka rabbī innahu kāna bī ḥafiyyan

Oromo (Ibraahiimis) “Nageenyi sirra haa jiraatu! Ani Rabbii kiyyan araarama siif kadhaDhugumatti, Inni akkaan rahmata naaf godhaa ta’eera” jedhe

Verse 48

وَأَعْتَزِلُكُمْ وَمَا تَدْعُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَأَدْعُوا۟ رَبِّى عَسَىٰٓ أَلَّآ أَكُونَ بِدُعَآءِ رَبِّى شَقِيًّا

Transliteration wa-aʿtazilukum wamā tadʿūna min dūni l-lahi wa-adʿū rabbī ʿasā allā akūna biduʿāi rabbī shaqiyyan

Oromo “Isiniifi wantoota isin Rabbiin alatti gabbartan irraan fagaadhaGooftaa kiyya qofan gabbarasGooftaa kiyya gabbaruu kootiin hoonga’aa ta’uu dhabuu koon abdadha.”

Verse 49

فَلَمَّا ٱعْتَزَلَهُمْ وَمَا يَعْبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَهَبْنَا لَهُۥٓ إِسْحَـٰقَ وَيَعْقُوبَ ۖ وَكُلًّا جَعَلْنَا نَبِيًّا

Transliteration falammā iʿ'tazalahum wamā yaʿbudūna min dūni l-lahi wahabnā lahu is'ḥāqa wayaʿqūba wakullan jaʿalnā nabiyyan

Oromo Yeroma inni isaaniifi waan isaan Rabbii gaditti gabbaran irraa fagaatu, Isihaaqiifi Ya’aquubiin isaaf kennineHunda isaaniis nabiyyii taasifne

Verse 50

وَوَهَبْنَا لَهُم مِّن رَّحْمَتِنَا وَجَعَلْنَا لَهُمْ لِسَانَ صِدْقٍ عَلِيًّا

Transliteration wawahabnā lahum min raḥmatinā wajaʿalnā lahum lisāna ṣid'qin ʿaliyyan

Oromo Rahmata keenya irraas isaaniif kennineGaariin dubbatamuu (faaruu) ol fuudhamaas isaaniif goone.

Verse 51

وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَـٰبِ مُوسَىٰٓ ۚ إِنَّهُۥ كَانَ مُخْلَصًا وَكَانَ رَسُولًا نَّبِيًّا

Transliteration wa-udh'kur fī l-kitābi mūsā innahu kāna mukh'laṣan wakāna rasūlan nabiyyan

Oromo Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Muusaa dubbadhuDhugumatti, inni filatamaa ta’ee jira; ergamaa, nabiyyis ta’eera

Verse 52

وَنَـٰدَيْنَـٰهُ مِن جَانِبِ ٱلطُّورِ ٱلْأَيْمَنِ وَقَرَّبْنَـٰهُ نَجِيًّا

Transliteration wanādaynāhu min jānibi l-ṭūri l-aymani waqarrabnāhu najiyyan

Oromo Nutis moggaa mirga (gaara) Xuur irraa isatti lallabnee, maqoo itti haasa’uunis (of itti) isa dhiheessine!

Verse 53

وَوَهَبْنَا لَهُۥ مِن رَّحْمَتِنَآ أَخَاهُ هَـٰرُونَ نَبِيًّا

Transliteration wawahabnā lahu min raḥmatinā akhāhu hārūna nabiyyan

Oromo Tola keenya irraas obboleessa isaa Haaruuniin nabiyyii (taasifnee) isaaf kennine.

