Surah Al-Jinn in Oromo: translation and audio
Surah 72 · الجن · The Jinn · 28 verses
Surah Al-Jinn verse by verse: the Arabic with a recitation you can repeat, the transliteration, and the Oromo translation by Ghali Apapur Apaghuna. For the meaning of every word, see Surah Al-Jinn word by word in English.
Verse 1
قُلْ أُوحِىَ إِلَىَّ أَنَّهُ ٱسْتَمَعَ نَفَرٌ مِّنَ ٱلْجِنِّ فَقَالُوٓا۟ إِنَّا سَمِعْنَا قُرْءَانًا عَجَبًا
Transliteration qul ūḥiya ilayya annahu is'tamaʿa nafarun mina l-jini faqālū innā samiʿ'nā qur'ānan ʿajaban
Oromo (Yaa Muhammad SAW!) Gareen jinnii irraa ta'an (Qur'aana) dhageeffatanii (akkana) jedhaniin wahyiin natti godhameera jedhi: “nuti dhugumatti, Qur'aana dinqisiisaa dhageenye
Verse 2
يَهْدِىٓ إِلَى ٱلرُّشْدِ فَـَٔامَنَّا بِهِۦ ۖ وَلَن نُّشْرِكَ بِرَبِّنَآ أَحَدًا
Transliteration yahdī ilā l-rush'di faāmannā bihi walan nush'rika birabbinā aḥadan
Oromo [Inni] gara karaa sirriitti qajeelcha; kanaafuu, isatti amanneerraGooftaa keenyattis waan tokkollee hin qindeessinu.
Verse 3
وَأَنَّهُۥ تَعَـٰلَىٰ جَدُّ رَبِّنَا مَا ٱتَّخَذَ صَـٰحِبَةً وَلَا وَلَدًا
Transliteration wa-annahu taʿālā jaddu rabbinā mā ittakhadha ṣāḥibatan walā waladan
Oromo Inumaa kabajaan Gooftaa keenyaa dhugumatti guddateera; niitiis ta'ee ilmoo hin godhanne.
Verse 4
وَأَنَّهُۥ كَانَ يَقُولُ سَفِيهُنَا عَلَى ٱللَّهِ شَطَطًا
Transliteration wa-annahu kāna yaqūlu safīhunā ʿalā l-lahi shaṭaṭan
Oromo Gowwoonni keenya Rabbi irratti soba dubbatu turan.
Verse 5
وَأَنَّا ظَنَنَّآ أَن لَّن تَقُولَ ٱلْإِنسُ وَٱلْجِنُّ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا
Transliteration wa-annā ẓanannā an lan taqūla l-insu wal-jinu ʿalā l-lahi kadhiban
Oromo Nuti immoo namoonniifi jinnoonni Rabbi irratti soba hin dubbatanu jechuu yaanne.
Verse 6
وَأَنَّهُۥ كَانَ رِجَالٌ مِّنَ ٱلْإِنسِ يَعُوذُونَ بِرِجَالٍ مِّنَ ٱلْجِنِّ فَزَادُوهُمْ رَهَقًا
Transliteration wa-annahu kāna rijālun mina l-insi yaʿūdhūna birijālin mina l-jini fazādūhum rahaqan
Oromo Ammas dhiironni nama irraa ta'an dhiirota jinnii irraa ta'anitti maganfatanii boona qofa isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.
Verse 7
وَأَنَّهُمْ ظَنُّوا۟ كَمَا ظَنَنتُمْ أَن لَّن يَبْعَثَ ٱللَّهُ أَحَدًا
Transliteration wa-annahum ẓannū kamā ẓanantum an lan yabʿatha l-lahu aḥadan
Oromo Akkuma isin yaaddan isaanis Rabbiin nama tokkollee (erga du'ee) hin kaasu jechuu yaadaa turan.