Verse 54

وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَـٰبِ إِسْمَـٰعِيلَ ۚ إِنَّهُۥ كَانَ صَادِقَ ٱلْوَعْدِ وَكَانَ رَسُولًا نَّبِيًّا

Transliteration wa-udh'kur fī l-kitābi is'māʿīla innahu kāna ṣādiqa l-waʿdi wakāna rasūlan nabiyyan

Oromo Kitaaba (Qur’aana) keessatti (waa’ee) Ismaa’iilis dubbadhuDhugumatti, inni dhugoomsaa waadaa ta’ee jiraErgamaa, nabiyyiis ta’ee jira

Verse 55

وَكَانَ يَأْمُرُ أَهْلَهُۥ بِٱلصَّلَوٰةِ وَٱلزَّكَوٰةِ وَكَانَ عِندَ رَبِّهِۦ مَرْضِيًّا

Transliteration wakāna yamuru ahlahu bil-ṣalati wal-zakati wakāna ʿinda rabbihi marḍiyyan

Oromo Maatii (ummata) isaas salaatafi zakaatti kan ajaju tureGooftaa isaa birattis jaallatamaa ture.

Verse 56

وَٱذْكُرْ فِى ٱلْكِتَـٰبِ إِدْرِيسَ ۚ إِنَّهُۥ كَانَ صِدِّيقًا نَّبِيًّا

Transliteration wa-udh'kur fī l-kitābi id'rīsa innahu kāna ṣiddīqan nabiyyan

Oromo Kitaaba keessatti Idriisiinis dubbadhuDhugumatti, inni dhugaa dubbataa, nabiyyii ture.

Verse 57

وَرَفَعْنَـٰهُ مَكَانًا عَلِيًّا

Transliteration warafaʿnāhu makānan ʿaliyyan

Oromo Iddoo ol aanaattis ol isa fuunee jirra.

Verse 58

أُو۟لَـٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ أَنْعَمَ ٱللَّهُ عَلَيْهِم مِّنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مِن ذُرِّيَّةِ ءَادَمَ وَمِمَّنْ حَمَلْنَا مَعَ نُوحٍ وَمِن ذُرِّيَّةِ إِبْرَٰهِيمَ وَإِسْرَٰٓءِيلَ وَمِمَّنْ هَدَيْنَا وَٱجْتَبَيْنَآ ۚ إِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ءَايَـٰتُ ٱلرَّحْمَـٰنِ خَرُّوا۟ سُجَّدًا وَبُكِيًّا ۩

Transliteration ulāika alladhīna anʿama l-lahu ʿalayhim mina l-nabiyīna min dhurriyyati ādama wamimman ḥamalnā maʿa nūḥin wamin dhurriyyati ib'rāhīma wa-is'rāīla wamimman hadaynā wa-ij'tabaynā idhā tut'lā ʿalayhim āyātu l-raḥmāni kharrū sujjadan wabukiyyan

Oromo Isaan sun warra Rabbiin isaan irratti tola oole; nabiyyoota ilmaan Aadam irraa ta’anii, warra Nuuhii wajjiin (doonii irratti) baadhanne irraas ta’anii, ilmaan Ibraahiimiifi Israa’iil irraas ta’anii, ammas warra Nuti qajeelchinee filanne irraas kan ta’aniidhaKan yeroo keeyyattoonni Rahmaan isaan irratti dubbifamu sujuudaafi booyaa kufaniidha.

Verse 59

۞ فَخَلَفَ مِنۢ بَعْدِهِمْ خَلْفٌ أَضَاعُوا۟ ٱلصَّلَوٰةَ وَٱتَّبَعُوا۟ ٱلشَّهَوَٰتِ ۖ فَسَوْفَ يَلْقَوْنَ غَيًّا

Transliteration fakhalafa min baʿdihim khalfun aḍāʿū l-ṣalata wa-ittabaʿū l-shahawāti fasawfa yalqawna ghayyan

Oromo Isaan boodaas bakka bu’oota (gadhee) salaata miidhaniifi fedha lubbuu isaanii hordofantu hafeHallayyaa jahannam quunnamuuf jiru.

Verse 60

إِلَّا مَن تَابَ وَءَامَنَ وَعَمِلَ صَـٰلِحًا فَأُو۟لَـٰٓئِكَ يَدْخُلُونَ ٱلْجَنَّةَ وَلَا يُظْلَمُونَ شَيْـًٔا

Transliteration illā man tāba waāmana waʿamila ṣāliḥan fa-ulāika yadkhulūna l-janata walā yuẓ'lamūna shayan

Oromo Garuu Namni tawbatee, amanee, gaarii hojjate, Warri sun jannata seenu; homaas hin miidhamanu.

Verse 61

جَنَّـٰتِ عَدْنٍ ٱلَّتِى وَعَدَ ٱلرَّحْمَـٰنُ عِبَادَهُۥ بِٱلْغَيْبِ ۚ إِنَّهُۥ كَانَ وَعْدُهُۥ مَأْتِيًّا

Transliteration jannāti ʿadnin allatī waʿada l-raḥmānu ʿibādahu bil-ghaybi innahu kāna waʿduhu matiyyan

Oromo Jannata qubsumaa ishee Rahmaan gabroota Isaatiif fagootti waadaa gale (seenu)Dhugumatti, Inni waadaan Isaa dhufamaa ta’eera

Verse 62

لَّا يَسْمَعُونَ فِيهَا لَغْوًا إِلَّا سَلَـٰمًا ۖ وَلَهُمْ رِزْقُهُمْ فِيهَا بُكْرَةً وَعَشِيًّا

Transliteration lā yasmaʿūna fīhā laghwan illā salāman walahum riz'quhum fīhā buk'ratan waʿashiyyan

Oromo Nagaa (wal gaafachuu) malee ishee keessatti haasa’a bu’a dhabeessa hin dhagayanIshee keessas isaaniif sooranni isaanii ganamaafi galgala jira.

Verse 63

تِلْكَ ٱلْجَنَّةُ ٱلَّتِى نُورِثُ مِنْ عِبَادِنَا مَن كَانَ تَقِيًّا

Transliteration til'ka l-janatu allatī nūrithu min ʿibādinā man kāna taqiyyan

Oromo Jannatni sun ishee gabroota keenya irraa namoota Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha.

Verse 64

وَمَا نَتَنَزَّلُ إِلَّا بِأَمْرِ رَبِّكَ ۖ لَهُۥ مَا بَيْنَ أَيْدِينَا وَمَا خَلْفَنَا وَمَا بَيْنَ ذَٰلِكَ ۚ وَمَا كَانَ رَبُّكَ نَسِيًّا

Transliteration wamā natanazzalu illā bi-amri rabbika lahu mā bayna aydīnā wamā khalfanā wamā bayna dhālika wamā kāna rabbuka nasiyyan

Oromo Nuti (maleykonni) ajaja Gooftaa keetiitiin ala hin buunuWanti fuuldura keenyaa, wanti duuba keenyaafi wanti gidduu sana jirus kan IsaatiGooftaan keetis dagataa hin taane

Verse 65

رَّبُّ ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَمَا بَيْنَهُمَا فَٱعْبُدْهُ وَٱصْطَبِرْ لِعِبَـٰدَتِهِۦ ۚ هَلْ تَعْلَمُ لَهُۥ سَمِيًّا

Transliteration rabbu l-samāwāti wal-arḍi wamā baynahumā fa-uʿ'bud'hu wa-iṣ'ṭabir liʿibādatihi hal taʿlamu lahu samiyyan

Oromo (Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaan jiran hundaatiKanaafuu Isa (qofa) gabbari; Isa gabbaruu irrattis obsa qabaadhuSila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa?

Verse 66

وَيَقُولُ ٱلْإِنسَـٰنُ أَءِذَا مَا مِتُّ لَسَوْفَ أُخْرَجُ حَيًّا

Transliteration wayaqūlu l-insānu a-idhā mā mittu lasawfa ukh'raju ḥayyan

Oromo Namni “Sila ani ergan du’ee lubbuun jiraadhee (qabrii) baafamaa?” jedha.