Verse 8
وَأَنَّا لَمَسْنَا ٱلسَّمَآءَ فَوَجَدْنَـٰهَا مُلِئَتْ حَرَسًا شَدِيدًا وَشُهُبًا
Transliteration wa-annā lamasnā l-samāa fawajadnāhā muli-at ḥarasan shadīdan washuhuban
Oromo Nutis samiitti ga'uu (feeneti) kan isheen eegdota jajjaboofi qaanqeen (urjii furguuggamtuu) guutamte ishee argine.
Verse 9
وَأَنَّا كُنَّا نَقْعُدُ مِنْهَا مَقَـٰعِدَ لِلسَّمْعِ ۖ فَمَن يَسْتَمِعِ ٱلْـَٔانَ يَجِدْ لَهُۥ شِهَابًا رَّصَدًا
Transliteration wa-annā kunnā naqʿudu min'hā maqāʿida lilssamʿi faman yastamiʿi l-āna yajid lahu shihāban raṣadan
Oromo Nuti ishee irraa teessuma (haasa'a) dhageeffachuuf teenyu qabna turreNamni amma dhageeffate immoo qaanqee (urjii) isa eeggatu isaaf arga.
Verse 10
وَأَنَّا لَا نَدْرِىٓ أَشَرٌّ أُرِيدَ بِمَن فِى ٱلْأَرْضِ أَمْ أَرَادَ بِهِمْ رَبُّهُمْ رَشَدًا
Transliteration wa-annā lā nadrī asharrun urīda biman fī l-arḍi am arāda bihim rabbuhum rashadan
Oromo Nuti nama dachii keessa jirutti hamtuun yaadamuu yookiin Gooftaan isaanii qajeeluma isaaniin fedhuu hin beeknu!
Verse 11
وَأَنَّا مِنَّا ٱلصَّـٰلِحُونَ وَمِنَّا دُونَ ذَٰلِكَ ۖ كُنَّا طَرَآئِقَ قِدَدًا
Transliteration wa-annā minnā l-ṣāliḥūna waminnā dūna dhālika kunnā ṭarāiqa qidadan
Oromo Nutis nurraa gaggaariin ni jiranAmmas nurraa kan sanaan ala ta'antu jiruNuti warra karaa adda addaati turre
Verse 12
وَأَنَّا ظَنَنَّآ أَن لَّن نُّعْجِزَ ٱللَّهَ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَن نُّعْجِزَهُۥ هَرَبًا
Transliteration wa-annā ẓanannā an lan nuʿ'jiza l-laha fī l-arḍi walan nuʿ'jizahu haraban
Oromo Nuti dachii keessatti Rabbiin jalaa hin baanu; dheessuudhaanis Isa hin dadhabsiifnuu beeknee jirra.
Verse 13
وَأَنَّا لَمَّا سَمِعْنَا ٱلْهُدَىٰٓ ءَامَنَّا بِهِۦ ۖ فَمَن يُؤْمِنۢ بِرَبِّهِۦ فَلَا يَخَافُ بَخْسًا وَلَا رَهَقًا
Transliteration wa-annā lammā samiʿ'nā l-hudā āmannā bihi faman yu'min birabbihi falā yakhāfu bakhsan walā rahaqan
Oromo Nuti yeroma Qajeelfama dhageenye isatti amanneNamni Gooftaa isaatti amane hir’achuu (mindaa) ta'ee dabaltii (adabaa) hin sodaatu.
Verse 14
وَأَنَّا مِنَّا ٱلْمُسْلِمُونَ وَمِنَّا ٱلْقَـٰسِطُونَ ۖ فَمَنْ أَسْلَمَ فَأُو۟لَـٰٓئِكَ تَحَرَّوْا۟ رَشَدًا
Transliteration wa-annā minnā l-mus'limūna waminnā l-qāsiṭūna faman aslama fa-ulāika taḥarraw rashadan
Oromo Nuti, nurraa muslimoonni ni jiran; jallattoonnis nurraa ni jiru; Namni Islaamayes warri sun karaa qajeelaa barbaadanii jiru.