Verse 67

أَوَلَا يَذْكُرُ ٱلْإِنسَـٰنُ أَنَّا خَلَقْنَـٰهُ مِن قَبْلُ وَلَمْ يَكُ شَيْـًٔا

Transliteration awalā yadhkuru l-insānu annā khalaqnāhu min qablu walam yaku shayan

Oromo Sila namni akka Nuti kanaan dura dhabama irraa isa uumne hin yaadatuu?

Verse 68

فَوَرَبِّكَ لَنَحْشُرَنَّهُمْ وَٱلشَّيَـٰطِينَ ثُمَّ لَنُحْضِرَنَّهُمْ حَوْلَ جَهَنَّمَ جِثِيًّا

Transliteration fawarabbika lanaḥshurannahum wal-shayāṭīna thumma lanuḥ'ḍirannahum ḥawla jahannama jithiyyan

Oromo Gooftaa keetiin kakannee! Dhugumatti, isaaniifi sheyxaanota walitti qabneeti, ergasii moggaa jahannamitti jilbeenfatoo taasifnee isaan fidna

Verse 69

ثُمَّ لَنَنزِعَنَّ مِن كُلِّ شِيعَةٍ أَيُّهُمْ أَشَدُّ عَلَى ٱلرَّحْمَـٰنِ عِتِيًّا

Transliteration thumma lananziʿanna min kulli shīʿatin ayyuhum ashaddu ʿalā l-raḥmāni ʿitiyyan

Oromo Sana booda garee hunda irraa isaan Rahmaan irratti jallinatti irra cimoo ta’an ni baafna.

Verse 70

ثُمَّ لَنَحْنُ أَعْلَمُ بِٱلَّذِينَ هُمْ أَوْلَىٰ بِهَا صِلِيًّا

Transliteration thumma lanaḥnu aʿlamu bi-alladhīna hum awlā bihā ṣiliyyan

Oromo Ergasii, dhugumatti, Nuti (isaan irraa) warra ishee (Ibidda) seenuu qaban akkaan beekna.

Verse 71

وَإِن مِّنكُمْ إِلَّا وَارِدُهَا ۚ كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ حَتْمًا مَّقْضِيًّا

Transliteration wa-in minkum illā wāriduhā kāna ʿalā rabbika ḥatman maqḍiyyan

Oromo Isin irraa eenyulleen ishee seenu malee hin hafuDirqama Rabbii keetiin murteeffameedha.

Verse 72

ثُمَّ نُنَجِّى ٱلَّذِينَ ٱتَّقَوا۟ وَّنَذَرُ ٱلظَّـٰلِمِينَ فِيهَا جِثِيًّا

Transliteration thumma nunajjī alladhīna ittaqaw wanadharu l-ẓālimīna fīhā jithiyyan

Oromo Sana booda warra Rabbiin sodaatan nagaa baafna; warra miidhaa hojjatan immoo ishee keessatti jilbiiffatoo taasifnee (isaan) dhiifna.

Verse 73

وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ ءَايَـٰتُنَا بَيِّنَـٰتٍ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ لِلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَىُّ ٱلْفَرِيقَيْنِ خَيْرٌ مَّقَامًا وَأَحْسَنُ نَدِيًّا

Transliteration wa-idhā tut'lā ʿalayhim āyātunā bayyinātin qāla alladhīna kafarū lilladhīna āmanū ayyu l-farīqayni khayrun maqāman wa-aḥsanu nadiyyan

Oromo Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifamanis, kaafiroonni mu’uminootaan “Garee lamaan keessaa isa kamtu caalmaa sadarkaatiifi miidhagina iddoo waltajjii qaba?” jedhu.

Verse 74

وَكَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُم مِّن قَرْنٍ هُمْ أَحْسَنُ أَثَـٰثًا وَرِءْيًا

Transliteration wakam ahlaknā qablahum min qarnin hum aḥsanu athāthan wari'yan

Oromo Isaaniin duras dhaloota heddu kan meeshaa mana keessaatiifi argaa ijaattis isaan caalaa babbareedoo ta’anis balleessinee jirra?

Verse 75

قُلْ مَن كَانَ فِى ٱلضَّلَـٰلَةِ فَلْيَمْدُدْ لَهُ ٱلرَّحْمَـٰنُ مَدًّا ۚ حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوْا۟ مَا يُوعَدُونَ إِمَّا ٱلْعَذَابَ وَإِمَّا ٱلسَّاعَةَ فَسَيَعْلَمُونَ مَنْ هُوَ شَرٌّ مَّكَانًا وَأَضْعَفُ جُندًا

Transliteration qul man kāna fī l-ḍalālati falyamdud lahu l-raḥmānu maddan ḥattā idhā ra-aw mā yūʿadūna immā l-ʿadhāba wa-immā l-sāʿata fasayaʿlamūna man huwa sharrun makānan wa-aḍʿafu jundan

Oromo Jedhi (Yaa Muhammad!-SAW): “Nama jallina keessa jiru Rahmaan (jallina inni filate) akkaan isaaf haa dabalu; yeroo waan waadaa isaaniif galame, adabbii yookiin Qiyaamaa argan, nama iddoon isaa irra badaafi raayyaa waraanaatti irra dadhabaa ta’e fuulduratti ni beeku.

Verse 76

وَيَزِيدُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ٱهْتَدَوْا۟ هُدًى ۗ وَٱلْبَـٰقِيَـٰتُ ٱلصَّـٰلِحَـٰتُ خَيْرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابًا وَخَيْرٌ مَّرَدًّا

Transliteration wayazīdu l-lahu alladhīna ih'tadaw hudan wal-bāqiyātu l-ṣāliḥātu khayrun ʿinda rabbika thawāban wakhayrun maraddan

Oromo Rabbiinis warra qajeelaniif qajeeluma dabalaHojiiwwan gaggaarii yeroo dheeraaf turantu Rabbii kee biratti mindaa ta’uun caalaadha; deebiidhaanis isatu (irra) caalaadha

Verse 77

أَفَرَءَيْتَ ٱلَّذِى كَفَرَ بِـَٔايَـٰتِنَا وَقَالَ لَأُوتَيَنَّ مَالًا وَوَلَدًا

Transliteration afara-ayta alladhī kafara biāyātinā waqāla laūtayanna mālan wawaladan

Oromo Sila isa keeyyattoota keenyatti kafaree “Ani dhugumatti, qabeenyaafi ilmaan kennamuufin jira” jedhe naaf himi?

Verse 78

أَطَّلَعَ ٱلْغَيْبَ أَمِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحْمَـٰنِ عَهْدًا

Transliteration aṭṭalaʿa l-ghayba ami ittakhadha ʿinda l-raḥmāni ʿahdan

Oromo Sila (iccitii) fagoo irratti mul’atemoo Rahmaan biratti waadaa wahii godhate?

Verse 79

كَلَّا ۚ سَنَكْتُبُ مَا يَقُولُ وَنَمُدُّ لَهُۥ مِنَ ٱلْعَذَابِ مَدًّا

Transliteration kallā sanaktubu mā yaqūlu wanamuddu lahu mina l-ʿadhābi maddan

Oromo Lakki; (kun hin ta’u) Nuti waan inni jedhus ni galmeessina; adabbii irraas dabaltii (isaaf malu) isaaf daballa.