Verse 15
وَأَمَّا ٱلْقَـٰسِطُونَ فَكَانُوا۟ لِجَهَنَّمَ حَطَبًا
Transliteration wa-ammā l-qāsiṭūna fakānū lijahannama ḥaṭaban
Oromo Jallattoonni immoo Jahannamiif qoraan ta'an.”
Verse 16
وَأَلَّوِ ٱسْتَقَـٰمُوا۟ عَلَى ٱلطَّرِيقَةِ لَأَسْقَيْنَـٰهُم مَّآءً غَدَقًا
Transliteration wa-allawi is'taqāmū ʿalā l-ṭarīqati la-asqaynāhum māan ghadaqan
Oromo Odoo isaan karaa qajeelaa irra gadi dhaabbatanii, bishaan baay'ee (samii irraa) isaan obaafna turre.
Verse 17
لِّنَفْتِنَهُمْ فِيهِ ۚ وَمَن يُعْرِضْ عَن ذِكْرِ رَبِّهِۦ يَسْلُكْهُ عَذَابًا صَعَدًا
Transliteration linaftinahum fīhi waman yuʿ'riḍ ʿan dhik'ri rabbihi yasluk'hu ʿadhāban ṣaʿadan
Oromo Isa keessatti isaan qormaatuuf jecha (obaafna ture)Namni yaadannoo Gooftaa isaa (Qur'aana) irraa garagale, (Rabbiin) adabbii jabaa isa seensisa.
Verse 18
وَأَنَّ ٱلْمَسَـٰجِدَ لِلَّهِ فَلَا تَدْعُوا۟ مَعَ ٱللَّهِ أَحَدًا
Transliteration wa-anna l-masājida lillahi falā tadʿū maʿa l-lahi aḥadan
Oromo Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.
Verse 19
وَأَنَّهُۥ لَمَّا قَامَ عَبْدُ ٱللَّهِ يَدْعُوهُ كَادُوا۟ يَكُونُونَ عَلَيْهِ لِبَدًا
Transliteration wa-annahu lammā qāma ʿabdu l-lahi yadʿūhu kādū yakūnūna ʿalayhi libadan
Oromo Yeroo gabrichi Rabbii (Muhammad SAW!) Isa waammachuuf dhaabbatu (jinnoonni) isa irratti tuuta ta'utti dhihaatu.
Verse 20
قُلْ إِنَّمَآ أَدْعُوا۟ رَبِّى وَلَآ أُشْرِكُ بِهِۦٓ أَحَدًا
Transliteration qul innamā adʿū rabbī walā ush'riku bihi aḥadan
Oromo (Yaa Muhammad SAW!) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattiis waan tokkollee hin qindeessu."
Verse 21
قُلْ إِنِّى لَآ أَمْلِكُ لَكُمْ ضَرًّا وَلَا رَشَدًا
Transliteration qul innī lā amliku lakum ḍarran walā rashadan
Oromo Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u."
Verse 22
قُلْ إِنِّى لَن يُجِيرَنِى مِنَ ٱللَّهِ أَحَدٌ وَلَنْ أَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلْتَحَدًا
Transliteration qul innī lan yujīranī mina l-lahi aḥadun walan ajida min dūnihi mul'taḥadan
Oromo Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraarsuIsa malees hirkoo hin argadhu.
Verse 23
إِلَّا بَلَـٰغًا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِسَـٰلَـٰتِهِۦ ۚ وَمَن يَعْصِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ فَإِنَّ لَهُۥ نَارَ جَهَنَّمَ خَـٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدًا
Transliteration illā balāghan mina l-lahi warisālātihi waman yaʿṣi l-laha warasūlahu fa-inna lahu nāra jahannama khālidīna fīhā abadan
Oromo Rabbi irraa (wahyii)fi ergaawwan Isaa geessuu malee (hin danda'u)Namni Rabbiifi Ergamaa Isaa faallesse, dhugumatti ibidda jahannam kan ishee keessatti hafutu isaaf jira.