Verse 80

وَنَرِثُهُۥ مَا يَقُولُ وَيَأْتِينَا فَرْدًا

Transliteration wanarithuhu mā yaqūlu wayatīnā fardan

Oromo Waan inni (qaba) jedhu (hunda) irraa dhaalla; innis kophaa isaa Nutti dhufa

Verse 81

وَٱتَّخَذُوا۟ مِن دُونِ ٱللَّهِ ءَالِهَةً لِّيَكُونُوا۟ لَهُمْ عِزًّا

Transliteration wa-ittakhadhū min dūni l-lahi ālihatan liyakūnū lahum ʿizzan

Oromo Akka humnaafi kabajaa isaaniif ta’aniif jecha Rabbiin alatti gabbaramoo godhatan

Verse 82

كَلَّا ۚ سَيَكْفُرُونَ بِعِبَادَتِهِمْ وَيَكُونُونَ عَلَيْهِمْ ضِدًّا

Transliteration kallā sayakfurūna biʿibādatihim wayakūnūna ʿalayhim ḍiddan

Oromo Lakkisaa; (kun waan ta’uu miti) isaan fuulduratti gabbaruu isaanii ni mormu; isaan irrattis faallaa ta’anii dhiaatu.

Verse 83

أَلَمْ تَرَ أَنَّآ أَرْسَلْنَا ٱلشَّيَـٰطِينَ عَلَى ٱلْكَـٰفِرِينَ تَؤُزُّهُمْ أَزًّا

Transliteration alam tara annā arsalnā l-shayāṭīna ʿalā l-kāfirīna ta-uzzuhum azzan

Oromo Sila akka Nuti kaafiroota irratti sheyxaanota erginee (badii irratti) kakaasanii dhiibaa turan hin arginee?

Verse 84

فَلَا تَعْجَلْ عَلَيْهِمْ ۖ إِنَّمَا نَعُدُّ لَهُمْ عَدًّا

Transliteration falā taʿjal ʿalayhim innamā naʿuddu lahum ʿaddan

Oromo Isaan (adabamuu) irratti hin jerjerin; Nuti lakkoofsa (guyyootaa) isaaniif lakkaayaa jirra.

Verse 85

يَوْمَ نَحْشُرُ ٱلْمُتَّقِينَ إِلَى ٱلرَّحْمَـٰنِ وَفْدًا

Transliteration yawma naḥshuru l-mutaqīna ilā l-raḥmāni wafdan

Oromo Guyyaa warra Rabbiin sodaatan gara Rahmaanitti garee kabajamoo taasifnee isaan walitti qabnu [yaadadhu].

Verse 86

وَنَسُوقُ ٱلْمُجْرِمِينَ إِلَىٰ جَهَنَّمَ وِرْدًا

Transliteration wanasūqu l-muj'rimīna ilā jahannama wir'dan

Oromo Badii raawwattoota immoo dheebotoo taasifnee gara Jahannam oofna

Verse 87

لَّا يَمْلِكُونَ ٱلشَّفَـٰعَةَ إِلَّا مَنِ ٱتَّخَذَ عِندَ ٱلرَّحْمَـٰنِ عَهْدًا

Transliteration lā yamlikūna l-shafāʿata illā mani ittakhadha ʿinda l-raḥmāni ʿahdan

Oromo Nama Rahmaan biraa waadaa qabu malee araarsaa argachuu hin danda’anu

Verse 88

وَقَالُوا۟ ٱتَّخَذَ ٱلرَّحْمَـٰنُ وَلَدًا

Transliteration waqālū ittakhadha l-raḥmānu waladan

Oromo “Rahmaan ilma godhate” jedhu.

Verse 89

لَّقَدْ جِئْتُمْ شَيْـًٔا إِدًّا

Transliteration laqad ji'tum shayan iddan

Oromo Dhugumatti, isin waan fokkataa fiddaniirtu.

Verse 90

تَكَادُ ٱلسَّمَـٰوَٰتُ يَتَفَطَّرْنَ مِنْهُ وَتَنشَقُّ ٱلْأَرْضُ وَتَخِرُّ ٱلْجِبَالُ هَدًّا

Transliteration takādu l-samāwātu yatafaṭṭarna min'hu watanshaqqu l-arḍu watakhirru l-jibālu haddan

Oromo (Kana) irraa samiin babbaqaquu, dachiinis dhodhooyuufi gaarreenis caccabanii kufuuf dhiaatu (fiddan).