Verse 24
حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوْا۟ مَا يُوعَدُونَ فَسَيَعْلَمُونَ مَنْ أَضْعَفُ نَاصِرًا وَأَقَلُّ عَدَدًا
Transliteration ḥattā idhā ra-aw mā yūʿadūna fasayaʿlamūna man aḍʿafu nāṣiran wa-aqallu ʿadadan
Oromo Yeroo waan ittiin sodaachifaman argan namni tumsaadhaan akkaan dadhabaafi lakkoofsaan daran xiqqaa eenyuun akka ta'e beekuuf jiru.
Verse 25
قُلْ إِنْ أَدْرِىٓ أَقَرِيبٌ مَّا تُوعَدُونَ أَمْ يَجْعَلُ لَهُۥ رَبِّىٓ أَمَدًا
Transliteration qul in adrī aqarībun mā tūʿadūna am yajʿalu lahu rabbī amadan
Oromo “Wanti isin sodaachifamtan dhihoo ta'uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin.
Verse 26
عَـٰلِمُ ٱلْغَيْبِ فَلَا يُظْهِرُ عَلَىٰ غَيْبِهِۦٓ أَحَدًا
Transliteration ʿālimu l-ghaybi falā yuẓ'hiru ʿalā ghaybihi aḥadan
Oromo (Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul'isu.
Verse 27
إِلَّا مَنِ ٱرْتَضَىٰ مِن رَّسُولٍ فَإِنَّهُۥ يَسْلُكُ مِنۢ بَيْنِ يَدَيْهِ وَمِنْ خَلْفِهِۦ رَصَدًا
Transliteration illā mani ir'taḍā min rasūlin fa-innahu yasluku min bayni yadayhi wamin khalfihi raṣadan
Oromo Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu)Inni fuuldura isaatiifi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa.
Verse 28
لِّيَعْلَمَ أَن قَدْ أَبْلَغُوا۟ رِسَـٰلَـٰتِ رَبِّهِمْ وَأَحَاطَ بِمَا لَدَيْهِمْ وَأَحْصَىٰ كُلَّ شَىْءٍ عَدَدًۢا
Transliteration liyaʿlama an qad ablaghū risālāti rabbihim wa-aḥāṭa bimā ladayhim wa-aḥṣā kulla shayin ʿadadan
Oromo Haaluma waan isaan bira jiru hundatti marseefi waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabee jiruun ‘ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ga'uu isaanii’ akka ifa baasuuf (eegdota kaa'e)
Read Surah Al-Jinn in another language
- English (word by word)
- Albanian
- Amazigh
- Amharic
- Assamese
- Azerbaijani
- Bambara
- Bangla
- Bosnian
- Bulgarian
- Chechen
- Chinese
- Czech
- Dari
- Dhivehi
- Dutch
- Finnish
- French
- German
- Gujarati
- Hausa
- Hebrew
- Hindi
- Indonesian
- Italian
- Japanese
- Kannada
- Kazakh
- Khmer
- Kinyarwanda
- Korean
- Kurdish
- Luganda
- Malay
- Malayalam
- Maranao
- Marathi
- Nepali
- Norwegian
- Pashto
- Persian
- Polish
- Portuguese
- Romanian
- Russian
- Sindhi
- Sinhala
- Somali
- Spanish
- Swahili
- Swedish
- Tagalog
- Tajik
- Tamil
- Tatar
- Telugu
- Thai
- Turkish
- Ukrainian
- Urdu
- Uyghur
- Uzbek
- Vietnamese
- Yao
- Yoruba
All 114 surahs in Oromo: the Qur’an in Oromo.
Oromo translation: Ghali Apapur Apaghuna, from Quran.com. Transliteration: Quran.com. Recitation: Mishary Alafasy, from EveryAyah.com. MyDugsi is a learning aid, not a replacement for a qualified teacher.