Verse 91

أَن دَعَوْا۟ لِلرَّحْمَـٰنِ وَلَدًا

Transliteration an daʿaw lilrraḥmāni waladan

Oromo Rahmaaniif ilma moggaasuu irraa (babbaqaqutti dhiaatu)

Verse 92

وَمَا يَنۢبَغِى لِلرَّحْمَـٰنِ أَن يَتَّخِذَ وَلَدًا

Transliteration wamā yanbaghī lilrraḥmāni an yattakhidha waladan

Oromo Rahmaan ilma godhachuun isaaf hin malu

Verse 93

إِن كُلُّ مَن فِى ٱلسَّمَـٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ إِلَّآ ءَاتِى ٱلرَّحْمَـٰنِ عَبْدًا

Transliteration in kullu man fī l-samāwāti wal-arḍi illā ātī l-raḥmāni ʿabdan

Oromo Wanti samiifi dachii keessa jiran hundi gabra (Isaa) qofa ta’anii gara Rahmaan dhufanu malee hin hafan

Verse 94

لَّقَدْ أَحْصَىٰهُمْ وَعَدَّهُمْ عَدًّا

Transliteration laqad aḥṣāhum waʿaddahum ʿaddan

Oromo Dhugumatti, Inni tokko tokkoon isaan beeka; lakkoofsa guutuu ta’es isaan lakkaa’eera

Verse 95

وَكُلُّهُمْ ءَاتِيهِ يَوْمَ ٱلْقِيَـٰمَةِ فَرْدًا

Transliteration wakulluhum ātīhi yawma l-qiyāmati fardan

Oromo Hundi isaaniis Guyyaa Qiyaamaa kophaa isaanii gara Isaatti (Rahmaanitti) dhufu.

Verse 96

إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّـٰلِحَـٰتِ سَيَجْعَلُ لَهُمُ ٱلرَّحْمَـٰنُ وُدًّا

Transliteration inna alladhīna āmanū waʿamilū l-ṣāliḥāti sayajʿalu lahumu l-raḥmānu wuddan

Oromo Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan, Rahmaan fuulduratti jaalala isaaniif taasisa

Verse 97

فَإِنَّمَا يَسَّرْنَـٰهُ بِلِسَانِكَ لِتُبَشِّرَ بِهِ ٱلْمُتَّقِينَ وَتُنذِرَ بِهِۦ قَوْمًا لُّدًّا

Transliteration fa-innamā yassarnāhu bilisānika litubashira bihi l-mutaqīna watundhira bihi qawman luddan

Oromo Wanti Nuti arraba kee irratti isa (Qur’aana kana) sii laaffifneef akka warra Rabbiin sodaatan ittiin gammachiiftee, ummata akkaan mormitoota ta’an immoo ittiin sodaachiftuufi

Verse 98

وَكَمْ أَهْلَكْنَا قَبْلَهُم مِّن قَرْنٍ هَلْ تُحِسُّ مِنْهُم مِّنْ أَحَدٍ أَوْ تَسْمَعُ لَهُمْ رِكْزًۢا

Transliteration wakam ahlaknā qablahum min qarnin hal tuḥissu min'hum min aḥadin aw tasmaʿu lahum rik'zan

Oromo Isaan duras dhaloota irraa meeqaatama balleessinee jirra! Sila isaan irraa tokkos argitaa? Yookiin hasaasa (qilixii) isaaniif ni dhageessaa?

Read Surah Maryam in another language

All languages

All 114 surahs in Oromo: the Qur’an in Oromo.

Learn it in MyDugsi

Oromo translation: Ghali Apapur Apaghuna, from Quran.com. Transliteration: Quran.com. Recitation: Mishary Alafasy, from EveryAyah.com. MyDugsi is a learning aid, not a replacement for a qualified teacher.